Dhimma ijoo ta'etti seeni

EBLA 16, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Kabaja Ayyaana Yaadannoo 2020—Afriikaa

Sagantaa Televizyinii fi Raadiyoodhaan Tamsaafame

Kabaja Ayyaana Yaadannoo 2020—Afriikaa

Ayyaanni Yaadannoo duʼa Kiristoos bara 2020 seenaa tiʼookraasii keenya keessatti baayʼee adda ture. Yeroo jalqabaatiif sagantaan Ayyaana Yaadannoo qooqawwan biyyoota Afriikaa keessa jiran muraasaan televizyinii fi raadiyoodhaan tamsaafameera.

Sagantaan kun namoota fedhii argisiisanii fi hangana hin jedhamne dabalatee babalʼistoonni 407,000 ol taʼan sagantaa Ayyaana Yaadannoo akka hordofan gargaareera. Namoonni sagantaa kana ilaalan walumaa galatti meeqa akka taʼan beekamuu baatus, namoonni naannoo sagantaan kun itti tamsaafame keessa jiraatan miliyoona 150 ol taʼu.

Sababii golfaa COVID-19 jedhamuun kan kaʼe, namoonni addunyaa mara irra jiran harki caalaan haasaa Ayyaana Yaadannoo viidiyoo koonfiransiidhaan hordofaniiru. Babalʼistoonni Afriikaa keessa jiraatan hedduun garuu bakka baasiin intarneetii fi bilbila moobaayilii baayʼee miʼaa taʼe keessa waan jiraataniif, sagantaa kana kallattiidhaan hordofuu ykn viidiyoowwan isaa daawunloodii godhachuu hin dandaʼan. Kanaaf, Qaamni Ol Aanaan waajjiroota damee tokko tokkoof dhaabbata televizyinii fi raadiyoo naannoo fi biyyaalessaatiin sagantaan kun akka isaaniif tamsaafamuuf baasii gaarii taʼeen akka waliif galan isaaniif heyyameera.

Ayyaana Yaadannoo dura walumaa galatti waajjiroonni damee 11, jechuunis Angoolaa, Beeniin, Kaameruun, Koot Diivuwaar, Rippuubliikii Dimookraatawaa Koongoo, Gaanaa, Maalaawwii, Moozaambiik, Seneegaal, Zaambiyaa fi Zimbaabuwee dhaabbilee tamsaasaa haasofsiisanii haasaa Ayyaana Yaadannoo biyyoota 16 keessatti uummataaf tamsaasuuf naannoowwan 36⁠tti qophii taasisan.

Angoolaa

Walumaa galatti dhaabbileen raadiyoo jaʼa sagantaa Ayyaana Yaadannoo afaan jaʼaan, jechuunis Ibindaa, Kiikoongoo, Kimbuunduu, Niyaanekaa, Afaan Poortugaalii fi Umbunduutiin tamsaasuuf walii galan. Dhaabbileen raadiyoo kunneen keessaa muraasni bakka namoonni baayʼee hedduu taʼan jiraatan keessatti tamsaafamu.

Rippuubliikii Dimookraatawaa Koongoo

Shamarreen Kitaaba Qulqulluu qoʼattu tokko warri ishii Dhugaa Baatota Yihowaa waan mormaniif sagantaa Ayyaana Yaadannoo kophaa ishii ilaaluuf karoora baafattee turte. Haa taʼu malee, haasaa Ayyaana Yaadannoo ilaaluuf qophii gochaa utuu jirtuu, abbaan ishii gorduubaa, “Haasichi jalqabeera!” jedhee ishii waame. Ishiinis gara gorduubaa yommuu dhuftu guutummaan maatii ishii saganticha televizyiiniidhaan ilaaluuf walitti qabamuun isaanii ishii dinqisiise. Walumaa galatti miseensonni maatii ishii kudhan sagantaa Ayyaana Yaadannoo ilaalaniiru.

Ganda Luuwenaa jedhamutti dhihoo taʼetti namni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane tokko akkana jedheera: “Paastaroonni keenya homaa illee nuuf hin goone. Isin garuu, yeroo golfaan COVID-19 jedhamu kun jirutti illee Waaqa keessan waaqeffachuu keessan itti fuftaniittu. Nuyis isinii wajjin taana!”

Gaanaa

Dhaabbanni Televizyinii biyyaalessaa sagantaa Ayyaana Yaadannoo Afaan Tiwiitiin tamsaasuuf walii gale. Dhaabbanni kun namoonni sagantaa Ayyaana Yaadannoo kana akka ilaalan beeksisa baasee ture. Sagantaa Ayyaana Yaadannoo tamsaasuu malees, viidiyoowwan Yesuus kan Duʼe Maaliifi?, Waaqayyo Rakkinni Akka jiraatu kan heyyame maaliifi? jedhan argisiiseera, akkasumas muuziqaa viidiyoo Addunyaa Haaraan Dhufuuf Jedha fi Addunyaa Haaraan Baayʼee Dhihaateera jedhan taphachiiseera.

Seneegaal

Obboleettiin tokko akkana jetteetti: “Namoonni waaʼee Yihowaa televizyinii fi raadiyoo irraa barachuu dandaʼaniiru. Kun baayʼee dinqisiisaa dha! Akka baayʼee eebbifamne kan nutti dhagaʼame taʼuu isaa irra iyyuu baayʼee gammanneerra. Yihowaan Waaqa keenya taʼuu isaatti boonneerra!”

Obboleettiin kan biraan akkana jetteetti: “Haasaan Ayyaana Yaadannoo televizyiniidhaan akka darbu yommuun dhagaʼu, akkasin ofiin jedhe: ‘Sababii golfaa COVID-19 kanaan duula afeerraa Ayyaana Yaadannoo gochuu hin dandeenye. Televizyiniidhaan waan darbuuf garuu namoonni hedduun Ayyaana Yaadannoo daawwachuu ni dandaʼu.’ Namootan Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisu, deddeebiiwwan gaaffii koo fi namoota Dhugaa Baatota hin taanee fi ani beeku hundumaaf bilbileen waaʼee sagantaa televizyiniidhaan darbu kanaa isaanitti hime. Namootan Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisu sagalii fi maatiiwwan isaanii haasaa sana ilaaluu dandaʼaniiru. Durbiiwwan koo Ziiginkoor keessatti saganticha ilaalan keessaa tokko irraa caalaatti akka mariʼannu gaaffiin naa dhihaateera; anis gammachuudhaan tole jedheen.”

Qophiin addaa kun, yaada Yihowaadhaaf “wanti hundi ni dandaʼama” jedhuuf ragaa dabalataa taʼa.—Maatewos 19:26.