Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Artam Geraasimoov

GURAANDHALA 27, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Manni Murtii Kiriimiyaa Obboleessa Keenya Artam Geraasimoov Ilaalchisee Murtii Kennuufi

Manni Murtii Kiriimiyaa Obboleessa Keenya Artam Geraasimoov Ilaalchisee Murtii Kennuufi

Manni Murtii Magaalaa Yaaltaa, Rippuubliikii Kiriimiyaa keessatti argamu obboleessa keenya Artam Geraasimoov ilaalchisee Bitootessa 3, 2020⁠tti murtii kenna jedhamee eegama. Abbaan alangaa Obboleessi keenya Geraasimoov sababii amantii isaatiif waggaa jaʼaa fi walakkaa akka hidhamu gaafateera.

Obboleessi keenya Geraasimoov Bitootessa 20 2019⁠tti poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa (FSB) manneen Dhugaa Baatota Yihowaa saddeet magaalota Kiriimiyaa Aluupkaa fi Yaaltaa keessatti argaman yeroo weeraranitti yeroodhaaf qabamee qoratamee ture. Yeroo manneen kana sakattaʼanitti poolisoonni Kitaaba Qulqulluu dabalatee koompiitarootaa fi meeshaalee elektirooniksii kaan saamaniiru. Achiis, qorattoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa waanuma inni namoota kaanii wajjin waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼateef qofa sochiiwwan mankaraaristummaa akka qindeessetti Artam Geraasimooviin himatan.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya sababii amantii isaaniitiin qofa yeroo jalʼinni haqaa isaan irratti raawwatamu kanatti Yihowaan ‘akka isaan jabeessuu fi akka humna’ isaaniif kennu ni amanna.—Faarfannaa 138:3.