Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waggoota lamaan darbaniif, babalʼistoonni akkasumas namoonni fedhii qabanii fi qaro dhabeeyyii taʼan ykn iji isaanii akka gaariiti hin argine walgaʼii naannoo ibsa sagalee qabu irraa faayidaa argataniiru

AMAJJII 26, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA

Namoota Qaro Dhabeeyyii fi Sirriitti hin Argineef Ibsi Viidiyoo Irratti Sagaleedhaan Kennamu Walgaʼii Naannoo Caalaatti Buʼa Qabeessa Godheera

Namoota Qaro Dhabeeyyii fi Sirriitti hin Argineef Ibsi Viidiyoo Irratti Sagaleedhaan Kennamu Walgaʼii Naannoo Caalaatti Buʼa Qabeessa Godheera

Ibsi viidiyoo irratti sagaleedhaan kennamu walgaʼiin naannoo keenya irratti waggoottan sadan darbaniif dhihaachaa jira. Sagaleewwan viidiyicha irratti dhagaʼaman kun fakkiiwwanii fi doʼiiwwan viidiyicha irra jiran irratti ibsa kennu, kana irraa kan fayyadamu adda durummaadhaan namoota qaro dhabeeyyii ykn iji isaanii akka gaariitti hin argine dha. Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni qaro dhabeeyyiin gara miliyoona 43 taʼan, akkasumas namoonni iji isaanii akka gaariitti hin argine gara miliyoona 295 taʼan nyaata hafuuraa irraa akka fayyadamaniif ibsa viidiyoo irratti sagaleedhaan kennamu qopheessaa jiru.

Pireezidaantii Dhaabbata ibsa sagaleedhaan viidiyoo irratti kennamuu fi hayyuu beekamaa kan taʼan Doktar Jooʼel Isnaayidar carraaqqii gama kanaan godhamu ilaalchisee akkas jedhaniiru: “Hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni qaro dhabeeyyiin ykn iji isaanii akka gaariitti hin argine odeeffannoo akka argatan gargaaruuf hojjetan baayʼeen dinqisiifadha. Namoonni hedduun viidiyoo isaanii yommuu qopheessanitti yeroo baayʼee namoota qaro dhabeeyyii taʼan gargaaruuf ibsa sagaleedhaan kennamu itti hin dabalan. Kanaafuu, kana gochuu isaaniitiif Dhugaa Baatota Yihowaa guddaan isin galateeffadha.”

Qaamni Ol Aanaan sababii weerara dhukkubaatiin walgaʼiin naannoo 2020 viidiyoo konfiransiidhaan akka taʼu yommuu murteessu, viidiyoowwan irratti ibsi sagaleedhaan kennamu akka qophaaʼu murteesseera. Bara 2020, Kutaan Tajaajila Hiikkaa Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa, inni Waarwiik Niwuu Yoorki Ameerikaa jiru viidiyoo walgaʼii naannoo ibsa sagalee qabate qopheesseera. Bara 2021, hojiin kun kutaa Text Processing Services jedhamuu fi Wiirtuu Barumsaa Dhugaa Baatota Yihowaa Paatarsan, Niwuu Yoorkitti argamutti kennameera. Gareen ibsa sagaleedhaan kennamu kana qopheessu, gama kanaan hojii gaarii hojjechuuf karaa intarneetii leenjii fudhateera.

Doktar Isnaayidar akkas jedhaniiru: “Karaa baayʼee buʼa qabeessa taʼeen ibsuun akkamitti akka dandaʼamu namoota ni leenjistu.” Namni kun kana gochuun “jechoota gagabaaboo, ifa taʼanii fi yaadaan ilaaluuf gargaaranitti” fayyadamuu akka dabalatu ibsaniiru.

Akkaataa viidiyoon ibsa sagalee qabu itti hojjetamu: (1) Gareen ibsa sagalee viidiyoo irratti kennamu qopheessu sagalee viidiyichaa qofa dhaggeeffata; (2) gareen sun waraqaa ibsa sagaleedhaan viidiyoo irratti kennamu sanaa qopheessa; (3) achiis namni tokko sagalee sana ni waraabama; (4) hojii hiikkaa ibsa sagalee kanaatiif wantoonni barbaachisan waajjiroota damee hundaaf ergamu

Jalqaba gareen Dhugaa Baatota Yihowaa tokko viidiyoo walgaʼii naannoo irratti dhihaatu sana sagalee isaa qofa dhaggeeffata. Akkaataa namni qaro dhabeessi ykn iji isaa akka gaariitti hin argine tokko kutaa walgaʼii naannoo sana itti hubatu beekuuf jalqaba irratti viidiyoo isaa hin ilaalan. Miseensonni garee sanaa hundi wanta isaanitti dhagaʼame ni barreessu. Achiis viidiyoo isaa ilaalu, yeroo kanatti bakka viidiyichi sagalee hin qabaannetti ibsi sagalee kennamuu waan qabuuf iddoo kana adda baafatu.

Sagalee viidiyicha irratti dhagaʼamu gidduu ibsa sagalee kan biraa galchuun hojii ulfaataa dha. Mikaaʼel Miileen inni garee Dhugaa Baatota Yihowaa viidiyoodhaaf ibsa sagalee qopheessu wajjin hojjetu akkana jedheera: “Iddoon jiru murtaaʼaa waan taʼeef, viidiyicha hubachuuf wanti caalaatti barbaachisaa taʼe isa kam akka taʼe murteessuun nu barbaachisa. Yeroo, bakka, taatotaa fi gocha isaa ibsuuf carraaqqii goona.”

Gareen ibsa sagalee qopheessuu kun, viidiyicha irratti ilaalcha mataa isaanii galchuu irraa of qusachuu qabu. Doktar Isnaayidar kitaaba isaa The Visual Made Verbal jedhamu irratti, namoota ibsa sagalee qopheessaniif gorsa akkana jedhu kennaniiru: “Ibsa sagalee sirrii taʼe fayyadamuudhaan namoonni wanta raawwatamaa jiru yaadaan akka ilaalan godhaa. Kana jechuun, ‘baayʼee aare’ ykn ‘baayʼee gaddite’ jechuu dhiisuu jechuu dha. Kanaa mannaa, ‘Harka isaa aboottifachaa jira’ ykn ‘Boʼaa jirti’ jedhaa.”

Gareen ibsa sagalee qopheessu yaada isaa waraqaadhaan erga qopheessee booda, dhuma irratti namni tokko sagalee sana ni waraabama. Namni waraabamu sun sagalee tasgabbii qabuu fi dhaabbataa taʼeen dubbisuu qaba. Mikaaʼel Miileen akkana jedhaniiru: “Kaayyoon nama sagalee waraabamu sanaa qaama viidiyicha irratti mulʼatu wajjin wal dorgomuu miti. Namni sagalee waraabamu sun garmalee miira hoʼaadhaan kan dubbatu yoo taʼe, namoonni dhaggeeffatan namni ibsa sagalee kennu kun nama kan biraa viidiyicha keessa jiru akka taʼetti akka yaadan godha.”

Gareen teeknikaa sirreeffama isa xumuraa godha, achiis waajjiroonni damee afaan isaaniitiin qopheessuu akka dandaʼaniif wantoonni hiikkaaf barbaachisan isaaniif ergamu. Mikaaʼel akka jedhetti, walgaʼiiwwan naannoo lamaan darbanitti, gareen kun guutummaa walgaʼiichaatiif ibsa sagalee qopheessuun viidiyoo daqiiqaa tokkoof gara saʼaatii sadii isaanitti fudhateera.

Yeroo ammaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afaan 1,000 oliin hiikaa jiru. Lakkoofsi kun ibsa sagaleedhaan kennamu kan hin dabalamne taʼus, namoonni tokko tokko ibsi sagaleedhaan kennamu akka afaan mataa isaa dandaʼetti lakkaaʼamuu akka dandaʼu isaanitti dhagaʼama. Mikaaʼel akkana jedheera: “Ibsi viidiyoo irratti sagaleedhaan kennamu namoota qaro dhabeeyyii taʼaniif akkuma hiikuutti ilaalama jechuun ni dandaʼama. Wantoonni viidiyoo irratti mulʼatan sagaleedhaan hiikamu.”

Yihowaan namoonni haala gara garaa keessa jiran hundi, nyaata hafuuraa heddumminaan dhihaatu irraa akka fayyadaman gochuu isaatti guddaa isa galateeffanna!—Isaayaas 65:13.