BITOOTESSA 31, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA
Yeroo Dhibee Daddarbaan Jiru Kanatti Maanguddoonni Walgaʼii fi Tajaajila Irratti Akka Hirmaatan Gargaaruu
Vaayirasiin kooronaa maanguddoota irratti miidhaa cimaa waan geessisuuf, obboloonnii fi obboleettonni keenya maanguddoonni gorsa ogeeyyii fayyaatiif ajajamuudhaan manaa baʼuu dhiisaniiru. Taʼus, adda baʼanii hojii malee taaʼaa jiru jechuu miti. Walgaʼii fi tajaajila irratti hirmaachuuf teknooloojii gara garaatti fayyadamaa jiru.
Xaaliyaaniitti, obboleettiin waggaa umurii 94 bara 1952tti cuuphamte tokko, dhibee daddarbaan kun jalqabuu isaa duraa eegalee manaa hin baʼan turan. Obboleettiin maanguddoon kun JW Streamiidhaan walgaʼii kan ilaalan taʼus, yeroo murtaaʼeef walgaʼii gumii isaanii arguu hin dandaʼan turan. Haa taʼu malee, amma jaarsoliin gumii isaanii viidiyookonfiraansiitiin walgaʼii gochuu waan jalqabaniif, miseensota gumii isaanii hunda arguu fi walgaʼicha dhaggeeffachuu dandaʼaniiru.
Yunaayitid Isteetis, Yuutaa, Ispaanish Foorkitti, obboleettiin Isteefaanii Atkeen jedhamanii fi gurri isaanii hin dhageenye mana maanguddoota itti kunuunsan kan jiraatan siʼa taʼu, amma namni akka isaan hin gaafanne dhorkamaniiru. Jaarsi tokkoo fi haati manaa isaa karaa daawitii balbala gamoo sanaatiin appilikeeshinii viidiyookonfiraansii taableetii isaanii irratti feʼuu akka dandaʼan afaan mallattootiin itti himan. Obboleettii Atkeen appilikeeshinicha erga feʼanii booda taableetii isaanii hammatan. Gumii isaanii wajjin wal qunnamuu dandaʼuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru.
Maanguddoota dabalatee obboloonnii fi obboleettonni keenya addunyaa mara jiran haala rakkisaa fayyaa wajjin wal qabate kana dandamachuuf teknooloojii fayyadamaa jiraachuun isaanii, abdii Yihowaan sabni isaa “aannan saba warra kaanii” ogummaadhaan akka fayyadaman kenne nu yaadachiisa. (Isaayaas 60:16) Inni yeroo hunda wanta tajaajiltoonni isaa lafa irraa yeroo rakkinaatti barbaadan akka taʼu beekna.
Hiriyoota gaaʼelaa Siwiidin jiran (karaa bitaa ol), obboleessa Faransaayi jiru (karaa bitaa gad), akkasumas hiriyoota gaaʼelaa Kooriyaa Kibbaa jiran (karaa mirgaa) walgaʼii gumii hirmaachaa jiru
Hiriyoonni gaaʼelaa Noorweey jiran bilbilaan lallabaa jiru
Hiriyoonni gaaʼelaa Xaaliyaanii jiran tika isaaniif godhamu irraa fayyadamaa jiru