Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettiin Jaappaan keessatti argamtuu fi Maayeekoo Yaashinaarii jedhamtu rakkina ijaa waan qabduuf yaada kennitu yommuu barreeffattu

Ebla 28, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

Mana Barumsaa Qajeelchitootaa Yeroo Jalqabaatiif Intarneetiidhaan Geggeeffame

Mana Barumsaa Qajeelchitootaa Yeroo Jalqabaatiif Intarneetiidhaan Geggeeffame

Sababa Vaayirasii Koronaatiin kan kaʼe, bara tajaajilaa 2021⁠tti, Manni Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaa addunyaa maratti Viidiyoo Intarneetiitiin geggeeffame. Barattoonni qophii isaaniif godhame kanaaf dinqisiifannaa guddaa waan qabaniif, mana barumsaa kana irratti argamuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhaniiru. Muuxannoowwan armaan gaditti argaman, Yihowaan qajeelchitoonni tokko tokko qorumsa addaa isaan mudate dandamatanii akka irratti hirmaatan kan isaan gargaare akkamitti akka taʼe argisiisu.

Obboleettiin Jaappaan keessatti argamtuu fi Maayeekoo Yaashinaarii jedhamtu Qajeelchaa Yeroo Hundaa taatee waggaa 30f tajaajilteetti . (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) Meeshaalee elektirooniksiitti fayyadamuun kan ishii rakkisuu fi rakkina ijaa kan qabdu taʼus, Mana barumsaa qajeelchitootaa intarneetiidhaan geggeeffamu irratti hirmaachuuf murteessite. Akkas jetteetti: “Yeroon qoʼadhu yaadan argadhe salphaatti dubbisaa deebisuu akkan dandaʼuuf gurguddiseen barreeffadha. Yihowaan mana barumsaa kana jalqabee hamman xumurutti baayʼee na jabeesseera, akkasumas na ijaareera.”

Obboleettiin Aniitaa Kaariyuukiin, qajeelchituu magaalaa Naayiroobii, Keeniyaatti dhihoo argamtuu fi Siikaa jedhamtu keessa jiraattu yeroo taatu, hojii miidhaginaa hojjechuudhaan of deggerti. Mana barumsaa kana irratti argamuuf, torbee tokkoof mana miidhaginaashii cufuu qabdi turte. Jalqaba irratti dhiphattee kan turte taʼus, booda garuu Yihowaan akka ishii gargaaru amanamteetti. Aniitaan, “Yihowaa cimseen kadhadhe, dhimmicha isarratti gateen dhiise, achiis tajaajila koon itti fufe” jetteetti. Sanbadduraa fi Dilbata manni barumsichaa jalqabamuu isaa dura turetti, qarshii baasii ishii hedduu uwwisuuf ishii gargaaru argatteetti. Doolaarri Ameerikaa 30⁠ni kan jalaa hirʼate taʼus mana barumsichaa hirmaachuu ni jalqabde. Gaafa Roobii akkuma barumsa xumuraniin , maamilli ishii tokko bilbiltee qarshii ishiirraa liqeeffattee turte deebisteef. Qarshiin sun baasii ishii isa jalaa hirʼate hunda kan ishiidhaaf guutu ture!

Obboleettiin keenya Looraa Maadrigaalas jedhamtuu fi Yoro, Hoonduras keessa jiraatti. Yeroo tokko, obomboleettiin rooba qabuu fi Harikeen Itaa fi Ayootaa jedhamu, lolaa dhoqqee qabu mana ishiitti kan galche siʼa taʼu, dhoqqeen sun gara meetira tokkoo mana ishii keessa asii ol tuulame. Yeroo Looraan mana barumsaa qajeelchitootaa irratti akka argamtu afeeramteetti, maatiin ishii waan qaban hunda dhabuu isaanii irrayyuu, mana isaanii gadi dhiisanii iddoo kan biraa turan. Afeeramuu ishiitti gammaddee kan turte taʼus, hamma yeroon mana barumsichaa gaʼutti warri ishii mana sana qulqulleessanii ni xumuruu laata inni jedhu baayʼee ishii yaaddessee ture. Looraan akkas jechuudhaan haala isaa ibsiteetti: “Yeroo hunda manicha qulqulleessuuf bariidhaan kaanee jalqabnee halkan xumurra turre. Guyyoota muraasaaf akkasuma gochaa kan itti fufne yeroo taʼu, baayʼee dadhabeen ture. Humna qophii gochuuf na gargaaru akkan hin qabne waan natti dhagaʼameef affeerraa naaf dhihaate deebisuufan murteesse.” Haalli ishii mudate kun hammam akka ishii gaddisiise kadhannaadhaan Yihowaatti himte. Kan nama ajaaʼibu, manni barumsichaa eegaluu isaa guyyoota muraasa dura, Koreen Gargaarsa Yeroo Balaa manicha qulqulleessuu dhufe. Kun immoo qophaaʼuuf yeroo akka argattu kan godhe siʼa taʼu, manuma ishii keessatti mana barumsichaa hirmaachuu dandeesseetti.

Obboleettii keenya Looraa Maadrigaalas jedhamtuu fi Hoonduras keessa jiraattu, manni ishii obomboleettiidhaan miidhame qulqulleeffamuu isaa dura

Obboleessi keenya Ispeenser Istaashii fi haati manaa isaa Alezaandiraan, Cliivlaandi, Ohaayoo, Yuunaayitid Isteetis keessatti qajeelchitoota yeroo hundaa taʼanii tajaajilu. Manni barumsichaa eegaluu isaa dura, Roobart abbaan Ispeensar inni kophaa isaa jiraatu, dhukkubsatee hospitaala seene. Kanaaf, mana barumsichaa irratti hirmaachuu ni dandeenya moo hin dandeenyu inni jedhu hiriyoota gaaʼelaa kana yaaddessee ture. Roobart akka irratti hirmaatan isaan jajjabeessaa ture. Kan nama gaddisiisu manni barumsichaa eegaluu isaa guyyoota lama dura abbaan isaa ni boqote. Ispeenserii fi Alezaandiraan baayʼee gaddanii turan. Taʼus, mana barumsichaa irratti kan argaman yeroo taʼu, kan isaan miliqe guyyaa isa jalqabaa qofa ture. Kadhannaan isaan dhiheessan jabaatanii itti fufuuf isaan gargaareera. Ispeenser fedhii abbaa isaanii waan guutaniif boqonnaan sammuu akka isaanitti dhagaʼame dubbateera. Itti dabaluudhaan Ispeenser akkas jedheera: “Guyyaa mana barumsaa sana irratti akka hirmaanne isatti himnuu fi wantoota achitti baranne isaaf hirru hawwii guddaadhaan eegganna. Obboloonni nu faana baratanii fi barsiisonni keenyas deggersa nu barbaachisu nuuf godhaniiru.”

Obboleessi keenya Chaang Daaseek jedhamu, Kooriyaa Kibbaa keessatti, waggaa kudhaniif dhaabbata maanguddoota itti kunuunsan keessa jiraachaa ture. Dhibeen Istirookii jedhamu erga isa lamsheessee booda, wiilchariidhaan malee sochoʼuu hin dandaʼu. Kanaan dura mana barumsaa kana irratti hirmaachuuf yaalee kan ture taʼus, haala fayyaa isaatiin kan kaʼe guyyaa tokko caalaa hirmaachuu hin dandeenye ture. Intarneetiidhaan akka irratti hirmaatuuf affeerraan yeroo isa gaʼetti baayʼee gammade. Chaang haala isaa yaadachuudhaan akkas jedheera: “Qophii kana baayʼee ajaaʼibsiifachuu koo irraan kan kaʼe imimmaan koo toʼachuu hin dandeenye. Qophiin kun utuu hin godhamne taʼee karaa kamiinuu mana barumsaa kana irratti hirmaachuu hin dandaʼun ture. Yeroo barumsaatti hirmaannaa gochuu dandaʼuu koottis baayʼee gammadeera.”

Obboleessi keenya Chaang Daaseek jedhamu, Kooriyaa Kibbaa keessatti mana itti kunuunfamu keessatti mana barumsaa qajeelchitootaa irratti yeroo hirmaatu

Obboleessi keenya Eedii Baayee fi haadha manaa isaa Cheeriis, Qajeelchitoota yeroo hundaa Awustiraaliyaa keessa jiraatan

Obboleessi keenya Eedii Eel Baayee fi haati manaa isaa Cheeriis, Niiw Saawuz Weelsi, Awustiraaliyaa keessa jiraatu. Cheeriis, “Tajaajilli koo akka quucare natti dhagaʼamee ture. Akka waanan hidhamee jiruu, jijjiirama gochuun dadhabe” jetteetti. Wanti ishii barbaachisu garuu mana barumsaa qajeelchitootaa qofa ture. Cheeriis “Karaawwan haala rakkisaa keessatti illee tajaajila koo balʼifachuuf na dandeessisan hubachuuf na gargaareera” jetteetti.

Eediin immoo jajjabina mana barumsichaa irraa argate yeroo ibsu, “Yihowaan gaarummaadhaan harka isaa gateettii koo irra kaaʼee na hammachuudhaan, ‘Jabaadhu! Si faanan jira, sin jaalladha, akkasumas siifan yaada!’ akka naan jedhetti natti dhagaʼama” jedheera.

Barumsawwan dabalataa intarneetiidhaan geggeeffaman kaanis wagguma kana keessa saganteeffamaniiru. Haalli rakkisaan yoo jiraatellee, sabni Yihowaa barumsa argachuu itti fufuun isaanii baayʼee nu jajjabeesseera. Yaada Iyyoob, “Kunoo, Waaqayyo humna isaatiin ol kaʼeera; Barsiisaan akka isaa eenyu?” jechuudhaan dubbate nu yaadachiisa.—Iyyoob 36:22.

Fakkiin armaan gadii, barattootaa fi barsiisota biyyoota kaan keessatti argamanii fi qophii kana irraa fayyadaman argisiisa.

 

ARJENTIINAA: Barattoota intarneetiidhaan, bakka buufata konkolaataatti karaa al idilee taʼeen dhugaa waan baʼaa jiran fakkeessanii kutaa dhiheessaa jiran

KAAMEERUUN: Obboleessa Gaay Leetan, Barsiisaa mana barumsaa qajeelchitootaa fi Misiyoonii waggoota 12f Kaameruun keessa tajaajile, waaʼee Hiikkaa Kitaaba Qulqulluu yeroo barsiisutti, maraa kitaabota Galaana duʼaa keessaa argaman barattootatti argisiisaa jira

GIRIIK: Obboleessa keenya Taakiis Paaduulaas, Ilaaltuu Olaanaa Aanaa gumiiwwan giddu galeessa Giriikitti argaman gargaaru, mana barumsaa qajeelchitootaa irratti barsiisaa jira

Xaaliyaanii: Mana barumsaa qajeelchitootaa afaan Ingiliffaatiin Xaaliyaanii keessatti geggeeffaman shanan keessaa isa tokko

MEEKSIIKOO: Nama kitaaba afaan Sootsiil isa Chiyaappaas keessatti balʼinaan dubbatamuun qophaaʼetti fayyadamee mana barumsaa qajeelchitootaa hirmaachaa jiru. Kutaan kun kutaa afaan Sootsiiliin geggeeffame isa jalqabaati

SIRIILAANKAA: Obboleessa keenya Niishaantaa Guunavardaanaa fi haadha manaa isaa Shiiroomaalaa, qajeelchitoota addaa mana barumsichaa irratti hirmaachaa jiran

TAANZAANIYAA: Obboleessa keenya Wiiliyaam Bundaalaa isa Zaanzibar keessatti jaarsa gumii taʼee tajaajilu, mana jala iddoo Waayifaayiin sirriitti hojjetu taaʼee jira