Dhimma ijoo ta'etti seeni

HAGAYYA 23, 2023
ODUU ADDUNYAA MARAA

Wangeelonni Afur Afaan Ookaaniin ni Baʼan

Wangeelonni Afur Afaan Ookaaniin ni Baʼan

Hagayya 13, 2023, obboleessi keenya Rooy Zeemaan inni miseensa Koree Waajjira Damee Suriinaam taʼe, Wangeelli Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis Afaan Ookaaniin baʼuu isaa beeksise. Namoonni walgaʼii addaa Galma Walgaʼii Guguddaa Dhugaa Baatota Yihowaa isa magaalaa Paaraamaariboo, Suriinaamitti geggeeffame irratti argaman 2,713 turan. Dabalataanis obboloonni, karaa toora intarneetii 691 taʼuun saganticha Galmawwan Walgaʼii Kaayan, Fireenchi Giyaanaa fi bakkawwan biroo hedduu jiranirraa kallattiidhaan hordofaniiru. Wangeelota arfan sana yeruma sana bifa dijitaalaatiin argachuun dandaʼameera. Kana malees, bifa maxxansaatiin Kitaaba Qulqulluu—Wangeela Maatewos argachuun dandaʼameera. Wangeelonni hafan sadanimmoo yeroo guutummaan Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata Afaan Ookaaniin baʼutti ni argama.

Afaan Ookaan Afaan garaa garaarraa kan argame siʼa taʼu, adda durummaadhaan namoota Suriinaamii fi Fireenchi Giyaanaa jiraniin balʼinaan dubbatama. Afaan kanaan garuu barreeffamni hedduun hin argamu. Babalʼistoonni gumiiwwan Afaan Ookaaniin geggeeffaman keessa jiran yeroo ammaatti walgaʼii fi tajaajila irratti Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Siraanaantongootiin argamutti fayyadamaa jiru. Suriinaam keessatti Afaan Siraanaantongoo balʼinaan kan dubbatamu taʼus, namoonni Afaan Ookaan dubbatan hedduun afaan kana sirriitti hin dandaʼan. Kanaafuu, yeroo baayʼee babalʼistoonni tajaajila irratti caqasa Kitaaba Qulqulluu gara Afaan Ookaanitti hiikuun baayʼee isaan rakkisa. Yaadni kun obboloota hojii hiikaa irratti hirmaatan keessaa tokkoon kenname: “Kitaaba haaraa kana argachuuf hawwinee turre; amma namoonni Afaan Ookaan dubbatanii fi umurii kam irrattiyyuu argamanis taʼe sadarkaa barumsaa akkamiiyyuu qaban Dubbii Waaqayyoo irraa guutummaatti fayyadamuu dandaʼu.”

Obbolootaa fi obboleettota keenya Afaan Ookaan dubbatanii wajjin taʼuudhaan, Kitaabni Qulqulluun haaraan kun namoonni garaa qajeelaa qaban dabalataa Yihowaa akka jajatan kan gargaaru akka taʼu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 34:1.