Dhimma ijoo ta'etti seeni

(Bitaa) Of eeggachuuf tarkaanfiin fudhachuu dandeenyu mana keenyaa fi Galma Walgaʼiitti bakkawwan yeroo baayʼee harkaan tuqaman yeroo hunda qulqulleessuu dabalata; (Gidduu) Naannoowwan dhukubni itti babalʼatanitti babalʼistoonni malawwan tajaajilaa kan biroo kan akka bilbilaan lallabuu irratti hirmaachuuf filachuu dandaʼu; (Mirga) Naannoowwan dhukkubni kun babalʼachaa jirutti, jaarsoliin walgaʼiiwwan gumii viidiyoodhaan waraabaman argachuun akka dandaʼamu qophii gochuu dandaʼu taʼa

BITOOTESSA 3, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Odeeffannoo Vaayirasii Kooronaa fi Of Eeggachuuf Wanta Gochuu Dandeenyu

Odeeffannoo Vaayirasii Kooronaa fi Of Eeggachuuf Wanta Gochuu Dandeenyu

Waajjirri muummee Dhugaa Baatota Yihowaa babalʼachuu dhukkuba nooveel vaayirasii kooronaa (COVID-19 jedhamuun beekamu) dhiheenyatti hordofaa jira. Raajii Kitaaba Qulqulluu irratti ibsame irraa golfaan mallattoo guyyoota dhumaa adda baasee beeksisu keessaa tokko akka taʼe beekna. (Luqaas 21:11) Dhukkubni daddarbaan yeroo kaʼutti, ofis taʼe warra kaaniif eegumsa gochuuf tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhachuun keenya ogummaa dha.—Fakkeenya 22:3.

Obboloonni tokko tokko obboloonnii fi obboleettonni keenya naannoo dhukkubichi babalʼate jiraatan haala akkamii irra akka jiran isaan yaaddessa. Dhukkubni COVID-19 babalʼachuun isaa waajjiroota damee fi gumiiwwan Xaaliyaanii, Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa fi biyyoota kaan irratti dhibbaa guddaa geessiseera. Haalawwan tokko tokko keessatti, waajjiroonni damee daawwannaa fi keessummoota alaa dhufan simachuu dhiisuuf dirqamanii turan. Haalawwan kaan irratti immoo, mootummaan namoonni baayʼinaan akka walitti hin qabamne dhorkee ture; kunis waajjirri damee walgaʼiiwwan aanaa akka hambisu taasiseera. Kana malees, gumiiwwan naannoo tokko tokkotti argaman qophii tajaajilaa fi walgaʼii gumii irratti sirreeffama gochuun isaan barbaachisee ture. Haalawwan rakkisoo akkasii kan jiran taʼanis, obboloonni keenya karaa hafuuraa of ijaaruu fi wal jajjabeessuu isaanii itti fufaniiru.—Yihudaa 20, 21.

Haalawwan kanneen keessatti obboloonni keenya qajeelfamawwan armaan gadii faayidaa akka qaban hubataniiru. Naannoo dhukubni babalʼatetti kan argamtu yoo taʼe, qabxiiwwan kanneen sii fi maatii kees gargaaruu dandaʼu taʼa.

  • Hin Rifatinaa. Dhukkuba daddarbaa ilaalchisee dammaqoo taʼuu fi of eeggannoo barbaachisu gochuun gaarii taʼus, tarkaanfiin fudhachuu qabnu dhugaa irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba malee sodaadhaan taʼuu hin qabu.—Fakkeenya 14:15; Isaayaas 30:15.

  • Gorsaa fi Qajeelfama Mootummaan Kennu Hordofaa. Abbootiin taayitaa yeroo baayʼee fayyina hawaasaatiif jecha, dursanii of eeggannoo akka godhan murteessuu ykn dhorkaawwan tokko tokko gochuu dandaʼu. Qajeelfama mootummaan kennu yeroo hunda hordofuu fi hojii irra oolchuun gaarii dha.—Roomaa 13:1.

  • Qulqullina Keessan Eegaa. Yeroo hunda harka keessan saamunaa fi bishaaniin dhiqadhaa ykn alkoolii harka qulqulleessuuf gargaarutti (alcohol-based hand sanitizer) fayyadamaa. Akkasumas mana keenyaa fi Galma Walgaʼiitti bakkawwan yeroo baayʼee harkaan tuqaman yeroo hunda qulqulleessuu qabna. Kana malees, ogeeyyiin fayyaa yeroowwan akkasiitti dhukkubichi babalʼachuu isaa akka itti fufu waan godhuuf harka qabanii nagaa wal gaafachuu ni dhowwu. Dhukkuba vaayirasii kooronaa ilaalchisee Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa uummataaf gorsa dabalataa kenneera.

  • Warra Kaanitti Jaalala Argisiisaa. Hundumti keenya walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu fi tajaajila irratti hirmaachuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe kan beeknu taanus, yoo isin dhukkube warri kaan akka hin faalamneef manuma turuun keessan baayʼee gaarii dha. Kunis obboloota keenyaaf jaalala akka qabnu qofa utuu hin taʼin, obboloota keenyaa fi obboleettota keenya, akkasumas ollaawwan keenya warra Dhugaa Baatota hin taaneef eegumsa akka goonu argisiisa.—Maatewos 22:39.

  • Sirreeffama Yeroodhaaf Qophiiwwan Gumii Irratti Godhame Hordofaa. Naannoowwan dhukkubni kun itti babalʼachaa jiranitti, waajjirri damee yeroo muraasaaf walgaʼii gumii, walgaʼii aanaa fi sochiiwwan tiʼookraasii kan biroo dhaabuun isaa barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Naannoowwan dhukkubni COVID-19 gar malee itti babalʼate, jechuunis naannoowwan Xaaliyaan, Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa tokko tokkotti wanti godhames kana dha. Haalawwan naannoo irratti hundaaʼuudhaan, jaarsoliin babalʼistoonni manuma isaanii taaʼanii walgaʼiiwwan gumii viidiyoodhaan waraabaman akka ilaalan qophii gochuu dandaʼu taʼa. Babalʼistoonni bilbilaan, ergaa gabaabaadhaan, iimeeliidhaan ykn xalayaadhaan tajaajila irratti hirmaachuu dandaʼu taʼa.

ODEEFFANNOO DABALATAA BARREEFFAMOOTA KEENYA IRRATTI ARGAMAN

Armaan gaditti barreeffamoota filatamanii fi qajeelfamawwan dhukkuba irraa of eeguuf gargaaran dhihaataniiru.