HAGAYYA 2, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA
Yaadannoo Walgaʼii Biyyoolessaa Guddaa Jalqabaa Waggaa 75ffaa
Walgaʼii Guddaan Seena Qabeessa Taʼee fi “Saboota Gammadoo” Jedhamu Walgaʼiiwwan Isa Booda Godhamaniif Fakkeenya Ture
Walgaʼii guddaan “Saboota Gammadoo” jedhamuu fi walgaʼii biyyoolessaa Dhugaa Baatota Yihowaa isa jalqabaa taʼe erga godhamee Hagayya 4, 2021, waggaa 75 guuta. Walgaʼiin naannoo Hagayya 4-11, 1946tti ture kun, kan geggeeffame Ohaayoo, Kileevlaandi, Yuunaayitid Isteetis Istaadiyomii Magaalichaa fi Galma Walgaʼii Magaalichaa isatti aanee jirutti ture.
Obboloonni keenya walgaʼii naannoo kana kan qopheessan Waraana Addunyaa Lammaaffaa booda yoo taʼu, walgaʼiin kun walitti buʼiinsa loltootaa guutummaa addunyaa irratti hubaatii guddaa geessise irraa faallaa ture. Walgaʼii guddaa kana irratti obboloonnii fi obboleettoonni addunyaa mara irraa dhufan nagaadhaan walitti qabamaniiru. Yeroo Yunaayitid Isteetis keessatti namoonni gurraachii fi adiin walitti hin makamnetti, namoonni sanyii fi akkaataa guddinaa gara garaa keessaa dhufan hundi gammachuudhaan walitti qabamanii turan.
Walgaʼii naannoo “Saboota Gammadoo” jedhamu kana irratti Dhugaa Baatonni Yihowaa 80,000 taʼan yeroo jalqaatiif bakka tokkotti walitti qabamaniiru. Oboloonnii fi obboleettonni keenya sababii waraanaatiin wal irraa fagaatanii erga turanii booda walitti qabamuun isaanii isaan gammachiisee ture. Bakka buutonni 302 biyyoota 32 irraa dhufan walgaʼii kana irratti argamaniiru. Obboleessi keenya Naataan Noor Dilbata guyyaa xumuraa walgaʼichaa irratti haasaa “Bulchaa Nagaa” jedhu kennee ture.
Walgaʼichi milkaaʼinan kan godhame taʼus, rakkinoonni jiru turan. Guyyaa jalqabaa walgaʼichaatti obboloota walgayicha qindeessanitti baayʼee ulfaatee ture. Namoonni Galma Walgaʼii Magaalichaatti walitti qabaman guutee iddoon taaʼumsaa dhibee ture. Kanaaf obboloonni namni hundi sagantaa galgalaa saʼaatii 1:45tti jalqabuuf bakka taaʼumsaa akka argatuuf istaadiyomii galmichatti aanee jiru fayyadamuuf dirqamaniiru. Haa taʼu malee kubbaan beezboolii hanga saʼaatii 12:30tti taphatamuuf sagantaan qabamee ture.
Taphini beezboolii inni lammaffaan utuu geggeeffamaa jiru bakakkaanii fi kakawween namoonni taphichi utuu hin xumuramin dhiisanii akka baʼan taasise. Sana booda, haali qilleensa isaa ni sirreeffamee, Dhugaa Baatonni 50,000 taʼan istaadiyomii sana keessatti sagantaa isa galgalaa irratti argamuu dandaʼaniiru.
Walgaʼii guddaan “Saboota Gamadoo” jedhamu kana irratti barruu haaraan Dammaqaa! jedhamu, akkasumas kitaabni “Waaqayyo Dhuga Qabeessa haa Taʼu” jedhamuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼchiisuuf gaargaaru ni baʼe. Kana malees, obboleessi keenya Noor bakki maxxansaa Birukliin Niiwu Yoorki Ameerikaa akka babalʼatuu fi waajjironni damee biyoota jaʼa kan birootti akka banaman beeksise.
Yeroon baayʼee gammachiisaa taʼe namoonni 2,602, jechuunis obboloonni 903 fi obboleettonni 1,699 taʼan haroo dhihoo sana jiruu fi Iirii jedhamutti cuuphamuu isaanii ture. Wantooni adda taʼan kanbiroon immo Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa fi Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii, akkasumas muziqaa namoota 160n qindeeffame kan dabalatanidha.
Walgaʼiin guddaa kun walgaʼiiwwan sana booda godhamaniif fakkeenya kan taʼu ture. Fakkeenyaaf, dipaartimantiiwwan walgaʼii guddaa, kanneen akka keessummeessitoota, Biroo Obboloonni Dura Taaʼaa Taʼanii Tajaajilan, Gargaarsa Jalqabaa, Instaaleshinii, Bakka Meeshaaleen Badanii Argaman Kaaʼaman jiran ni hundeeffaman.
Obboleessi keenya Roon Liitil, yeroo ammaatti gumii Meekiispooti Peenselvaaniyaa Ameerikaa keessatti jaarsa gumii taʼee tajaajilu yeroo sanatti abbaa isaa fi obboleessa isaa wajjin walgaʼii gudaa kana irratti yeroo argamu umuriin isaa waggaa 11 ture. Guyyoota saddeettan walgaʼiin sun geggeeffametti sadan isaanii iyyuu konkolaataa abbaa isaa keessa bulaa turan.
Obboleessi keenya Liitil yeroo itti barruun Dammaqaa! baʼe amma iyyuu sirriitti yaadata. Akkana jedheera: “Yeroon barruun Dammaqaa! beeksisan hundi keenya barruu tokko argachuuf fiigna turre. namni hundi barruu sana yoo argachuu baatte sii kennuuf yaalii godha ture.”
Obboleessi keenya Liitil yeroo ammaatti umuriin isaa waggaa 86 taʼeera, Dhugaa Baatni hedduun walitti qabamanii arguun isaa baayʼee isa dinqisiisee akka tures ni yaadata. Akkana jedheera: “Walgaʼiin isaa akka xumuramu akka hin barbaanne natti dhagaʼamee akka ture nan yaadadha. Yeroo baayʼee nama gammachiisu ture.”
Yihowaan “walgaʼiiwwan qulqulluu” keenya waan nuu eebbiseef guddaa isa galateeffannaa.— Leewwota 23:2.
Sagantaan walgaʼii guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa “Saboota Gammadoo” Kiliivlaandi, Ohaayoo Yunaayitd Isteetistti Hagayya 4 hanga 11, 1946tti godhame
Konkolaattota baaxii isaanii irratti meeshaa sagalee guddisuu fi mallattoo, “Masaraa Eegumsaa fi Konsoleshin dubbisaa” jedhu qabatan lama. Mallattoon balbala konkolaatichaa irra jiru immoo haasaa sabaa “Bulchaa Nagaa” jedhu beeksisa
Shamarran lamaa fi haati isaanii konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabu fuuldura dhaabbatanii. Shamarran sun barruu Dammaqaa! jalqaaa bara 1946 walgaʼii guddaa “Saboota Gammadoo” jedhu irrati baʼe qabatanii argisiisaa jiru. Haati isaanii immoo gaazexaa The Messenger jedhamuu fi waldaa Watch Tower Bible and Tract Society maxxanfamaa ture qabattee argisiisaa jirti
Obboleessi tokko ijoollee isaa lamaan wajjin dhaabbatee. Konkolaataan isaanii mallatoo haasaa sabaa “Bulchaa Nagaa” jedhamu beeksisu itti maxxanfameeru qaba
Obboloonni walgaʼii guddaa bara 1946tti mata duree “Saboota Gammadoo” taʼan jedhamu irratti argamuu biyya biraatii dhufan Kutaa Tajaajila Dirrree irraa kaardii haasaa sabaa “Bulchaa Nagaa” jedhamu beeksisuu yommuu fudhatan
Obboloota Dipaartimantii Tajaajila Nyaataa keessa hojjechaa jiran
Keessummoonni walgaʼii guddaa bara 1946 “Saboota Gammadoo” jedhamu irratti argamuu dhufan nyaata nyaachaa jiru
Gareen namootaa hedduun walgaʼii guddaa sana irratti argaman kitaaba haaraa baʼee fi mata duree “Waaqayyo Dhuga Qabeessa haa Taʼu” jedhu qabatanii
Obboloonni bakka walgaʼii guddaa itti geggeeffamu ala jiran hedduun isaanii sababii amantii isaaniitiin kan hidhaman turan. Obboleessi keenya Daaniʼel Sidliik (toora jalqabaa, karaa mirgaa), inni yeroo booda miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼee tajaajile isaan keessaa tokko ture
Kaadhimamtoonni cuuphaa tarree fulduraa irra taaʼanii
Haroon Iiree inni bakka cuuphaa taʼe qilleensa irraa yommuu ilaalamu