HAGAYYA 9, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA
Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa Obboleessa Keenya Rostoom Aslaaniyaan Deggeruudhaan Murteesse
Injifannoo Bilisummaa Amantii Tiraansinistiriyaatti Argame
Adoolessa 13, 2021tti Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa (ECHR) himata Moldoovaa fi Raashiyaa keessatti Obboleessa keenya Rostoom Aslaaniyaan irratti dhihaate ilaalchisee isaaf murteesseera. Obboleessi keenya Aslaaniyaan sababa amantii isaatiin kan kaʼe waraana irratti hirmaachuu diduu isaatiin dogoggoraan mana hidhaa Tiraansinistiriyaa (Riippuubliikii Piridnestirooviskaayaa Moldaaviskiyaa) akka galfame dubbachuudhaan falmateera. Injifannoon argame kun bilisummaa amantii ilaalchisee Tiraansinistiriyaa keessatti buʼuura gaarii kaaʼeera.
Addunyaa irratti Tiraansinistiriyaan kutaa Moldoovaa akka taatetti kan beekamtu taʼus, Raashiyaanis dhimmoota nageenyaa wajjin haala wal qabateen naannicha toʼachuuf walii galtee mallatteessiteetti. Biyyoonni kun lamaanuu miseensota Mana Maree Mirgoota Namummaa Awurooppaa waan taʼaniif mirga ilaalchaa namootaa kabajuu qabu.
Bara 2010tti Obboleessi keenya Aslaaniyaan waraana irratti akka hirmaatuuf filatame; inni garuu amantii isaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼeen kan kaʼe, waraana irratti hirmaachuu mannaa tajaajila kan biraa kennuuf gaafate. Bitootessa 29, 2011tti gaaffiin inni gaafate fudhatama waan dhabeef himanni isarratti banamee hidhaan waggaa tokko isatti murtaaʼe. Obboleessi keenya Aslaaniyaan hidhaasaa kan xumure taʼus, himanni isarratti baname yeroo booda Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti dhiheeffame.
Manni Murtii kunis Obboleessi keenya Aslaaniyaan sababii sammuun isaa isaaf hin heyyamneef waraana irratti hirmaachuu diduu isaatiin hidhamuun isaa deggersa seeraa akka hin qabne ifa godhe. Manni Murtii kun Raashiyaan gama waraanaa, dinagdee fi siyaasaatiin Tiraansinistiriyaa toʼachaa akka turte bira gaʼeera. Kanaafuu taʼeewwan achitti raawwatamaa jiraniif Raashiyaa fi Moldoovaan itti gaafatamu jechuudha. Kanaan kan kaʼes Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa abbootiin taayitaa Obboleessi keenya Aslaaniyaan waraana irratti hirmaachuu diduu isaatiin waggaa tokko isatti murteessuun isaanii mirga amantii isaa sarbuu waan taʼeef, waggaa tokkon inni mana hidhaa keessatti dabarseef mootummaan Raashiyaa kiisii akka isaaf kaffalu murtii dabarseera.
Murtiin kun obboloota keenya Tiraansinistiriyaa jiraniif gama seeraatiin eegumsa waan godhuuf gammanneerra. Kun ragaa kan biraa Yihowaan yeroo saba isaarra ariʼatamni gaʼutti jaalala amanamaa akka isaanitti argisiisuu fi akka isaaniif yaadu nuuf mirkaneessu dha.—Faarfannaa 18:25.