Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 19, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Qabiyyee Haaraa Appilikeeshinii JW Library Afaan Mallattoo

Qabiyyee Haaraa Appilikeeshinii JW Library Afaan Mallattoo

Appilikeeshiniin JW Library Afaan Mallattoo varshinii 4⁠ffaan Guraandhala 15, 2020⁠tti gadhiifame qabiyyee haaraa baayʼee adda taʼe tokko qabatee baʼeera. Namoonni Afaan Mallattoo fayyadaman siʼuma tokko cuqaasuudhaan ykn tuquudhaan qofa odeeffannoowwan dabalataa argachuu dandaʼu; kun immoo walgaʼiiwwan gumiitiif qophaaʼuun ykn Kitaaba Qulqulluu irratti qorannaa gochuun akka isaaniif salphatu godha.

Namoonni JW Library fayyadaman, bakka dubbisaa jiran utuu hin gadhiisin, liinkiiwwan caqasoota Kitaaba Qulqulluu ykn barreeffamoota dabalataa mata duree dubbisaa jiran sana keessa jiranii ilaaluu erga jalqabanii yeroo dheeraan darbeera. Haa taʼu malee, viidiyoo tokko utuu ilaalaa jiranii odeeffannoowwan dabalataa achi keessatti argaman ilaaluun rakkisaa waan taʼeef namoota Afaan Mallattoo fayyadamaniif kana gochuun baayʼee ulfaataa ture.

Appilikeeshiniin JW Library Afaan Mallattoo varshinii 4⁠ffaa keessatti odeeffannoowwan dabalataa akka liinkiitti mulʼatu. Siʼa tokko tuquudhaan qofa namni tokko viidiyoowwan akka odeeffannoo dabalataatti dhihaatan erga ilaalee booda gara viidiyoo isa jalqabaatti deebiʼuu dandaʼa.

Wantoota walgaʼii torban gidduutti godhamuuf barbaachisan ilaaluun hammam salphaa akka taʼe ilaali.

Qabiyyeen baayʼee adda taʼe kun obboloota keenya warra barreeffamoota Afaan Mallattoo qofa fayyadamaniif faayidaa guddaa akka argamsiisu hin shakkinu. Kennaa walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu akka cimsannu nu gargaaru kanaaf Yihowaa ni galateeffanna.—Faarfannaa 119:97.

Odeeffannoon dabalataa Uumama 3:15 irratti argamu gara Mulʼata 20:2⁠tti kan geessu akkamitti akka taʼee fi “bofa isa jalqabaa” kan jedhame maal akka taʼe hubachuuf akkamitti akka gargaaru ilaali