Dhimma ijoo ta'etti seeni

Lolaa Guwaatimaalaatti gaʼe (bitaa) fi lolaa Kostaa Rikaatti gaʼe (mirga)

SADAASA 20, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Obomboleettiin Etaa Jedhamu Giddu Gala Ameerikaa, Odoolawwan Keeyiman, Baahaamaas, Jaamaayikaa, Meksiikoo fi Yunaayitid Isteetis Rukute

Obomboleettiin Etaa Jedhamu Giddu Gala Ameerikaa, Odoolawwan Keeyiman, Baahaamaas, Jaamaayikaa, Meksiikoo fi Yunaayitid Isteetis Rukute

Iddoo

Giddu Gala Ameerikaa, Baahaamaas, Odoola Giraand Keeyiman, Jaamaayikaa, Meksiikoo fi Kibba Yunaayitid Isteetis

Balaa

  • Obomboleettiin Etaa inni garee arfaffaa taʼe, Sadaasa 3, 2020⁠tti Puurto Kaabeezaas, Nikaaraaguwaa gaʼe; achiis miidhaa cimaa geessisaa kutaa Giddu Gala Ameerikaa kaanitti itti fufe

  • Kan nama gaddisiisu mucaan waggaa sagalii akaakayyuu fi akkoon isaa Dhugaa Baatota taʼanii fi Taabaaskoo, Meeksikoo jiraatan lolaa kanaan fudhatamee duʼeera

  • Obomboleettiin Etaa kun xiqqaachaa deemee Odoola Giraand Keeyiman, Baahaamaasii fi Jaamaayikaa rukuteera. Obomboleettiin kun xumura irratti Galoo Galaanaa Meksiikootti kan deeme siʼa taʼu, Yunaayitid Isteetisiinis rukuteera.

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe

  • Kostaa Rikaa

    • Babalʼistoonni 108 mana isaanii dhiisanii deemuuf dirqamaniiru

    • Babalʼistoonni 7 waan qaban hunda dhabaniiru

  • Guwaatimaalaa

    • Babalʼistoonni 163 jalqaba irratti mana isaanii dhiisanii deemaniiru; babalʼistoonni 85 gara mana isaanitti deebiʼaniiru

    • Maatiiwwan 3 waan qaban hunda dhabaniiru

    • Kana malees maatiin babalʼistoota 3 qabu 1 baafamuu isaanii dura darbii lammaffaa mana isaanii keessa turaniiru

  • Honduraas

    • Babalʼistoonni 1,984 jalqaba irratti mana isaaniitii baafamaniiru; isaan keessaa yoo xinnaate 376 mana isaanitti deebiʼaniiru

  • Jaamaayikaa

    • Babalʼistoonni 4 mana isaaniitii baafamaniiru

  • Meeksikoo

    • Bulchiinsa Chiyaapaasii fi Taabaaskootti babalʼistoonni 1,618 mana isaaniitii baafamaniiru; 112 mana isaanitti deebiʼaniiru

  • Nikaaraaguwaa

    • Babalʼistoonni 238 mana isaaniitii baafamaniiru; 232 mana isaanitti deebiʼaniiru

  • Paanaamaa

    • Babalʼistoonni 27 mana isaaniitii baafamaniiru; 6 mana isaanitti deebiʼaniiru

  • Yunaayitid Isteetis

    • Babalʼistoonni 48 mana isaaniitii baafamaniiru; 27 mana isaanitti deebiʼaniiru

Miidhaa qabeenya irra gaʼe

  • Baahaamaas

    • Mana 1 irra miidhaan gaʼeera

  • Kostaa Rikaa

    • Manneen 3 mancaʼaniiru

    • Mana 6 irra miidhaan gaʼeera

  • Guwaatimaalaa

    • Manni 2 sigigaachuu lafaatiin mancaʼeera

  • Honduraas

    • Galma Walgaʼii 7 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Nikaaraaguwaa

    • Manneen 73 irra miidhaan gaʼeera

  • Odoola Giraand Keeyiman

    • Mana 4 irra miidhaan gaʼeera

    • Galma Walgaʼii 1 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Jaamaayikaa

    • Mana 50 irra miidhaan gaʼeera

    • Galma Walgaʼii 1 irra miidhaan gaʼeera

  • Yunaayitid Isteetis

    • Mana 141 irra miidhaan gaʼeera

    • Galma Walgaʼii 9 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii gargaarsaa

  • Waajjirri damee Giddu Gala Ameerikaa Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa (DRCs) sadii kan hundeesse yoo taʼu, lama Meeksikootti inni tokko immoo Honduraasitti hojii gargaarsaa qindeessu. Biyyoota miidhaman kan birootti Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa dhibee daddarbaa COVID-19f hundeeffame gargaarsa obomboleettii wajjin wal qabates hojjechaa jira

  • Naannoo waajjira damee Yunaayitid Isteetisitti gumiiwwanii fi Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa dhibee daddarbaa COVID-19f hundeeffame hojii gargaarsaa kana irratti deggersa gochaa jira

  • Ilaaltonni ol aanaa aanaa naannoowwan kana hunda jiran maatiiwwan miidhamaniif Kitaaba Qulqulluu irraa jajjabina kennaa jiru

  • Obboloonnii fi obboleettonni naannoo miidhaan irra hin geenye jiran warra mana isaaniitii baafamaniif nyaataa fi iddoo jireenyaa qopheessaniiru

  • Hojiin gargaarsaa hundi qajeelfama dhibee daddarbaa COVID-19f qophaaʼee wajjin haala wal simuun hojjetama

Obomboleettiin kun miidhaa kan geessise taʼus, obboloonni keenya wal deggeraa akka jiran arguun keenya nu jajjabeesseera. Waaqni keenya Yihowaan ‘yeroo rakkinaa kanatti kooluu amansiisaa’ taʼuu isaa akka argisiisu beekna.—Faarfannaa 9:9.