Dhimma ijoo ta'etti seeni

SADAASA 29, 2021
ANGOOLAA

Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Kimbunduutiin baʼe

Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Kimbunduutiin baʼe

Dilbata Sadaasa 21, 2021 Obboleessi Eeriik Raafeel inni miseensa Koree Waajjira damee Angoolaa taʼe, Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii inni bifa elektiroonikiitiin qophaaʼe afaan Kimbunduutiin baʼuu isaa beeksiseera. Inni waraqaadhaan maxxanfame bara 2022⁠tti dhihaata. Qophii kana ilaalchisee sagantaa dursee waraabame namoonni gara 11,000 hordofaniiru.

Mootummaa kolonii Poortugaal naannoo bara 1920⁠tti afaanota Afriikaa kan biroo dabalatee afaan Kimbunduu mana barumsaatti akka itti hin hojjetamne dhorkee ture. Taʼus yeroo ammaa Angoolaatti namoota magaalaa guddoo Luweendaa jiraatan dabalatee namoonni gara miliyoona 1.7 afaan Kimbunduu ni dubbatu. Kimbunduun afaanota gugguddoo biyyichaa keessaa tokko dha.

Barreeffamoonni Dhugaa Baatota Yihowaa afaan Kimbunduutiin qophaaʼuu kan eegalan naannoo bara 1990 irraa jalqabee ti. Haa taʼu malee, hanga bara 2008tiitti gumiin afaan Kimbunduutiin geggeeffamu hin hundeeffamne. Yeroo ammaa garuu afaan Kimbunduutiin gumiiwwan 55 keessatti kan tajaajilan babalʼistoota 2,614tu jira.

Miseensi garee hiikaa afaan Kimbunduu kanaa tokko fagoodhaa mana isaa taaʼee hojjeta

Namoonni hedduun hiika isa haaraa kana hiika Kitaaba Qulqulluu isa duraan ture caalaa salphaatti hubatu. Fakkeenyaaf hiika isa duraanii irratti Maatewos 5:3, “Warri hafuuraan hiyyeessota taʼan gammadoo dha” jedhamee hiikameera. Hiika Addunyaa Haaraa irratti, caqasni kun, “Warri Waaqayyo akka isaan barbaachisu beekan gammadoo dha” jedhameera.

Obboleessi hiikkaa kana irratti hirmaate tokko akkas jedheera: “Kitaabni Qulqulluun kun obboloota keenya afaan Kimbunduu dubbataniif eebba dhugaa akka taʼe shakkii hin qabu. Qoʼannaa dhuunfaa fi tajaajila isaanii irratti yommuu fayyadaman caalaatti Yihowaatti akka dhihaatan isaan gargaara. Piroojektii kana irratti gumaacha xinnoo gochuu koo akka mirga guddaattan ilaala. Anaaf kun jaalala Yihowaa isa amanamaa akka argisiisu natti dhagaʼama.”

Obboloonnii fi obboleettonni keenya afaan Kimbunduu dubbatan Kitaaba Qulqulluu kana namoonni naannoo tajaajilaa isaanii fedhii qaban ‘iccitii qulqulluu Mootummaa Waaqayyoo akka hubatan’ gargaaruuf akka itti fayyadaman beekna.—Luqaas 8:10.