Dhimma ijoo ta'etti seeni

Veenzuweelaa: Obboleettiin takka afaan Waraawootiin sagalee yommuu waraabdu (bitaa gubbaa,) akkasumas obboloonni miseensa garee hiikkaa Piiraawoo taʼan lama yommuu hojjetan (bitaa gad). Kooriyaa Kibbaa: Maatiin tokko sagantaa walgaʼii naannoo yommuu waliin ilaalan (mirga)

FULBAANA 4, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Obboloonni Walgaʼii Naannoo 2020 Hiikan Hojii Isaanii Milkaaʼinaan Xumuraniiru

Obboloonni Walgaʼii Naannoo 2020 Hiikan Hojii Isaanii Milkaaʼinaan Xumuraniiru

Walgaʼiin naannoo 2020 “Yeroo Hundumaa Gammaddaa” jedhu seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa ammayyaa keessatti adda kan taʼe dha. Sagantichi afaan 500 oliin kan hiikame siʼa taʼu, namoonni manuma isaanii taʼanii ilaalaniiru. Obboloonni hojii hiikkaa hojjetan hanqina meeshaalee fi gabaabina yeroo dabalatee rakkoowwan hedduun isaan mudataniiru.

Keeniyaatti miseensi garee hiikkaa Kikuyu tokko akkana jetteeti: “Waajjira dameetti seenuunis taʼe baʼuun waan hin dandaʼamneef, namoonni waraabaman muraasa qofa turan. Obbolootaa fi obboleettota naannoo fagoo jiranitti fayyadamuudhaan rakkina kana furuu dandeenyeerra. Hafuurri Yihowaa yommuu hojjetu arguuf mirga akka arganne nutti dhagaʼameera.”

Gareen hiikkaa Afaan Mallattoo Kooriyaa fi gareen hiikkaa afaan Kooriyaas rakkinni walfakkaatu isaan mudateera. Obboloonni fagoo taʼanii hojii hiikkaadhaaf gargaarsa godhanis waraabbiidhaaf gara Betʼel hin dhufan turan.

Haasaawwanii fi viidiyoowwan Afaan Mallattoo Kooriyaatiin qopheeffaman waraabuuf yeroodhaaf istuudiyoo mana obboleessa tokkootti hojjetame

Obboloonni rakkina kana furuuf manuma isaaniitti istuudiyoo hojjetan. Obboloonni naannichaa meeshaalee waraabbiidhaaf gargaaran gara caalaa isaa kennaniiru. Dabalataanis, walgaʼiiwwan gurguddaa hundi waan hin godhamneef, waajjirri damee kaameeraawwan Walgaʼii Gurguddaa afaan mallattoo waraabuuf gargaaraan muraasa fayyadamuu dandaʼeera.

Veenzuweelaatti hiiktonni tokko tokko intarneetiin laafaa taʼuun isaa rakkina isaanitti taʼeera. Warri kaan immoo meeshaa gaʼaa hin qaban. Taʼus hiiktonni kun wanta argatanitti fayyadamanii hojii isaanii xumuruuf dammaqoo turan. Fakkeenyaaf, hiiktonni naannoo tokko jiran yeroo waraabanitti qulqullina sagalee eeguuf firaashiitti fayyadamaniiru.

Sudaan Kibbaa Jubaatti, gareen afaan Zandee hiiku tokko jira. Isaan keessaa obboleessi tokko akkas jedheera: “Guutummaa walgaʼichaa waraabuuf akka jennu yommuun hubadhu akkanan ofiin jedhe, ‘Kun wanta hin dandaʼamne dha! Guutummaa sagantaa walgaʼichaa oodiyoo fi viidiyoo 90 ol qabate jiʼa lama keessatti waraabnee xumuruu hin dandeenyu.’ Amma garuu piroojektichi xumuramee yommuun argu Yihowaan wanti kam iyyuu fedhii isaa akka hin raawwanne isa dhowwuu akka hin dandeenye amanannaa guutuu qabaadheera. Karaan inni wantoota tokko tokko itti raawwatu baayʼee nama dinqisiisa.”—Maatewos 19:26.

Walgaʼiin naannoo 2020 “Yeroo Hundumaa Gammadaa” jedhu kennaa Yihowaa isa “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatan” biraa argame dha.—1 Ximotewos 2:4.