ONKOLOOLESSA 4, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA
Obomboleettiin Haarikeen Iyaan Jedhamu Miidhaa Guddaa Geessise
Fulbaana 27, 2022tti obomboleettiin Haariikeen Iyaan jedhamu miidhaa guddaa kan geessise yommuu taʼu, guyyaa itti aanummoo obomboleettiin sadarkaa 4ffaa kun dura kibba dhiha Filooriidaatti lafti akka sigigaattu godhee ture. Obomboleettiin Haarikeen Iyaan jedhamu kun bubbeewwan baayʼee ciccimoo Yuunaayitid Isteetisiin rukutan keessaa isa tokko yommuu taʼu, saʼaatii tokkotti kiilomeetira 240 deema ture. Manneen namootaa barbadeesseera, humna ibsaa elektiriikii balleesseera, daandii fi riqicharra miidhaa cimaa geessiseera, olaansaas dalalii hedduu fuudhee deemuudhaan Garba Atilaantikiitti naqeera. Yeroo boodas Kibba Kaaroliinaatti, qarqara galaanaatti sigiga lafaa geessiseera.
Bubbee cimaan kun babalʼistoonni Filooriidaa 12,000 ol taʼan biyyattii gadhiisanii akka baʼan ykn qeʼee isaaniirraa akka buqqaʼan taasiseera.
Daawwattoonni Olaanaa Aanaa namoota miidhaan irra gaʼeef gargaarsa ariifachiisaa kennuf jaarsolii bakka buʼoota Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa taʼanii wajjin hojjechaa jiru.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe
Kuubaa
Kan nama gaddisiisu, obboleessi tokko 1 duʼeera
Obboloonni 2 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Manneen 300 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Manneen 491 irra miidhaan cimaa gaʼeera
Manneen 63 barbadaaʼaniiru
Bakkawwan walgaʼii 40 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Galma Walgaʼii guguddaa 1 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Galma Walgaʼii guguddaa 3 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Filooriidaa
Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa tokko iyyuu hin miidhamne
Babalʼistoota 2 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Babalʼistoonni 5,874 qeʼee isaaniirraa buqqaʼaniiru
Manneen 1,559 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Manneen 367 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Manneen 47 barbadaaʼaniiru
Hanga ammaatti manneen 329 suphamanii jireenyaaf mijataa godhamaniiru
Hanga ammaatti manneen 71 suphamaniiru
Gamoowwan Dhugaa Baatonni Yihowaa itti fayyadaman 38 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Galma Walgaʼii 1 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Galma Walgaʼii Guguddaa 1 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Kibba Kaaroliinaa
Bubbee kanaan obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa tokkoyyuu hin miidhamne ykn hin duune
Babalʼistoonni 35 qeʼee isaaniirraa buqqaʼaniiru
Manneen 13 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Hojii Gargaarsaa
Daawwattoonni Olaanaa Aanaa fi jaarsoliin gumii naannoo sanaa maatiiwwan miidhaan irra gaʼe jajjabeessaa fi gargaarsa barbaachisu kennaa jiru
Obbolootaa fi obboleettota Filooriidaa gargaaruuf buufata gargaarsaa yeroo balaa Filooriidaa keessatti argamu dabalatee yeroodhaaf buufanni gargaarsaa 14 hundeeffameera
Hojii gargaarsaa taasifamu olaantummaadhaan toʼachuuf Filooriidaa fi Kuubaa keessatti Koreen Gargaarsa Yeroo Balaa hundeeffameera
Hojiin gargaarsaa hundi qajeelfama of eeggannoo KOOVIID-19 wajjin haala wal simuun hojjetamaa jira
Obboloonni keenya, yeroo rakkisaa taʼe kanatti namoota hidhata amantiisaanii taʼan gargaaruunsaanii wanti faarfatichi, “Namni Yihowaatti amanamu garuu jaalala isaa isa amanamaadhaan marfameera” jechuudhaan dubbate dhugaa taʼuusaa mirkaneesseera.—Faarfannaa 32:10.