Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gamoowwan waajjira damee Ingilaandi Kelmisfoord jiran. Gidduu: Obboleessi Keeneez Kuuk yeroo haasaa kennu

CAAMSAA 27, 2024
ODUU ADDUNYAA MARAA

Waajjira Damee Biritaaniyaa Murteeffame Irratti Namoonni Biyya 60 Ol irraa Dhufan Argamaniiru

Waajjira Damee Biritaaniyaa Murteeffame Irratti Namoonni Biyya 60 Ol irraa Dhufan Argamaniiru

Caamsaa 18, 2024, gamoowwan waajjira damee Ingilaandi Kelmisfoord jiran tajaajila Yihowaatiif murteeffamaniiru; haasaa kana kan kenne Obboleessa Keeneez Kuuk isa miseensa Qaama Ol Aanaa ta‵edha. Guyyaa eebbaa kanatti, obboloonnii fi obboleettonni 1,518 taʼan gamoowwan waajjira damee kanaa afur keessatti argamaniiru. Maatiiwwan miseensota Qaama Olaanaa fi gargaartonni koreewwan Qaama Olaanaa hedduunis irratti argamuu dandaʼaniiru. Dabalataan immoo karaa viidiyoo konfiransii namoonni 10,085 taʼan Galmawwan Walgaʼii Guddaa fi wiirtuu manneen barnootaa Kitaaba Qulqulluu kutaa garagaraa Aayerlaandi fi Yuunaayitid Kiingidam jiran keessatti walgaʼicha hordofaniiru. Dhaggeeffattoota gara 11,000 taʼan keessaa obboloonnii fi obboleettonni 3,000 ol taʼan ijaarsa waajjira damee kanarratti gargaaraniiru.

Obboloonnii fi obboleettonni Galma Walgaʼii Guddaa Baha Peeniin magaalaa Rooterhaam jiru keessatti haasaa eebbaa kennamu xiyyeeffannaadhaan yeroo dhaggeeffatan

Guyyaa ittaanu namoonni waajjira damee sana jala jiran 172,834 ta‵niifi gumiiwwan 1,821 keessatti argaman sagantaa hafuuraa addaa tamsaʼe irraa hirmaataniiru.

Torbee guyyaa eebbaa dura turetti keessummoonni gamoowwan waajjira damee daawwachuuf carraa argatanii turan. Argisiisa kana irratti wantoonni Beetel keessatti geggeeffaman hojii lallabaa deggeruu fi gumiiwwan cimsuu taʼuu isaa daawwattoonni akka hubatan carraaqqiin godhameera. Fakkeenyaaf, Gareen Viidiyoo Naannoo fiilmiin Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe tokko akkamitti akka qophaaʼu tokko tokkoon kan argisiise yeroo taʼu, keessummoonni fiilmiin kun yommuu waraabamu kallattiidhaan akka ilaalan godhameera.

Bitaa: Obboleettii wanta nyaatamu qopheessaa jirtu tokko. Mirga: Gareen Viidiyoo Naannoo jaarmiyaan keenya akkamitti fiilmii akka qopheessu yeroo argisiisu

Obboloonnii fi obboleettonni Siliindarii Qiiros Biritish Muuziyam Landan, Ingilaandi jiru yeroo daawwatan

Gamoowwan waajjira damee kana malees obboloonnii fi obboleettonni hedduun Beeteliin alattis daawwannaa barumsa irraa argatan godhaniiru. Kunis magaalaa Landan akkasumas kutaa Keenti deemuudhaan Ingilaanditti waaʼee seenaa Kitaaba Qulqulluu durii barachuu kan dabalatudha.

Waaʼee torban sochii gammachiisaa sana ilaalchisee obboleessi Riichaardi Kuuk inni miseensa Waajjira Damee Biritaaniyaa taʼe akkas jedheera: “Obbolootaa fi obboleettota biyyoota garagaraa irraa guyyaa addaa kanaaf dhufan arguun baayʼee kan nama gammachiisu ture. Yihowaan rakkoowwan nu mudatan akka moonu gochuudhaan waajjirri damee maqaa isaatiif ulfina fidu kun akka murteeffamu gochuu isaatti baayʼee dinqisiifanna.”

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Biritaaniyaa jiraatan gamoowwan waajjira damee kunneen Yihowaa Waaqa keenyaaf murteeffamuu isaaniitti ‘baayʼee akkuma gammadan’ nutis gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama.—Nahimiyaa 12:43.