Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gubbaa: Bara 1930 obbolootaa fi obboleettota Vloree Albaaniyaa keessa turan. Gubbaa mirga: Birooshuroota seenaa tiʼookiraasii Albaaniyaa argisiisan. Jala mirga: Deevid Ispileen inni miseensa qaama ol aanaa taʼe, Walgaʼii Koonyaa “Waaqayyoof Abboomamaa” jedhamuu fi bara 2005 godhame irratti Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa baʼuu isaa yommuu beeksisu.

AMAJJII 7, 2022
ALBAANIYAA

Albaaniyaatti Waggoota Hedduuf Dhorkaan Jiraatus Misiraachichi Waggaa 100f Lallabameera

Albaaniyaatti Waggoota Hedduuf Dhorkaan Jiraatus Misiraachichi Waggaa 100f Lallabameera

Dhugaa Baatonni Yihowaa Albaaniyaatti lallabuu erga jalqabanii 2022​tti waggaa 100 taʼa.

Naashoo Idriizi lammiilee Albaaniyaa jalqaba dhugaa fudhatan keessaa tokko dha. Bara 1920 gara jalqabaatti yommuu Yuunaayitid Isteetis jiraachaa turetti Dhugaa Baatota Yihowaa warra yeroo sanatti Barattoota Kitaaba Qulqulluu Biyyoolessaa jedhamanii wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼate.

Naashoon Bara 1922 Albaaniyaatti deebiʼe. Yeroo booda immoo lammiileen Albaaniyaa kan biroon Yuunaayitid Isteetisitti Barattoota Kitaaba Qulqulluu taʼanis wanta baratan warra kaaniif hiruuf jecha gara biyya isaaniitti deebiʼan.

Taanaas Duulii

Taanaas Duulii namoota Albaaniyaatti jalqaba Barattoota Kitaaba Qulqulluu taʼan keessa tokko dha. Akkas jedheera: “Bara 1925​tti Albaaniyaa keessa gumii sadiitu jira ture; dabalataanis barattoonni Kitaaba qulqulluu bakka fagootti argamanii fi namoonni fedhii qaban guutumaa biyyattii keessa jiru turan.”

Waggoottan gara jalqabaa kanatti barreeffamoonni keenya hedduun afaan Albaaniyaatti hiikamaniiru. Isaan keessaa tokko tokko The Harp of God akkasumas A Desirable Government jedhamu. Maxxansi Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 1925 akkas jedheera: ‘Barreeffamoonni afaan Albaaniyaa hedduun namootaaf kennamaniiru namoonni Albaaniyaas gammachuudhaan dhugaa fudhachaa jiru.’

Argijroo fi Naashoo Doorii

Dhugaa Baatonni hinaaffaadhaan waan lallabaniif namoonni unjiiloree jechuunis “labsitoota wangeelaa” isaaniin jechuu jalqaban. Naashoo Doorii inni bara 1930​tti cuuphame wanta yaadatu yommuu dubbatu akkas jedheera: “Bara 1935​tti gareedhaan taanee magaalaa Keelisireetti lallabuuf otoobisii kireeffanne. Sana booda Albaaniyaa balʼinaan daawwachuuf qophii goone achiis magaalaa Peermet, Leskoviik, Ersekee, Korsee, Pogradesii fi Elbaasaan daawwanne. Daawanna keenya kanas ayyaana yaadannoo duʼa Kiristoos kabajuudhaaf jecha Tiraanaatti yeroodhaan xumurre.”

Bara 1939 mootummaan abbaa irree Xaaliyaanii Albaaniyaa toʼannaa jala galche, achiis Dhugaa Baatota Yihowaa dhorke. Obboloonni keenya waraana Giriikii fi Xaaliyaan godhan irratti hirmaachuu waan didaniif ariʼatamni isaan irra gaʼe. a Waggoottan kanatti obboloonni keenya 15 hidhamaniiru. Obboleessi Nikodihim Shiti kaampii hojiin humnaa itti hojjetamu galfame, sana booda hin deebine.

Xumura Waraana Addunyaa Lammaffaatti Paartiin Kooministii bara 1944 Albaaniyaatti aangoo qabate. Ariʼatamni Dhugaa Baatota irra gaʼus itti fufe. Obboloonni keenya ni hidhaman akkasumas ni dararaman. Warri kaan immoo maatii isaanii irraa fagaatanii kaampii hojiin humnaa itti hojjetamu galfaman. Waggoota sanatti Albaaniyaan biyyoota kaanii wajjin wal hin qunnamtu turte. Kitaabni Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa bara 1959 akkas jedhee ture: “Bulchitoonni biyyichaa obboloota Albaaniyaa Hawaasa Addunyaa Haaraa irraa yoo adda baasan iyyuu hafuurri Waaqayyo akka isaa irratti hin hojjenne gochuu hin dandaʼan.” Bara 1967 Albaaniyaan biyya Waaqayyo jiraachuu isaatti hin amanne ishee jalqabaa taʼuu ishee ibsite. Dhugaa Baatonni muraasni achitti argaman garuu of eeggannoodhaan amantii isaaniitti cimanii itti fufaniiru.

Sirni Kooministii yeroo kufetti, Dhugaa Baatonni Yihowaa waggaa 50 oliif dhorkaa jala erga turanii booda Caamsaa 22, 1992 beekamtii seeraa argataniiru.

Yeroo ammaa Albaaniyaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 5,550 taʼan gumii 89 keessatti tajaajilaa jiru. Ariʼatamni cimaan jiraatus ‘dubbiin Yihowaa caalaatti babalʼachaa fi moʼaa’ deemuu isaatti obboloota keenyaa wajjin ni gammanna.—Hojii Ergamootaa 19:20.

a Waraanni Giriikii fi Xaaliyaan Onkoloolessa 28, 1940 hanga Ebla 23 1941​tti godhame. Duulli baalkaan kan jalqabe waraana kanaan ture. Duulli kun kutaa Waraana Addunyaa Lammaffaa dha.