FULBAANA 4, 2023
ODUU ADDUNYAA MARAA
Sodaachuu Mannaa Amantii Isa Cimsachaa Jira
Manni Murtii Koonyaa Gaagaariinskii inni Magaalaa Kireemiyaa, Sevaastoopool jiru, dhiheenyatti dhimma obboloota keenya Viktoor Kudnoovii fi Sargee Zyigaaloov irratti murtii dabarsa jedhamee eegama. Abbaan alangaa amma yoonaatti murtoo akkamii ishii irratti dabarsuu akka dandaʼu hin beeksisne.
Ibsa Gabaabaa
Yihowaan Waaqa “nagaa tajaajilaa isaatti gammadu” waan taʼeef, Viktoorii fi Sargeen obsan jabaatanii dhaabbachuu isaaniitiin isaan eebbisuu isaa akka itti fufu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 35:27.
Chaartii Yeroo
Hagayya 24, 2022
Himanni yakkaa isarratti baname. Manni isaa ni sakattaʼame. Qabamee mana hidhaa hamma murtiitti dhihaatanitti yeroodhaaf keessa tursiifaman keessatti hidhame
Hagayya 26, 2022
Mana hidhaa hamma murtiitti dhihaatanitti yeroodhaaf keessa tursiifamanii gadhiifame; manaa akka hin baane dhorkame
Onkoloolessa 17, 2022
Dhorkaa manaa akka hin baane isa dhowwu irraa kaafame; dhorkaa kan biraa jala galfame
Ebla 13, 2023
Himanni yakkaa isa irratti dhihaate mana murtiitti ilaalamuu jalqabe