Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa: Obboleessi garee hiikkaa Afaan Mallattoo Afriikaa Kibbaa keessaa hojjetu tokko Kitaaba Qulqulluu mallattoodhaan argisiisaa jira. Mirga: Hiriyoonni gaaʼelaa tokko waaqeffannaa maatii isaanii irratti viidiyoo Afaan Mallattoo Afriikaa Kibbaatiin qophaaʼe irraa fayyadamaa jiru.

AMAJJII 25, 2022
AFRIIKAA KIBBAA

Abbootiin Taayitaa Afriikaa Kibbaa Namoota Gurri Isaanii hin Dhageenye Gargaaruuf Carraaqqii Godhaniif Dhugaa Baatota Yihowaa Galateeffatan

Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu Lama Afaan Mallattoo Afriikaa Kibbaatiin Baʼan

Abbootiin Taayitaa Afriikaa Kibbaa Namoota Gurri Isaanii hin Dhageenye Gargaaruuf Carraaqqii Godhaniif Dhugaa Baatota Yihowaa Galateeffatan

Afriikaa Kibbaatti, namoonni namoota gurri isaanii hin dhageenye deggeran, Afaan Mallattoo Afriikaa Kibbaatiin viidiyoo qulqullina guddaa qabuu fi namoonni gurri isaanii hin dhageenye jireenya isaanii akka fooyyessan gargaaru waan qopheessaniif Dhugaa Baatota Yihowaa galateeffatan. Kun kan ta‵e Sadaasa 15, 2021 kitaabonni Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Galaatiyaa fi Efesoon Afaan Mallattoo Afriikaa Kibbaatiin erga baʼee booda dha. Kitaabota kanaa wajjin kitaabonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Mallattoo Afriikaa Kibbaa kudhan baʼaniiru. Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu dabalataa afur immoo Ebla 2022​tti akka baʼaniif karoorfameera. Kitaabonni kun hundi jw.org irrattii fi appilikeeshinii JW Library Sign Language irratti ni argamu.

Barsiisaa barattoota qaama miidhamtootaa fi amala addaa qabani, akkasumas hogganaa Bulchiinsa Baha Keptaawon kan taʼan Miinaa Isteeyin Dhugaa Baatota Yihowaatiin akkana jedhaniiru: “Namoota afaan mallattoo argisiisan ilaaluun baay‵ee na gammachiisa, sadarkaa fi qulqullina afaan mallattoo isaan qopheessan kanaaf warra afaan mallattoo argisiisan sanas ta‵e jaarmiyicha galateeffachuun barbaada.

Pireezidaantii Federeshinii Qaama Miidhamtoota Eswastiinii kan taʼan Baangaanii Maakamaan akkana jedhaniiru: “Wanta namoonni dhagaʼan argatan, namoonni gurri isaanii hin dhageenyee fi dandeettiin dhagaʼuu isaanii gad aanaa taʼe akka argatan waan godhaniif Dhugaa Baatota Yihowaa galateeffachuu barbaanna.” Itti fufuudhaanis akkana jedhaniiru: “[Namoonni gurri isaanii hin dhageenye] afaan garaa isaanii tuquun Kitaaba Qulqulluu argachuu ni barbaadu. Afaan namoonni gurri isaanii hin dhageenyeen kitaabota Kitaaba Qulqulluu kanneen akka argatan waan godhaniif isaan galateeffachuu barbaanna. Kitaabota Kitaaba Qulqulluu 66n hunda afaan mallattootiin ni arganna jedheen abdadha.”

Afriikaa Kibbaa keessa namoota Afaan Mallattoo Afriikaa Kibbaa dubbatan 450,000 jira. Afriikaa Kibbaa keessa babalʼistoota gurri isaanii hin dhageenyee ykn dandeettiin dhagaʼuu isaanii gad aana taʼe 283tu jira. Carraaqqii Dhugaa Baatonni Yihowaa godhaniin, namoota gurri isaanii hin dhageenyee fi naannoo waajjira damee Afriikaa Kibbaatti argaman dabalatee “akaakuun namootaa hundi” beekumsa dhugaa argachaa jiru.—1 Ximotewos 2:4.