BITOOTESSA 5, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA
Obboleessi Keenya Sargee Filaatoov Mana Murtii Kiriimiyaatti Dhihaatee Hidhaan Waggaa Ja’aa Itti Murteeffame
Bitootessa 5, 2020tti Manni Murtii Godina Zyaankooyiskii Riippuublikii Kiriimiyaa keessatti argamu obboleessa keenya Sargee Filaatoov irratti murteesseera. Hidhaan waggaa jaʼaa isatti murteeffameera. Obboleessi keenya Filaatoov Dhugaa Baatuu isa jalqabaa Kiriimiyaa keessatti Seera Yakkaa Raashiyaatiin himatame dha. Murtii kana ilaalchisee ol iyyannoo ni dhiheeffata.