Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 7, 2023
ODUU ADDUNYAA MARAA

Waajjiroota Beetel Addunyaa Mara Jiran Daawwachuun Jalqabeera

Waajjiroota Beetel Addunyaa Mara Jiran Daawwachuun Jalqabeera

Waxabajjii 1, 2023, waajjiroota damee Beetel addunyaa mara jiran daawwachuun ni jalqabe. Weerara dhibee Kooviid-19n kan kaʼe waggaa sadii oliif Beeteliin daawwachuun dhaabatee ture. Guyyaan kun miseensota maatii Beetel addunyaa mara jiranii fi warra daawwachuuf deemaniif guyyaa adda taʼe ture.

Daawwachiistoni namoota wajira muummee Dhugaa Baatota Yihowwaa Woorwiik Niiw Yoork Uunaayitid Isteetsiitti argamu daawwachuu dhufaniif simannaa hoʼaa yeroo godhaniif

Daawwattoonni yeroo achi gaʼanitti miseensonni maatii Beetel mallattoo baga nagaan dhuftan jedhu qabatanii, faarfannaa faarfachaa, gammachuudhaan hammatanii isaan simatu turan. Eliis Boot, inni waajjira muummee Woorwiik Niiwu Yoorkitti argamu keessa yeroo weerara dhibeetti tajaajiluu jalqabe akkana jedheera: “Miseensonni maatii Beetel mallattoo baga nagaan dhuftan jedhu hiriira galanii qabatanii yommuu dhaabatan arguun baayʼee namatti tola. Namoonni hedduun gammachuudhaan yeroo booʼan arguun Beetel dhuguma hangam bakka guddaa akka qabu na hubachiiseera.” Aleeksi Aleeksaandar, ishiin deddeebitee Beetelitti tajaajiltu namoota daawwannaadhaaf dhufan simachuu fi keessumsiisuu irratti hirmaachuu ishiitti baayʼee gammadde. Aleeksi; “Jaalala obboloonni Yihowaa fi mana isaatiif qaban arguun baayʼee adda” jechuudhaan dubbatteetti.

Miiyoon Joonifi ilmi ishii Yuun inni umuriin isa waggaa saddeetii waajjira damee Kooriyaa Kibbaa yommuu daawwachuu

Miiyoon Joon ilma ishii Yuun isa umurii waggaa saddeetii waajjira damee Kooriyaa Kibbaa geessitee doʼachiisuushiiti baayʼee gammaddeeti. Yoon Beeteliin deemee daawwachuuf waan jedhuuf gammachuu guddaa isatti dhagaʼameen kan ka‵e halkan guyyaa sana dura ture hin rafine. Miiyoon akkana jetteetti: “Akkuma siree irraa buuneen faarfannaa Kaalebii fi Soofiyaa isa yommuu isaan Beetel daawwatan faarfatu dhaggeeffanne. Waajjira damee yommuu deemnus konkolaataa keessatti dhaggeeffachaa deemne.” Yoon daawwannaa sanatti baayʼee waan gammadeef akkana jedheera: “Beetel keessa bineensonni utuu jiru taʼe jannata taʼa ture.”

Noohi Joonsan fi warrisaa waajira beetel isa Uunaayitid Isteets— Woolkiil Niiw Yoork jiru yommuu daawwachuu

Dargaggeessi Noohi Joonsan jedhamu Albartaa, Kaanaadaa jiraatuufi dhukkuba spinal muscular atrophy jedhamuun dhiphatu gamoowwan Beetel Niiwu Yoorki Yuu.Ess.Ee jiran daawwachuuf yeroo hunda hawwa ture. Haali fayyaasaa Xiyaaraan deemuu waan isa dhowuuf warrisaa kilomeetira 4,100 kenkolaatadhaan deemanii waajira beetel isa Uunaayitid Isteets Woolkiil Neew Yoork jiru fidani. Beeteliin dawachuusaati waan isatti dhagaaʼame yeroo ibsu “miira koo jecha tokkoon kaaʼuuf wanti hundumtu jaalala jechuun barbaada. Jaalali Yihowaafi obbolootakoo baayʼee na xuqeera ” jedheera.

Fiyodoor Zyitinkoofi haati manaasaa Yuuliyaan, Muuziyeemi isa beetel Kaazaakistaanitti argamu yommuu daawwatan

Fiyodoor Zyitinkoof inni umuriinsaa waggaa torbatamii jaʼa taʼeefi haati manaasaa Yuuliyaan Muuziyeemi isa beetel Kaazaakistaanitti argamu yommuu daawwatanitti baayʼee gamadaniiru. Kutaan Muuziyeemi kanaa inni tokko odeeffannoo obbolootaafi obboleetota woggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif amanamummaadhaan jabaatanii dhaabbatanii qabateera Faayidoor obboloota kana faana tajaajilaa waan tureef kutaan Muuziyeemii kanaa baayʼee isa xuqeera. Muuziyeemiin akkasii qophaaʼusatis baay‵ee dinqisiisafatera. Iti fufees akkas jedheera; “Tajaajili keenyiifi hojiin keenyi wagoottan kana hundaa obboloota keenyaan haala kanaan galmaaʼee kaaʼamnaan, Yohowaanimmo wanta tokkoon tokkon keenya goone hundumaa kana caalaa akka yaadatuufi dinqisiifatu beekamaadha”

Waajiroota Beetel adunyaa mara jiranitti deebinee keessumoota simachuu dandaʼuu keenyati baayʼee gammanneerra. Guyyoota itti aananii jiranitti namoota daawannaaf dhufan kumaan lakkaʼaman simachuuf hawineerra!—Faarfannaa 122:1.

Suuraawwan aarmaan gadirratti obbolooniifi obboleettoni keenya gamoowaan beetelifi Muuziyeemii adda addaa yomuu daawwatan argisiisa.

 

Arjantiinaa

Beeljiyam

Biraaziil

Dominikaan Rippuubliik

Ikuwaador

Faransaayi

Kaazaakistaan

Niwu Kaalidooniyaa

Naayijeeriyaa

Kooriyaa Kibbaa

Uunaayitid Isteets— Woolkiil Niiw Yoork

Uunaayitid Isteets— Woorwiik , Niiw Yoork