Dhimma ijoo ta'etti seeni

Adoolessa 5, 2024, suuraa saatalaayitii Obomboleettiin Beeril Meeksikoo, Galoo Galaana Yuukaataan irra yeroo ture argisiisu

ADOOLESSA 12, 2024
ODUU ADDUNYAA MARAA

Obomboleettiin Beeril Namoota Miliyoonaan Lakkaaʼaman Miidhe

Obomboleettiin Beeril Namoota Miliyoonaan Lakkaaʼaman Miidhe

Waxabajjii 30, 2024, Obomboleettiin Beeril Sadarkaa 3, Weesti Indiis kibba odoola Maartiinik rukutee ture. Guyyaa ittaanutti obomboleettiin kun Sadarkaa 4​tti guddachuudhaan Odoolawwan Wiindiward jechuunis Baarbaados, Gireenaadaa, Seenti Viinsantii fi Gireenadiinsi rukute. Guyyaa ittaanutti Sadarkaa 5 guddatee Veenzuweelaa rukute. Obomboleettiin Beeril qarqara kibba Jaamaayikaa hubeera. Adoolessa 5, obomboleettii hamaan kun kibba Yuunaayitid Isteetis rukutuu isaa dura Meeksikootti Galoo Galaanaa Yukaataan rukute.

Bakka obomboleettiin kun gaʼe hundatti bokkaa cimaan qilleensa hamaa saʼaatiitti hanga kiilomeetira 270 fiigu manneen, dhaabbata daldalaa fi ijaarsa garagaraa diigeera. Namoonni miliyoona hedduutti lakkaaʼamanii fi naannoo kana keessa jiraatan ibsaa, bishaanii fi wantoonni gara garaa jalaa citeera. Namoonni 30 ol akka duʼan gabaafameera.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

Maartiinik (Weesti Indiis)

  • Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa kan duʼes taʼe kan miidhame hin jiru

  • Babalʼistoonni 6 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Manni 1 guutummaatti mancaʼeera

  • Mana 1 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Mana 1 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii irra miidhaan hin geenye

Odoolawwan Wiindiwarditti Galma Walgaʼii guutummaatti diigame tokko

Odoolawwan Wiindiward

  • Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa kan duʼes taʼe kan miidhame hin jiru

  • Babalʼistoonni 7 madaaʼaniiru

  • Babalʼistoonni 67 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 39 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen obbolootaa 31 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii 1 guutummaatti diigameera

  • Galma Walgaʼii 1 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Galmawwan Walgaʼii 4 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Veenzuweelaa

  • Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa kan duʼes taʼe kan miidhame hin jiru

  • Babalʼistoonni 30 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 12 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen obbolootaa 9 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 1 irra miidhaa cimaan gaʼeera

Jaamaayikaa

  • Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa kan duʼes taʼe kan miidhame hin jiru

  • Babalʼistoonni 18 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 24 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen 75 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmawwan Walgaʼii 19 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Meeksikoo

  • Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa kan duʼes taʼe kan miidhame hin jiru

  • Babalʼistoonni 320 qeʼee isaanii irraa buqqaʼan; amma garuu deebiʼaniiru

  • Manneen 11 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii hin diigamne ykn miidhaan irra hin geenye

Yuunaayitid Isteetis

  • Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa kan duʼe hin jiru

  • Babalʼistoonni 6 madaaʼaniiru

  • Babalʼistoonni 242 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 4 guutummaatti diigamaniiru

  • Manneen 33 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen 471 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii hin diigamne ykn miidhaan irra hin geenye

Hojii Gargaarsaa

Ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin naannoo sanaa obboloota miidhaan irra gaʼee Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii jajjabeessaa fi gargaarsa barbaachisu gochaa jiru. Dabalataanis, hojii gargaarsaa adda durummaadhaan geggeessuuf, Koreewwan Gargaarsa yeroo balaa jaʼa muudamaniiru.

Yihowaan yeroo rakkisaa kanatti namoota isatti amanan hunda jajjabeessuu isaa akka itti fufu kadhanna.—2 Qorontos 1:3, 4.