Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Viktoor Sataasheeviskii

BITOOTESSA 30, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

Manni Murtii Kireemiyaa Obboleessa Viktoor Sataasheeviskiitti Hidhaa Waggaa Jaʼaa fi Walakkaa Murteesse

Manni Murtii Kireemiyaa Obboleessa Viktoor Sataasheeviskiitti Hidhaa Waggaa Jaʼaa fi Walakkaa Murteesse

ODEEFFANNOO HAARAA: Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Obboleessi Viktoor Sataasheeviskiin Dhiheesse Fudhachuu Dide

Hagayya 10, 2021, Manni Murtii Magaalaa Sevaastoopool ol iyyannoo obboleessi Viktoor dhiheesse fudhachuu dide. Murtiin jalqaba waggaa jaʼaa fi walakkaa akka hidhamu itti murtaaʼe amma hojii irra oola. Bitootessaa 29, 2021 kaasee hamma yoonaatti mana hidhaa hanga murtiitti tursiisan keessa ture, dhiheenyatti garuu mana hidhaatti dabarfama.

Bitootessa 29, 2021, Manni Murtii Koonyaa Gaagaariinskii inni Magaalaa Kireemiyaa, Sevaastoopool jiru, Obboleessi Viktoor Sataasheeviskiin yakkamaa akka taʼe ibsuudhaan hidhaa waggaa jaʼaa fi walakkaa itti murteesse. Viktoor yeruma sana toʼannaa jala kan galfame yoo taʼu, achiis mana hidhaatti geeffameera. Murtii isa irratti darbeef ol iyyannoo ni dhiheessa.

Ibsa Gabaabaa

Viktoor Sataasheeviskii

  • Bara Dhalootaa: 1966 (Kaanisk, Naannoo Kiraasnooyariskii Raashiyaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Bara 1983 Sevaastoopool, Kireemiyaatti gale. Bara 1993 humna waraanaa galaanaa keessaa soorama baʼe. Bara 2002 Laarisaa wajjin gaaʼela godhatan. Ijoollee durbaa lama qabu. Uumamni cufti wal xaxaa fi seera qabeessaa taʼuun isaa yeroo hunda waan isa ajaaʼibsiisuuf Uumaa beekuu barbaada ture. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa jireenyi isaa hiika akka qabaatu taasise. Bara 2004 cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe

Himata

Waxabajjii 4, 2019, poolisoonni Humna Nageenyaa Fedaraalaa manneen Dhugaa Baatota Yihowaa Sevaastoopool jiran kudhan sakattaʼan. Manneen tokko tokko gara saʼaatii afuriif sakkattaʼaman. Yeroo kanatti poolisoonni Humna Nageenyaa Fedaraalaa obboloonnii fi maatiin isaanii bishaan akka dhuganis taʼe, mana fincaanii akka fayyadaman isaaniif hin heyyamne. Kana malees, miʼa isaanii akka caccabsanii fi qoricha sammuu namaa hadoochu mana isaanii keessa dhoksuudhaan yakkaan akka isaan himatan isaan sossodaachisan.

Kanaan kan kaʼes, Obboleessi Viktoor Sataasheeviskiin qabamee mana hidhaa bulfame. Akkasumas “hogganaa jaarmiyaa finxaalessummaa” akka taʼe himatame. Dhugaan isaa garuu inni kan himatame sababa amantii isaatiin yoo taʼu, kunis mirga heerri mootummaa isaaf kenne kan jalaa sarbu ture.

Viktoor dhaabbataadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluun isaa, ija jabeessa taʼuu fi gammachuudhaan dandamachuuf akka isa gargaare dubbateera. Keessumaa yaada Daawit Mootichaa isa Faarfannaa 62:5-8 irra jiru irraa jabina argateera. Viktoor yeroo murtiitti dhihaate hundatti wanta isatti dhagaʼame akka itti aanutti ibseera: “Yihowaan yeroo hunda na cina waan jiruu fi yeroo kam iyyuu caalaa waan natti dhihaateef, hariiroon ani isaa waliin qabu cimeera. Yihowaan rakkina koo akka hubatuu fi fedhii ani isaaf amanamaa taʼuuf qabu akka beeku akkasumas maqaa isaa isa guddaaf jedhee yeroo barbaachisutti akka na deggeru matumaa shakkee hin beeku.”

Yihowaan Viktoorii fi maatii isaa dabalatee obbolootaa fi obboleettota ariʼatamni irra gaʼu hunda akka deggaru beekna. Yihowaan iddoo kooluu itti galanii fi dahoo isaaniif taʼuu isaa itti fufa.—Faarfannaa 91:2.