Dhimma ijoo ta'etti seeni

Walgaʼii guddaa Kolombos, Oohaayoo, Yuunaayitid Isteetis Ameerikaatti, Adoolessa 24-30, bara 1931⁠tti geggeeffame

ADOOLESSA 23, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

Waggaa Sagaltamaaf Maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa Jedhuun waamamuu

Waggaa Sagaltamaaf Maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa Jedhuun waamamuu

Dilbata, Adoolessa 26, bara 1931, Obboleessi keenya Jooseef F. Raazarfoordi, inni yeroo sanatti pirizidaantii Waldaa Masaraa Eegumsaa, Kitaaba Qulqulluu fi Tiraaktii ture, dhaggeeffattoota 15,000 ol taʼanii fi walgaʼii guddaa Koolombas, Oohaayoo, Yuunaayitid Isteetis Ameerikaatti geggeeffamerratti argamaniif haasaa dhiheessee ture. Sagantaan sun walakkaan isaa buufata raadiyoo 450 oliin dabarfamee kan ture siʼa taʼu, sana duras taʼe, sana booda sagantaan bifa kanaan baayʼina hammanaatiin darbe hin jiru. Obboleessi keenya Raazarfoordis haasaa seena qabeessa taʼee fi mata duree, “Maqaa Haaraa” jedhu qabu dhiheessee ture. Haasaa isaa irratti: “Harʼaa jalqabnee maqaa, Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun beekamuu fi waamamuu barbaanna” jedheera. (Saanduqa “ Murtoo Dabarfame” jedhu ilaali) Dhaggeeffattoonni bakka sana turan hundi sagalee guddaa bakakkaa fakkaatuun “Eeyyee” jechuudhaan kan isaaf mirkaneessan siʼa taʼu, achiis gammachuu guddaadhaan harka isaanii walitti rukutaniiru.

Obboleessi keenya Artar Woorsilii, inni seenaan Jireenyaa isaa bara 1986⁠tti barrreeffame, waaʼee guyyaa Sanaa yeroo dubbatu, “Sagalee namoota bakka sana turanii fi harka walitti rukutuudhaan sagalee isaan dhageessisan yoomiyyuu hin irraanfadhu” jedheera.

Namoota hedduu Istaadiyoomii Kolombos Ohaayootii ala jiran

Sagantaan sun raadiyoodhaanis darbaa waan tureef murtoon kun yeroo dabarfamu namoonni biyya kan biraa jiraatanis dhagaʼaniiru. Obboleessaa fi Obboleettiin keenya Baarbar warri Awustraaliyaa keessa jiraatan haala isaa yaadachuudhaan, “Iyyi gammachuu Ameerikaadhaa yeroo dhagaʼamu, obboloonni Maalboorni keessa turanis ol utaaluudhaan iyyuu jalqaban” jedhaniiru. Obboleettii keenya Maatisuwee dabalatee Garee xinnoon Jaappaan keessa ture, murtoo dabarame kana dhagaʼeera. Obboleettii Maatisuween, “Obboloota keenya Ameerikaa keessatti argamanii wajjin nutis gammachuudhaan iyyine” jetteetti.

Gaazexaa Ze Meesenjar jedhamuu fi maqaan Yihowaa yeroo jalqabaatiif irratti barreeffame

Daldaltoonni magaalaa walgaʼii guddan kun itti geggeeffame, jechuunis, Kolombos Oohaayoo keessa turanii fi Barattoota Kitaaba Qulqulluu Addunyaa Maraatiif mallattoo baga nagaan dhuftan jedhu qopheessanii turanis, mallattoo qopheessan sana gara, “Dhugaa Baatota Yihowaa, Baga Nagaan Dhuftan” jedhutti akka jijjiiran gabaafameera. Adoolessa 28, bara 1931⁠tti, gaazexaan Ze Meesenjar (The Messenger) jedhamuu fi Waldaa Masaraa Eegumsaa, Kitaaba Qulqulluu fi Tiraaktiidhaan qophaaʼu, maxxansa isaa keessatti yeroo jalqabaatiif maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhu fayyadamee waaʼee walgaʼii sanaa barreesseera.

Walgaʼichi geggeeffamee yeroo muraasa booda, duula lallabaa guddaa buukleetii Ze Kiingidam, ze Hooppi oof ze Woorldi,(The Kingdom, the Hope of the World) jedhamu qabate qophaaʼee ture. Buukleetiin sun maqaa haaraa kana kan of keessatti qabate ture. Jiʼa lamaa fi walakkaa gidduutti, kooppiin miiliyoona shanii ol kan raabsame siʼa taʼu, geggeessitoonni amantii, mootummoonnii fi daldaltoonni hedduunis argataniiru.

Buukleetii Ze Kingdam, Ze Hooppi oof ze Woorlid jedhamu bireeyilii dabalatee, afaanota filataman tokko tokkoon. Barreeffamni kun, murtoo maqaa keenya isa haaraa ilaalchisee darbe qabatee kan jiru siʼa taʼu, duula addunyaa maratti geggeeffame irratti raabsameera

Obboleessi keenya Maartiin Poyetziinger yeroo sana yaadachuudhaan akkas jedheera: “Mana nama hundumaa dhaqnee, ‘Ani Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko’ jennee of beeksisuudhaan haasaa keenya eegalla. Namoonni hundis dinqisiifannaadhaan mataa isaanii raasu ykn immoo, ‘Garuu ammayyuu isin barattoota Kitaaba Qulqulluuti mitii?’ jedhanii nu gaafatu.” (Saanduqa, “ Kaardiiwaan Maqaa Yihowaa Beeksisan Raabsuu” jedhu ilaali) Obboleessi keenya Pooyetziinger yeroon sana booda ture maal akka fakkaatu yeroo ibsu, “Jijjiirama guddaatu ture! Namoonni jecha tokkollee utuun hin dubbatin , ‘Ati Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokkodha mitii?’ naan jedhu turan” jedheera.

Sagantaa walgaʼichaaf qopheeffaamee fi gabaajee “JW” jedhu qabatee jiru. Obboleessi keenya Raazarfoordi gabaajee kana irratti ibsa kenneera

Obboleessi keenya Ee. Echi. Maakmiilaan, inni walgaʼii yeroo sana geggeeffame irratti argamee ture, maqaa kanaan waamamuun keenya sirrii kan taʼe maalif akka taʼe yeroo ibsu akkas jedheera: “Yaada baayʼee nama ajaaibsiisu ture. Sababni isaas maqaan kun hojiin keenya maal akka taʼe addunyaa maratti kan beeksisu dha. Sana dura maqaan keenya Barattoota Kitaaba Qulqulluu ture. Maaliif? Nutis akkasuma waan turreefi dha. Lammiileen kaanis nu faana barachuu yeroo eegalanitti Barattoota Kitaaba Qulqulluu Addunyaa Maraa jedhamne. Amma garuu Waaqa keenya Yihowaadhaaf dhugaa waan baanuuf maqaan kun eenyummaa keenyaa fi hojii keenya uummatatti kan beeksisudha.”

Yeroo harʼaa, namoonni miiliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman, maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun waamamuu isaaniitti baayʼee boonu.—Isaayyaas 43:10-12.