Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 10, 2020
AWUSTIRAALIYAA

Awustiraaliyaatti Ibiddi Bosonaa babalʼachuu Isaa Itti Fufeera

Awustiraaliyaatti Ibiddi Bosonaa babalʼachuu Isaa Itti Fufeera

Hoʼa fi gogiinsa cimaa waggaa kana Awustiraaliyaatti mulʼateen kan kaʼe, ibiddi bosonaa hammaachaa deemeera. Fulbaana 2019 kaasee bulchiinsa Awustiraaliyaa hundumaatti ibiddi bosonaa cimaan badiisa geessisaa jira. Waqtiin Awustiraaliyaatti ibiddi bosonaa kaʼu reefuu jalqabuu isaa taʼus, ammuma iyyuu badiisa cimaa geessiseera. Naannoowwan Viiktooriyaa fi Niiwu Saawuz Weels warri qarqara galaanaa fi kibba bahaatti argaman ibidda kanaan baayʼee miidhamaniiru.

Obboloota keenya keessaa kan duʼes taʼe kan miidhame hin jiru, taʼus, mana sagal warra guutummaatti gubatan dabalatee qabeenyi hedduun barbadaaʼeera. Hamma ammaatti obboloonni 700 ol taʼan bakka sanaa baʼaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni keenya sababa aara sanaatiin mana isaanii dhiisanii deemuuf murteessaniiru. Hayyoonni tokko tokko faalamni qilleensaa kun isa hanga yeroo sanaatti gaʼe hunda caalaa kan hammaatuu fi fayyaa nama irra balaa cimaa akka geessisu dubbataniiru. Warri iddoo sanaa baʼan hedduun, maatii, michoota ykn babalʼistoota gumiiwwan naannoo sanaa jiran kanneen kallattii ibiddichi itti deemu irra hin jirre bira buufachuuf filataniiru.

Waajjirri damee Awustiraaliyaa karaa hafuuraa fi karaa foonii gargaarsa gochuuf Koree Gargaarsaa Lama hundeesseera. Ilaaltonni ol aanaa aanaa lamaa fi miseensonni Koree Waajjira Damee obboloota keenya warra naannoo balaan gaʼe jiraatan jajjabeessaa jiru. Ibidda kanaan kan kaʼe, obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun, karaa qaamaa fi miiraa kan dadhaban taʼus, baayʼeen isaanii jaalala dhugaa obboloonni keenya isaanitti agarsiisaa jiraniif garaadhaa isaan galateeffataniiru.—1 Pheexiros 2:17.