Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi keenya Maarki Saandarsan inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Kiroʼeshiyaa fi Afaan Sarbiyaa haareffamanii baʼan yommuu beeksisu

EBLA 29, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Kiroʼeshiyaa fi Afaan Sarbiyaatiin Haareffame Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Kiroʼeshiyaa fi Afaan Sarbiyaatiin Haareffame Baʼe

Ebla 25, 2020⁠tti, obboleessi keenya Maark Saandarsan, inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe, viidiyoo dursee waraabameen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa haareffame Afaan Kiroʼeshiyaa fi Afaan Sarbiyaatiin akka baʼe beeksise. Hiikkaan Afaan Sarbiyaatiin baʼe qubee gosa lamaan, jechuunis qubee Romaanii fi qubee Siirliikiin ture.

Dhorkaa mootummaan vaayirasii koronaatiin kan kaʼe godheef ajajamuudhaan gumiiwwan Boosniyaa fi Herzegoviinaa, Kiroʼeshiyaa, Montenegroo fi Sarbiyaa kitaabni kun yeroo baʼutti walgaʼii gochuu hin dandeenye. Kanaaf, walgaʼiin addaa kun karaa viidiyoo konfiransii geggeeffame. Walumaa galatti namoonni 12,705 taʼan saganticha hordofuu dandaʼaniiru.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya saganticha Afaan Kiroʼeshiyaa fi Afaan Sarbiyaatiin yommuu hordofan

Obboloota saganticha karaa viidiyoo konfiransii hordofan keessaa tokko Kitaaba Qulqulluu haareffamee baʼe sana “faaya dhugaa” akka taʼe ibseera; akkasumas “akkuma waan Yihowaan dhuunfaadhaan natti dubbachaa jirutti” natti dhagaʼame jedheera. Obboleessi jaarsa gumii taʼee tajaajilu kan biraan immoo akkana jedhee ibseera: “Yeroon hiikkaa Kitaaba Qulqulluu haareffame kana afaan dhalootaa kootiin dubbisutti, Yihowaan akka na jaallatuu fi kunuunsa naaf gochaa akka jiru caalaatti hubachuu dandaʼera. Amma yeroon warra kaan jajjabeessutti, obbolootaa fi obboleettota Yihowaan hangam akka isaan jaallatuu fi bakka guddaa akka isaaniif kennu caalaatti isaaniif ibsuu nan dandaʼa.”

Hojiin hiikkaa isaa kan jalqabe dhuma 1996⁠tti dha. Waggaa sadii utuu hin guutin, Adoolessa 1999⁠tti, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Kiroʼeshiyaa fi Afaan Sarbiyaatiin baʼe. Waggaa torba booda immoo, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa guutuun isaa afaan lamaaniinuu bara 2006⁠tti baʼe.

Maxxansawwan Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Kiroʼeshiyaa fi Afaan Sarbiyaa haareffamanii baʼan, sirrii fi salphaatti kan hubataman akka taʼan, akkasumas namoonni dubbisan hundi “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa” taʼuu isaa akka hubatan gargaaruu isaanii akka itti fufan akka godhan ni abdanna.—Ibroota 4:12.