Dhimma ijoo ta'etti seeni

Miseensonni Qaama Ol Aanaa Haasaa Ayyaana Yaadannoo yommuu kennan: (bitaa) Obboleessa keenya Antoonii Mooris haasaa miseensa maatii Betʼeliif darbu yommuu kennu; (mirga ol) Obboleessa Jeefrii Jaaksanii fi (mirga gadi) Obboleessa Maark Saandarsan kutaa isaanii taʼanii viidiyookonfiraansiitiin gumiiwwaniif haasaa yommuu kennan

EBLA 10, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Kabaja Ayyaana Yaadannoo 2020 Yunaayitid Isteetis Betʼelitti Godhame

Kabaja Ayyaana Yaadannoo 2020 Yunaayitid Isteetis Betʼelitti Godhame

Ebla 7, 2020 utuma dhibee daddarbaan Koronaa jiruu Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus Kiristoos kabajaniiru. Akkuma Obboleessi keenya Isteefan Leet inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe dubbate, “Vaayirasiin ykn golfaan kam iyyuu dinqisiifannaa nuti wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhaniif qabnu akkasumas kutannoo nuti Irbaata Gooftaa kabajuuf goone nu jalaa laaffisuu hin dandaʼu.” Kun dhugaa taʼuun isaa waggaa kanatti kan mirkanaaʼe akkamitti?

Kun mata dureewwan kutaa oduu jedhu jalatti walitti aansanii baʼanii fi obboloonni keenya addunyaa maratti argaman yeroo dhibee daddarbaan koronaa kanatti Ayyaana Yaadannoo akkamitti akka kabajan ibsan keessaa isa jalqabaati. Mata duree kana keessatti waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maraa fi waajjira damee Yunaayitid Isteetisitti Ayyaanni Yaadannoo akkamitti akka kabajame ilaalla.

Dhorkaa mootummaan namoonni akka walitti hin qabamne godheef, ajajamuudhaan Qaamni Ol Aanaan sagantaan Ayyaana Yaadannoo tokko miseensota maatii Betʼel hundumaaf akka tamsaʼu murteesseera. Haasaan kan kenname galma walgaʼii Waarwiikitti ture. Waarwiikitti haasaa kan kenne obboleessa keenya Antoonii Mooris ture. Miseensonni maatii Yunaayitid Isteetis Betʼel hundumtuu kutaa isaanii taʼanii sagantaa kana ilaaluuf carraa argataniiru. Maxinoo fi wayinii irraa kan hirmaatan muraasa taʼanis, Biiroon Betʼel miseensota maatichaa hundaaf Maxinoo fi wayinii dhiheesseera.

Miseensonni maatii Betʼel gara kutaa isaaniitti akka fudhatan maxinoo fi Wayiniin qophaaʼee ture

Kana malees, miseensonni maatii Betʼel sagantaa ayyaanichaa karaa viidiyookonfiraansiitiin gumii isaanii wajjin hirmaachuu dandaʼaniiru. Akkasumas miseensonni maatii Betʼel jaarsolii taʼan, karaa viidiyookonfiraansii haasaa Ayyaana Yaadannoo kennuuf carraa argatanii turan.

Hiriyoonni gaaʼelaa Woolkiilitti tajaajilan kutaa isaanii taʼanii Ayyaana Yaadannoo yommuu kabajan

Miseensonni maatii Betʼel hedduun Ayyaanni Yaadannoo kun isa duraan hirmaatan kam iyyuu caalaa addaa akka ture dubbataniiru. Obboloota isaanii irraa qaamaan kan gargar baʼan taʼus, obbolootaa fi obboleettota addunyaa mara jiranii fi jaalala guddaa Yihowaa fi Ilmi isaa Yesuus Kiristoos argisiisan yaadachuudhaan tokko akka taʼan isaanitti dhagaʼameera.—Yohaannis 3:16; Maatewos 20:28.