Dhimma ijoo ta'etti seeni

EBLA 30, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Obboloonni Addunyaa maraa, Warra Dhibee Daddarbaadhaan Warra Jaallatan Duʼan Dhaban Jajjabeessaniiru

Obboloonni Addunyaa maraa, Warra Dhibee Daddarbaadhaan Warra Jaallatan Duʼan Dhaban Jajjabeessaniiru

Ofii keenyaas taʼe warra kaan dhukkuba vaayirasii koronaa irraa eeguuf wanta dandeenyu hunda gochaa kan jirru taʼus, nutis miidhaa duʼaaf nama saaxilu kana irraa bilisa miti. (Lallaba 9:11) Kan nama gaddisiisu, hamma ammaatti obboloonnii fi obboleettonni keenya 872 sababa COVID-19n duʼaniiru. Obboloonni keenya warra gaddan gargaaruu fi jajjabeessuuf tarkaanfii hatattamaa fudhachaa jiru. (1 Qorontos 12:26) Hunda caalaa immoo obboloonni, Yihowaa isa waadaa Filiphisiyus 4:7 irratti “nagaa [isaa]” akka nuuf kennu galee wajjin haala wal simuun yeroo hunda tarkaanfii fudhatutti amanamaa jiru.

Obboleettii Haancheenii fi abbaa manaa ishii

Haancheen Unuuzar ishiin Kaaba Xaaliyaanii, Bolzaanootti qajeelchituu addaa taatee tajaajiltu gargaarsa jaarmiyaa Yihowaa argatteetti. Kan nama gaddisiisu, abbaan manaa ishii Maanfireed Unuuzar vaayirasii koronaatiin Bitootessa 28, 2020⁠tti duʼeera. Obboleessi keenya Unuuzar tajaajila addaa keessatti gara waggaa 58 kan dabarse siʼa taʼu, haadha manaa isaa wajjin gara waggaa 54 tajaajilaniiru. Hojii daawwannaa irratti immoo waggaa 25 dabarsaniiru. Sirna awwaalchaa viidiyookonfiraansiitiin godhame irratti obboloonnii fi obboleettonni biyyoota adda addaa gara 1,000 taʼan argamaniiru.

Obboleettiin Unuuzar akkas jetteetti: “Obbolootaa fi obboleettota baayʼeen galateeffadha. Saʼaatii tokkoof illee kophaatti na hin dhiisne. Jaalala hedduu argadheera! Karaa miiraa, karaa hafuuraa fi karaa qaamaa kunuunsa naaf godhaniiru. Obboloota koo hundumaa nan jaalladha.”

Hiriyoonni gaaʼelaa kan biroon yeroo gadda keessa turanitti gargaarsa argatan immoo Maariyaa Joosee Monkaadaaa fi abbaa manaa ishii Daarwiini dha. Isaan gaarreen Ikuwaadoritti, naannoo tajaajilaa afaan Kuuchuʼaa dubbatamutti tajaajilu. Kan nama gaddisiisu, haati Obboleettii Monkaadaa, Faabiyoolaa Santaanaa Joordaan qajeelchituun yeroo hundaa umuriin ishii waggaa 56 taʼee fi abbaan ishii Obboleessi Riikaardoo Joordaan inni waggaa 60 taʼee fi gumii Piraadeeraasi isa Guuyaakuwilitti argamutti tajaajilaa gumii taʼe garaagarummaa guyyaa jaʼaa gidduutti duʼaniiru. Obboloonni Monkaadaa lamas COVID-19n qabamanii yeroo booda bayyanataniiru.

Obboleettii Monkaadaa fi abbaan manaa ishii Ayyaana Yaadannoo yommuu kabajan

Obboleettii Monkaadaan baayʼee gadditee kan turte siʼa taʼu, maatii ishii karaa miiraa deggeruu fi sirna awwaalchaa qindeessuuf karaa saʼaatii afurii deemtee dhaquu barbaaddee turte. Taʼus, kadhannaadhaan erga itti yaadanii booda, Guuyaakuwilii deemuun sirrii akka hin taane murteessan. Kanaa mannaa, karaa viidiyookonfiraansii firoota isaanii wajjin wal qunnaman. Obboleettii Monkaadaan akkas jetteetti: “Firoota keenyaa wajjin utuu wal qunnamneerra taʼee ofii keenyas taʼee warra kaan balaadhaaf saaxilla turre.”

Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, obboleettii Monkaadaan baayʼee “gadditee fi dhiphattee” kan turte taʼus, ishiinii fi abbaan manaa ishii barsiifata hafuuraa isaanii eeganii itti fufaniiru, akkasumas “Yihowaan qajeelfama akka isaaniif kennu kadhachuu isaanii addaan hin kunne.” Monkaadaa fi abbaan manaa ishii kabaja Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuusiif, barattoota Kitaaba Qulqulluu afeeruu fi seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee jireenya Yesuus yeroo dhumaatiif lafa irratti dabarse ibsan dubbisuu isaanii itti fufanii turan. Kana malees, xalayaa barreessuudhaan tajaajilu, akkasumas viidiyookonfiraansiitiin walgaʼii irratti hirmaatu turan. Firoottan Monkaadaa Dhugaa Baatota hin taane sagal afeerraa ishii fudhatanii afaan Ispaanishiitiin Ayyaana Yaadannoo hordofaniiru.

Obboleettii Monkaadaan akkas jetteetti: “Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu, isaaniif salphaa taʼuu baatus, mala elektirooniksiitiin Ayyaanicha hordofuuf qophii gochuun isaanii baayʼee nu jajjabeesse. Miseensonni maatii koo biyya kan biraa jiraatanis yommuu hirmaatan arguun baayʼee kan nama gammachiisu ture.”

Obboleettii Monkaadaan itti fufuudhaan akkas jetteetti: “Muuxannoon kun haalli keenya kan nama gaddisiisu taʼus, tajaajila Yihowaa irratti dammaqinaan hirmaachuun gadda moʼuuf gargaara, akkasumas Yihowaan wanta ittiin nu eebbisu akka argatu godha.”

Obboloonni keenya addunyaa mara jiran, namoota yeroo dhibee daddarbaan jiru kanatti warra jaallatan duʼaan dhabanii wajjin gaddaniiru, akkasumas warra gaddaniif kadhachuu keenya itti fufna. Yeroo Yihowaan wantoota gaddaaf sababa taʼan, kan akka dhibee daddarbaa jiran itti hambisuu fi tajaajiltoota isaa amanamoo hunda duʼaa kaasu hawwiidhaan eegganna.—1 Qorontos 15:21, 22.