AMAJJII 22, 2024
ANGOOLAA
Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Chokweetiin ni Baʼe
Amajjii 13, 2024, obboleessi keenya Jeefrii Wiindar inni miseensa Qaama Olaanaa taʼe, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Chokweetiin baʼuu isaa beeksise. Kitaabni Qulqulluun kun baʼuun isaa kan beeksifame sagantaa addaa waajjira damee Luwaandaa, Angoolaatti godhame irratti ture. Walumaa galatti, obboloonnii fi obboleettonni 187 taʼan saganticha irratti qaamaan kan argaman yommuu taʼu, viidiyoo konfiransiidhaan immoo dabalataan namoonni 353,427 saganticha hordofaniiru. Kunis obbolootaa fi obboleettota 1,644 Afaan Chokwee dubbatan kan dabalatudha. Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa inni bifa maxxansaatiin qophaaʼe namoota saganticha irratti argaman hedduudhaaf kennameera. Isa bifa dijitaalaatiin qophaaʼes buufachuun dandaʼameera.
Angoolaa, Rippuubliikii Dimookraatawaa Koongoo fi Zaambiyaa keessatti namoonni Afaan Chokwee dubbatan tilmaamaan miliyoona sadii taʼu. Yeroo ammaatti, Angoolaa keessatti obboloonnii fi obboleettonni 462 taʼan gumiiwwan Afaan Chokweetiin geggeeffaman 10 keessatti tajaajilaa jiru. Dabalataanimmoo, Rippuubliikii Dimookraatawaa Koongoo keessatti obboloonnii fi obboleettonni 734 taʼan gumiiwwan Afaan Chokweetiin geggeeffaman 21 keessatti tajaajilaa jiru.
Yeroo Kitaabni Qulqulluun kun beeksifamutti, obboleessi keenya Wiindar Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa maqaa Waaqayyoo isan dhuunfaa Yihowaa jedhu siʼa 237 akka fayyadamu ibseera. Obboleessi tokko akkana jedheera: “Roomaan 10:13, ‘Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya’ jedha. Haa taʼu malee, hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu Afaan Chokweetiin qophaaʼan tokko tokko kana jechuun maal jechuu akka taʼe sirriitti hin ibsan. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼataa haaraa kanatti fayyadamee, namoonni maqaan Yihowaa fi fayyinni akkamitti akka wal qabatu akka hubatan gargaaruuf hawwiidhaan eegaan jira. Kennaa baayʼee dinqisiisaa taʼedha!”
Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Chokweetiin baʼe kun namoonni dabalataa hedduun, waaʼee Yihowaa akka baratan, akkasumas garaa guutuu fi humna guutuudhaan isa jaallachuu akka baratan akka gargaaru amanannaa guddaa qabna.—Maarqos 12:33.