Dhimma ijoo ta'etti seeni

MUDDEE 9, 2022
ANGOOLAA

Kitaabni wangeela Maatewosii fi Hojii Ergamootaa Afaan Chokwee fi Afaan Ibindaatiin Baʼe

Kitaabni wangeela Maatewosii fi Hojii Ergamootaa Afaan Chokwee fi Afaan Ibindaatiin Baʼe

Muddee 3, 2022, obboleessi keenya Saamuʼel Kaampoos inni Miseensa Koree Waajjira Damee Angoolaa taʼe, kitaabni Wangeela Maatewosii fi Hojii Ergamootaa Afaan Chokwee fi Afaan Ibindaatiin baʼuu isaa beeksise. Kitaabonni kun kan baʼan bifa dijitaalaatiin yoo taʼu, baʼuun isaanii kan beeksifame sagantaa dursee waraabamee fi babalʼistoonni gara 2,000 taʼan hirmaatan irratti dha.

Afaan Chokweetiin gareen kan hundeeffame bara 2007​ttidha. Yeroo ammaatti Afaan Chokweetiin Angoolaa keessa gumii 10, Koongoo keessa immoo gumii 23tu jira.

Namni Afaan Chokwee irratti hiiktuu taʼee hojjetu tokko akkana jedheera: “Afaan Chokweetiin hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduutu jira. Isaan keessaa tokko jechoota hubachuuf salphaa taʼanitti fayyadama, garuu yaada isaa karaa biraatiin hiika. Kaan immoo hiikkaa guutuu kan qabate taʼus hubachuuf ulfaataadha. Hiikkaa haaraa kana yommuun dubbisu garuu akkuma waan Yihowaan kallattiidhaan anatti dubbachaa jiruutti natti dhagaʼama.”

Gumiin Afaan Ibindaa yeroo jalqabaatiif kan hundeeffame bara 2014​ttidha. Yeroo ammaatti gumii 13 taʼeera. kitaabni wangeela Maatewosii fi Hojii Ergamootaa baʼuu isaa dura Afaan Ibindaatiin Kitaabni Qulqulluun waan hin jirreef, babalʼistoonni Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Poortugaaliin qophaaʼe fayyadamu turan. Namni miseensa garee hiikkaa Afaan Ibindaa akkana jedheera: “Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu kanaan dura hubachuuf irra deddeebiʼee dubbisuun na barbaachisu tokko tokko, amma salphaatti hubachuu nan dandaʼa. Miseensa garee kanaa taʼuun mirga guddaadha. Amantii koo caalaatti naaf cimseera.”

Kitaabonni Afaan Chokwee fi Afaan Ibindaatiin qophaaʼan kun obboloonnii fi obboleettonni keenya caalaatti Yihowaatti akka dhihaatan kan isaan gargaaru akka taʼu amanannaa guutuu qabna.—Yaaqoob 4:8.