Dhimma ijoo ta'etti seeni

Weerarri COVID-19 eegaluu isaa dura walgaʼii Galma Mootummaatti godhamaa ture tokko

ONKOLOOLESSA 15, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

Qaamni Ol Aanaan Iddoowwan Filatamanitti Walgaʼiiwwan Tokko Tokko Qaamaan Walgaʼanii Akka Godhaman Beeksise

Qaamni Ol Aanaan Iddoowwan Filatamanitti Walgaʼiiwwan Tokko Tokko Qaamaan Walgaʼanii Akka Godhaman Beeksise

Qaamni Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa gamaaggamuuf akka taʼuuf jecha waajjiroonni damee filataman walgaʼii gumii tokko tokko qaamaan walgaʼanii akka godhan gaafachuu isaa beeksise. Wajjiroonni damee kun Galmawwan Walgaʼii iddoo namoonni hedduun talaalamanii fi weerarri vaayirasii xiqqaa taʼe jiran filatu. Walgaʼiiwwan kun hundi qajeelfama mootummoonni walgaʼii manatti godhamuuf baasanii wajjin haala wal simuun geggeeffamu. Beeksisni kun maatiiwwan Beetel addunyaa mara jiraniif Jimaata, Onkoloolessa 15, 2021 dubbifameera.

Buʼaan sagantaa shaakalaa kun gumiiwwan dabalataa qaamaan walgaʼii gochuu dandaʼuu isaanii murteessuuf gargaara. Kana malees, beeksisni kun, akkuma walii galaatti sochiiwwan jaarmiyichaa qaamaan wal arganii gochuun hanga Amajjii 2022⁠tti dhorkaa akka taʼe ibsa.

Kunuunsa waldaa obbolummaa addunyaa maraaf godhuu fi sochiiwwan jaarmiyichaa suuta suuta eegaluuf tarkaanfii inni fudhateef Qaama Ol Aanaa ni galateeffanna. Yihowaan qophii kanaaf qajeelfamaa fi eebba kennuu isaa akka itti fufu maaloo kadhadhaa.—Fakkeenya 14:16.