Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 20, 2021
ANGOOLAA

Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Umbuunduutiin Baʼe

Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Umbuunduutiin Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Umbuunduu Amajjii 16, 2021⁠tti bifa elektiroonikiitiin baʼeera. Sagantaan dursee waraabame gumiiwwan Angoolaa Afaan Umbuunduutiin geggeeffaman hundaaf tamsaafameera. Obboleessi keenya Jeeneeziyoo Veerdiyaanoo inni Miseensa Koree Waajjira Damee Angoolaa taʼe Kitaaba Qulqulluu kana baaseera.

Umbuunduun Angoolaatti afaan balʼinaan dubbatamu yeroo taʼu, tilmaamaan namoonni gara miliyoona torbaa taʼan afaan kana ni dubbatu. Babalʼistoota 6,500 ol taʼantu Afaan Umbuunduu dubbata.

Hiikkaa kana xumuruuf gareen hiikkaa miseensota jaʼa qabu lama waggaa shaniif hojjeteera. Miseensi garee hiikkaa kanaa tokko akkana jedheera: “Hiikni haaraan kun salphaatti kan hubatamu waan taʼeef, wanta dubbisnu akka gaariitti hubachuuf nu gargaara. Akkasumas tajaajila irratti Dubbii Waaqayyoo warra kaan barsiisuun akka nuuf salphatu godha.”

Miseensi Koree Waajjira Damee tokko akkana jedheera: “Namoonni Kitaaba Qulqulluu afaan isaaniitiin yommuu dubbisan dhugaa caalaatti akka hubatan beekna. Yihowaan namoonni hedduun dhugaa akka dhagaʼan gochuuf Dubbii isaa Afaan Umbuunduutiin qophaaʼe akkamitti akka fayyadamu arguun baayʼee nu gammachiisa.”—2 Tasalonqee 3:1.