Dhimma ijoo ta'etti seeni

ADOOLESSA 8, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA

Taʼee Seena Qabeessa—Kitaabni Qulqulluun 13 Guyyoota Lama Gidduutti Baʼe!

Taʼee Seena Qabeessa—Kitaabni Qulqulluun 13 Guyyoota Lama Gidduutti Baʼe!

Waxabajjii 25-26, 2022​tti, Hiikni Addunyaa Haaraa afaan 13 waan baʼeef, hojii hiikkaa addunyaa maratti hojjennu keessatti guyyaa seena qabeessa ture. Kanaan dura lakkoofsi guddaan Kitaaba Qulqulluu guyyoota lamatti baʼe jaʼa ture. Gabaasni armaan gadii guyyaa seena qabeessa kana balʼinaan kan ibsu dha.

Afaan Tseeltaal

Obboleessi kenya Armaandoo Ochiwaa, inni miseensa Koree Waajjira Damee Gidduu Gala Ameerikaa taʼe, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Tseeltaaliin baʼuu isaa beeksiseera. Sagantaan kun dhaggeeffattoota gara 1,400 taʼaniif tamsaafameera. Kitaabni Qulqulluun kun bifa dijitaalaa fi maxxansaatiin baʼeera.

Namni hiikkaa Afaan Tseeltaal irratti hirmaate tokko akkana jedheera: “Waaʼee piroojektii kanaa yommuun yaadu, Yihowaan baayʼee akka nu gargaare ifatti hubachuu dandaʼeera. Wanti raawwatame baayʼee na dinqisiiseera. Kun taʼuu kan dandaʼe, gargaarsa hafuura Yihowaatiin qofa akka taʼe hubannee turre.”

Afaan Waayuunaayikii

Obboleessi keenya Kaarlos Mooreenoo, inni bakka buʼaa wajjira damee Kolombiyaa taʼe, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa (Maatewos-Hojii Ergamootaa) Afaan Waayuunaayikiitiin baʼuu isaa beeksiseera. Sagantaan dursee waraabame dhaggeeffattoota gara 2,000 taʼanii fi Kolombiyaa fi Venzuweelaa jiraniif tamsaafameera. Kitaabni Qulqulluun kun bifa dijitaalaatiin baʼe. Maxxansa isaa immoo gara fulduraatti qopheessuuf karoorfameera.

Afaan Baawulee

Obboleessi keenya Kiristoof Kulaat, inni miseensa Koree Waajjira Damee Koot Diivuwaar taʼe, sagantaa dursee waraabamee fi dhaggeeffattoota 12,000 ol taʼaniif tamsaafameen Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Baawuleetiin baʼuu isaa beeksiseera. Kitaabni Qulqulluun kun bifa dijitaalaatiin baʼe. Maxxansi isaa immoo Onkoloolessa 2022​tti baʼa. Hiikni Addunyaa Haaraa waajjira damee Koot Diivuwaar jalatti afaan naannichaattiin yeroo hiikamu isa jalqabaati.

Obboleessi miseensa garee hikkaa taʼe tokko wanta hojicha akka hojjetan isaan kakaase irratti yommuu yaada kennu akkana jedheera: “Yeroo haalli rakkisaan akkamii iyyuu nu mudatu, gammachuu obboloonnii fi obboleettonni, akkasumas namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran Kitaaba Qulqulluu kana afaan dhalootaa isaaniitiin yommuu argatan isaanitti dhagaʼamu yaanna ture. Akkas jennee yaaduun keenyaa fi gargarsa Yihowaa argachuun keenya hojicha akka itti fufnu jabina nuuf kenneera.”

Afaan Weelshii

Obboleessi keenya Piitar Biil, inni miseensa Koree Waajjira Damee Biritaaniyaa taʼe, Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Weelshiin baʼuu isaa sagantaa Galma Walgaʼii Weelsii keessa jiru irraa kallattiidhaan tamsaafameen beeksiseera. Obboloonni guutumaa Weelsii fi Arjantiinaa keessa jiranii fi gara 2,057 taʼan sagantaa kana Galmawwan Walgaʼii isaanii keessatti hordofaniiru. Kitaaba kanas bifa dijitaalaatiin yeruma sana argataniiru. Maxxansi isaa garuu Muddee 2022​tti baʼa.

Obboloota hojii hiikkaa kana irratti hirmaatan keessaa tokko akkana jedheera: “Maqaa Yihowaa yeroo jalqabaatiif yeroo itti hiikne matumaa hin irraanfadhu. Maqaan Waaqayyoo iddoo isaaf malutti deebiʼee arguun baayʼee nama gammachiisa.”

Afaan Maaniyaawaa fi Afaan Teewee

Obboleessi keenya Maarseelloo Saantos, inni miseensa Koree Waajjira Damee Moozaambiik taʼe, sagantaa dursee waraabame irratti Kitaaba Qulqulluu-Kitaaba Maatewos Afaan Maaniyaawaa fi Afaan Teeweetiin baʼuu isaa beeksiseera. Sagantaan kun JW Stream irratti baʼeera. Kana malees, televizyinii fi raadiyoo irratti tamsaafameera. Kitaabni kun kan baʼe sagalee fi bifa dijitaalaatiin yommuu taʼu, maxxansi isaa immoo Fulbaana 2022​tti baʼa.

Kutaan Kitaaba Qulqulluu tokko Afaan Maaniyaawaatiin yommuu hiikamu kun isa jalqabaati. Afaan Teeweetiin immoo, kitaabota Kitaaba Qulqulluu muraasa qofatu kanaan dura hiikame. Namoonni kitaaba kana dubbisanis taʼe dhaggeeffatan faayidaa guddaa argatu.

Afaan Keechuwaa (Ankaash), Afaan Keechuwaa (Ayaakuchoo) fi Afaan Keechuwaa (Kuzkoo)

Obboleessi keenya Maarseello Mooyyaanoo, inni miseensa Koree Waajjira Damee Peeruu taʼe, Hiika Addunyaa Haaraa isa bifa dijitaalaatiin qophaaʼe Afaan Keechuwaa (Ankaash), Afaan Keechuwaa (Ayaakuchoo) fi Afaan Keechuwaa (Kuzkoo) baʼuu isaa beeksiseera. Afaanoonni kun Afaan Keechuwaa sadan balʼinaan Peeruu keessatti dubbatamani dha. Sagantaan dursee waraabame dhaggeeffattoota 7,000 oliif tamsaafameera. Maxxansi kitaaba kanaa immoo Onkoloolessa 2022​tti baʼa.

Afaanonni kun kan wal fakkaatan taʼus, Afaan Keechuwaa bakka garaa garaatti dubbatamu baayʼee adda adda waan taʼeef, Kitaabni Qulqulluun kopha kophaatti yoo hiikamuu baatee naannoo hundatti hin hubatamu. Kanaafuu, gareen hiikkaa hundi jechoota namoonni naannoo isaanii salphaatti hubachuu dandaʼan filataniiru.

Endebeelee, Seesootoo (Leesootoo) fi Seesootoo (Afriikaa Kibbaa)

Obboleessi keenya Keeneez Kuuk, inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe, Hiikni Addunyaa Haaraan Afaan Endebeelee fi Afaan Seesootootiin (Afriikaa Kibba) baʼuu isaa beeksiseera. Kana malees, Hiikni Addunyaa Haaraa inni haareffame Afaan Seesootootiin (Leesootoo) baʼuu isaa beeksiseera. Sagantaa dursee waraabame kana namoonni 28,000 ol taʼan Galmawwan Walgaʼii filataman keessattii fi manneen dhuunfaatti hordofaniiru. Kitaabota bifa dijitaalaatiin qophaaʼan kana yeruma sana kan argatan yommuu taʼu, maxxansa isaanii immoo Muddee 2022​tti baasuuf karoorfameera. Hiikni Addunyaa Haaraa guutuun isaa Afaan Endebeelee fi Afaan Seesootootiin (Afriikaa Kibba) yeroo hiikamu kun isa jalqabaati.

Kitaaba Qulqulluu Afaan Endebeelee ilaalchisee miseensi garee hikkaa tokko akkana jedheera: “Hiikkaan kun maqaa Yihowaa iddoo isaatti waan deebiseef, namoota naannoo keenyaa Afaan Endebeelee dubbataniif eebba guddaa dha. Yeroo jalqabaatiif kallattiidhaan Kitaabota Qulqulluu isaanii irraa dubbisuudhaan maqaa isaa baruu dandaʼu.”

Afaan Endebeelee (Zimbaabuwee)

Obboleessi keenya Shiingiree Maapfaamoo, inni miseensa Koree Waajjira Damee Zimbaabuwee taʼe, Hiikni Addunyaa Haaraa guutuun isaa Afaan Endebeeleetiin (Zimbaabuwee) bifa dijitaalaatiin baʼuu isaa beeksiseera. Maxxansi isaa immoo Adoolessa 2022​tti baʼa. Sagantaan dursee waraabame kun namoota 8,700 ol taʼanii fi Galmawwan Walgaʼii guutummaa Zimbaabuwee keessatti walitti qabamaniif tamsaafameera.

Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu kan biroon Afaan Endebeeleetiin (Zimbaabuwee) kan argaman taʼus, dhugaan Kitaaba Qulqulluu caalaatti ifa kan taʼe hikkaa kana irratti dha. Fakkeenyaaf, hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu Afaan Endebeelee kan biroon Yohaannis 17:3 irratti, Yesuus Kiristoosiin “Waaqa Dhugaa” jedhaniiru. Hiikni Addunyaa Haaraa garuu garaa garummaa Yihowaa fi Yesuus Kiristoos gidduu jiru ifatti kaaʼa. Namni hojii hiikkaa hojjetu tokko, “Hiikkaan kun jechoota namoonni dubbisan salphaatti hubachuu dandaʼan fayyadama” jedheera.

Dubbiin Waaqayyoo namoonni dhugaa barbaadanii fi addunyaa maratti argaman, afaan dhalootaa isaaniitiin “bishaan jireenyaa tola” akka fudhatan isaaniif qophaaʼuu isaa arguun keenya baayʼee nu gammachiisa.—Mulʼata 22:17.