AMAJJII 23, 2024 | ODUU HAAREFFAME: EBLA 18, 2024
ODUU ADDUNYAA MARAA
ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSA KEENYA TOKKOTTI MURTAAʼE | “Nama Amantii Qabuuf Wanti Hundi ni Dandaʼama”
Ebla 16, 2024 Manni Murtii Godinaa Naakimoovsikii inni magaalaa Seevaastoopoolitti argamu, obboleessa keenya Maaksiim Ziinchiyeenkoon yakkamaa akka taʼe isatti murteessuudhaan, waggaa lamaaf hojii humnaa akka hojjetu isatti murteesseera. Gamoo mana sirreessaa keessa jiraachuu fi bakka ramadametti tajaajila uummataa kennuun isa irraa eegama.
Ibsa Gabaabaa
Yihowaan obboleessa keenya Maaksiim dabalatee, namoota ija jabinaa fi jabaatanii dhaabbachuudhaan fedha isaa raawwachuu isaanii itti fufan akka eebbisu amanannaa guutuu qabna.—Ibroota 10:35, 36.
Chaartii Yeroo
Caamsaa 17, 2023
Sochii jaarmiyaa finxaalessaa taʼe irratti hirmaatteetta jedhamee yakkaan himatame
Caamsaa 22, 2023
Manni isaa ni sakattaʼame. Maaksiimii fi Kaariinaa irratti qorannaan ni geggeeffame. Maaksiim yeroodhaaf gara mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessatti hidhame
Caamsaa 24, 2023
Maaksiim ni gadhiifame, garuu manaa akka hin baane dhorkame
Adoolessa 12, 2023
Himanni yakkaa isaan irratti dhihaate ilaalamuu jalqabe