Dhimma ijoo ta'etti seeni

HAGAYYA 4, 2023
ANGOOLAA

Hiikni Addunyaa Haaraan Afaan Niyaanekaatiin ni Baʼe

Hiikni Addunyaa Haaraan Afaan Niyaanekaatiin ni Baʼe

Adoolessa 28, 2023, obboleessi keenya Saalvaador Doomingos innni miseensa Koree Waajjira Damee Angoolaa taʼe, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Niyaanekaatiin baʼuu isaa beeksise. Kitaabni Qulqulluun kun baʼuun isaa kan beeksifame Walgaʼii Naannoo “Obsaa”! jedhamu isa Lubeengoo, Bulchiinsa Huuluyaa, kibba Angoolaatti geggeeffame irrattidha. Dimshaashumatti namoonni 2,621 taʼan walgaʼii kana irratti argamaniiru. Namoonni kun Kitaaba Qulqulluu isa bifa maxxansaatiin jiru argataniiru. Isa bifa dijitaalaatiin qophaaʼes buufachuun dandaʼameera.

Namoonni Afaan Niyaanekaa dubbatan hedduun Benguwelaa, Kuneenaa, Huuluyaa fi Naamiibee dabalatee bulchiinsawwan Angoolaa keessatti argamu. Biiroon hiikkaa fagoo inni magaalaa Lubeengooti argamu, barreeffamoota keenya gara Afaan Niyaanekaatti hiika.

Kanaan dura dhaabbileen Kitaaba Qulqulluu tokko tokko Kitaaba Qulqulluu keessaa kitaabota tokko tokko Afaan Niyaanekaatti hiikaniiru. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun yeroo jalqabaatiif guutuunsaa Afaan Niyaanekaatiin qophaaʼe Hiika Addunyaa Haaraadha. Afaanichi loqoda garaa garaa kan qabu waan taʼeef, gareen hiikkaa jechoota namoota hedduu biratti caalaatti beekaman fayyadamuuf carraaqqii godheera.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Afaan Niyaanekaa dubbatan hiikkaa haaraa baʼe kanatti fayyadaman namoonni dabalataa hedduun waaʼee Yihowaa akka beekanii fi akka isa waaqeffatan akka isaan gargaaru amanannaa guddaa qabna.—Isaayyaas 2:3.