Dhimma ijoo ta'etti seeni

Fakkii gamoo meediyaa Raamaapoo gara fuulduraatti ijaaramu argisiisu. Suuraa: Walgaʼii Boordii Pilaanii Magaalaa Raamaapoo Waxabajjii 28, 2023 taasifame

ADOOLESSA 3, 2023
ODUU ADDUNYAA MARAA

Piroojektii Raamaapoo Waajjira Muummee

Piroojektiin Ijaarsa Raamaapoo Itti Fufuuf Heyyama Bakka Guddaa Qabu Argate

Piroojektiin Ijaarsa Raamaapoo Itti Fufuuf Heyyama Bakka Guddaa Qabu Argate

Waxabajjii 28, 2023, piroojektiin ijaarsa Raamaapoo Niiwu Yoorki Yuunaayitid Isteetis jiru heyyama bakka guddaa qabu argate. Miseensonni Boordii Pilaanii Magaalaa Raamaapoo hundi pilaanii piroojektichaaf heyyama kennaniiru. Wantoonni xumuramuu qaban kan biroon jiraatan illee, heyyamni kun piroojektichi akka itti fufuuf kan taasisudha.

Kan nama ajaaʼibsiisu, jiraattonnii fi abbootiin taayitaa naannoo sanaa hin mormine ykn yeroo walgaʼiin Boordii Pilaanii taasifamutti yaaddoo isaanii hin ibsine. Obboleessi keenya Keeyiz Keedii, inni Koree Piroojektii Ijaarsaa kanaa taʼee tajaajilu akkana jedheera: “Pilaanii keenya boordichatti dhiheessuu fi ulaagaalee barbaachisan hunda guutuuf jiʼootaaf qophii gochaa turreerra. Kaayyoon keenya wanta gaafanneef heyyama kennuun akka isaanitti salphatu gochuu ture.” Miseensonni boordichaa hundi seerawwan baʼan cimsinee hordofuuf carraaqqii akka goonu hubachuudhaan, murtoo piroojekticha ilaalchisee godhame hunda deggeraniiru. Obboleessi keenya Deevid Sottoo inni miseensa Koree Piroojektii Ijaarsaa taʼe akkana jedheera: “Mareen goonee fi murtiin godhame saʼaatii tokkoo illee hin fudhanne!” Miseensota Boordii Pilaanii jabaatanii kan hojjetan taʼuu isaanii fi nu gargaaruu isaaniitiif guddaa isaan galateeffanna. Kutaa pilaanii magaalichaa wajjinis hojjechuuf hawwiidhaan eegaa jirra.”

Heyyamni amma argame kun hojiiwwan piroojektii Raamaapoo wajjin wal qabatan akka jalqabaman kan godhudha. Obboleessi keenya Keediin akkana jedheera: “Mukeetiin muraman dallicha keessaa erga guuramanii booda, kontiraaktaroonni hojii isaanii hojjechuu jalqabu. Sana booda immoo obboloonni fedhiidhaan of dhiheessan hedduun xumura waggaa kanaa irratti bakka kana hojjechuu jalqabu. Obboloonni walgaʼii sana irratti argamne hundi baayʼee gammanne.”

Miseensota jaarmiyaa addunyaa maraa waan taaneef, heyyama dhiheenya kana argame kanaaf Yihowaa guddaa galateeffanna. Obboloonni hojii kana irratti hirmaatan hundi ‘hojii gaarii kanaaf waan of jabeessaniif’ Yihowaan isaan eebbisuu isaa akka itti fufu ni kadhanna.—Nahimiyaa 2:18.