Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi tokko Garba Maalaawwii irratti bidiruu irra taaʼee viidiyoo walgaʼii gumii buusaa jira

MUDDEE 29, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Obboloonni Bakka Fagoo Jiran Cimanii Hojjechuu fi Mala Uumuudhaan Walgaʼii Godhatu

Obboloonni Bakka Fagoo Jiran Cimanii Hojjechuu fi Mala Uumuudhaan Walgaʼii Godhatu

Gumiiwwan addunyaa mara jiran hedduun yeroo dhibee daddarbaa kanatti teknoolojii fayyadamanii walgaʼii gochaa jiru. Taʼus obboloonni keenya bakka fagoo jiran tokko tokko walgaʼii godhachuu isaanii itti fufuuf carraaqqii cimaa godhu. Kanas qajeelfama of eeggannoo COVID-19 utuu hin cabsin raawwatu. Mee Afriikaa irraa fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

Maalaawwii

Obboloonnii fi obboleettonni hedduun Intarneetii waan hin arganneef Zuumii hin fayyadaman. Waajjirri damee Maalaawwii torban torbaniin sagantaa walgaʼii waraabame karaa bilbilaa jaarsoliif erga. Achiis jaarsoliin faayiloota kana babalʼistoota gumii isaanii jiraniif raabsu.

Taʼus kaaba Maalaawwiitti, babalʼistoonni gumii Chaaroo jiran 28 kana gochuu hin dandeenye. Isaan garba Maalaawwii bira naannoo gaarreen qabu keessa jiraatu. Gaarreen kun naannichi tajaajila bilbilaa akka hin arganne waan godhaniif, jaarsi tokko bakka tajaajilli bilbilaa gaarii taʼe argachuuf fagaatee deemuu qaba. Achiis jaarsi sun deebiʼee tokkoon tokkoon babalʼistootaatiif Biluutuuziidhaan dabarsuuf gaarreen sana keessa deemuudhaan bakka mana isaaniitti dhihaatu dhaqa.

Dhiheenya kana jaarsoliin, garba Maalaawwii irra bakka tajaajila bilbilaa gaarii argachuu itti dandaʼanii fi mana isaaniitti dhihoo jiru argachuu isaaniitti gammadaniiru. Bidiruu yaabbatanii gaarreen sana irraa fagaatanii deemuudhaan viidiyoo buufachuu dandaʼaniiru. Kun yeroo jaarsoliin karaa deemuudhaan dabarsan baayʼee isaaniif hirʼiseera.

Moozaambiik

Daawwattoonni ol aanaa aanaa naannoo sana jiran gumiiwwan naannoo fagoo kaaba dhiha Moozaambiik jiran yommuu “daawwatan” haasaa isaanii karaa bilbilaa kennu. Bilbila tokkoon namoota hedduu hirmaachisuun waan hin dandaʼamneef, daawwattoonni ol aanaa bilbiloota hedduu maatiiwwan adda addaa gumicha keessa jiraniif dabarsan of dura kaaʼanii haasaa kennuun isaanii baramaa dha.

Obboleessi Aleek Keezaawii inni daawwataa ol aanaa taʼe haasaa utuu kennuu. Tokkoon tokkoon moobaayilii maatiiwwan gumii keessa jiranii wajjin wal qunnamsiisa

Babalʼistoonni tokko tokko iddoowwan baayʼee fagoo waan jiraniif, neetwoorkii bilbilaa mana isaanitti dhihoodhaa hin argatan. Obboloonnii fi obboleettonni yeroo saʼaatiin walgaʼii gaʼu, hamma neetwoorkii argatanitti bosona keessa deemu. Achiis erga argatanii booda iddoo sana taaʼanii sagantaa hordofu.

Obboleessi Yohaanee Veeniyoo inni daawwataa ol aanaa bakka sanaa taʼe, “obboloonnii fi obboleettonni walgaʼii irraa fayyadamuuf karaa dheeraa akka deeman,” kunis bakka fagoo yoo jiraatan iyyuu karaa hafuuraa cimoo taʼuuf akka isaan gargaare ibseera. Daawwataa ol aanaa kan biraan Kaarlos Kortaazoo jedhamus akkas jedheera: “Akkuma waan Galma Walgaʼiitti obbolootaa wajjin jirruu nutti dhagaʼama, yaada ni kennina akkasumas waliin faarfanna. Yihowaan yeroo dhibee daddarbaa kanatti sabni isaa nyaata hafuuraa akka argatan gochaa akka jiru argaa jirra.”—Yohaannis 21:17.