Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 4, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Manni Murtii Ol Aanaa Kiriimiyaa Obboleessa Arteem Geeraasimoovitti Hidhaa Waggaa Jaʼaa Murteesse

Manni Murtii Ol Aanaa Kiriimiyaa Obboleessa Arteem Geeraasimoovitti Hidhaa Waggaa Jaʼaa Murteesse

Waxabajjii 4, 2020 Manni Murtii Ol Aanaa Kiriimiyaa Obboleessi Arteem Geeraasimoovi nagaadhaan waaqeffannaa amantii isaa irratti waan hirmaateef hidhaa waggaa jaʼaa itti murteesse. Obboleessi kun adaba Manni Murtii Magaalaa Yaaltaa ruubilee 400,000 (gara doolaara Ameerikaa 6,000) akka kaffalu itti murteesse irraa bilisa taʼuuf Mana Murtii Ol Aanaa gaafachaa ture. Taʼus, Manni Murtii Ol Aanaa yeruma sana kan isatti murteesse siʼa taʼu, Obboleessi Geeraasimoov mana hidhaa galfameera. Murtoon kun akka isaaf haqamu ol iyyannoo ni dhiheessa.