Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Igoor Ishimeet

ONKOLOOLESSA 25, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

Manni Murtii Kiriimiyaa Obboleessi Igoor Ishimeet Yakkamaa Akka Taʼetti Himate

Manni Murtii Kiriimiyaa Obboleessi Igoor Ishimeet Yakkamaa Akka Taʼetti Himate

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Kiriimiyaa Ol Iyyannoo Fudhachuu Dide

Amajjii 13, 2022, Manni Murtii Magaalaa Sevaastoopool ol iyyannoo Obboleessi Igoor Ishimeet dhiheesse fudhachuu dide. Kanaaf hidhaan isaa itti fufa.

Chaartii Yeroo

  1. Onkoloolessa 22, 2021​tti, Manni Murtii Koonyaa Gaagaariinskii inni Magaalaa Kireemiyaa, Sevaastoopool jiru Igoor yakkamaa akka taʼetti himachuudhaan hidhaan waggaa jaʼa akka itti murteeffamu godhe. Yeruma sanas gara mana hidhaatti geeffame

  2. Ebla 22, 2021

    Manni murtichaa himata jalqabaa ni dhagaʼe

  3. Bitootessa 23, 2021

    Igoor buufta poolisii keessaa baafamee mana isaa keessatti akka hidhamu taasifame

  4. Onkoloolessa 1, 2020

    Igoor amantaa jaarmiyaa dhorkamee gurmeesseera jedhamee himatame; gara buufata poolisiitti ergamuu isaa duras guyyaa lamaaf bakka biraa tursiifameera

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa jiran eebbisuu isaa akka itti fufuu fi ‘gaarummaadhaan akka isaanitti marsu’ ni amanna.—Faarfannaa 5:12.