Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa:Miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe obboleessi keenya Keeneez Kuuk obbolootaa fi obboleettota bakka ijaarsa fiilmii kanaa irratti hirmaataniif haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi nama jajjabeessu yommuu dhiheessu. Karaa mirgaatiin gararraa: Fiilmichi mana keessatti yommuu waraabamu. Karaa mirgaatiin gajjallaa: Fiilmiin seena qabeessa taʼe kun alatti yommuu waraabamu

HAGAYYA 26, 2022
AWUSTIRAALIYAA

Gabaasa Kutaa Tokkoffaa Fiilmii Seenaa Tajaajila Yesuus

Gabaasa Kutaa Tokkoffaa Fiilmii Seenaa Tajaajila Yesuus

Waraabbiin fiilmii Seenaa Tajaajila Yesuus jedhamuu kutaa tokkoffaan isaa Hagayya 12, 2022​tti xumurameera. Turtii yeroo gabaabaa booda, waraabbii kutaa lammaffaan kan itti fufu yeroo taʼu, gara naannoo Onkoloolessa 2022 ni xumurama.

Akkuma kanaan dura gabaafametti, obboloonni keenya fiilmii Seenaa Tajaajila Yesuus jedhamu kana waraabuu kan eegalan Caamsaa 20, 2022​tti, adda durummaadhaan waraabbii mana keessatti geggeeffamuun ture. Yeroo sanatti, obboloonni keenya heyyama guuttachuu qabanii fi ijaarsaa fi waraabbii seena qabeessa manaa alatti taasifamuuf isaan gargaaru eegaa turan. Heyyamni hundi Adoolessa 15, 2022​tti isaan qaqqabe. Dippaartimantiin Ijaarsaa Waajjira Damee Awustiraaleeshiyaa, ijaarsa bakka fiilmii kanaa hunda xumuree Garee Viidiyoo Naannootti kennee ture. Yeroo ammaatti ijaarsawwan kun hundi waraabbii fiilmiitiif qopheeffamaniiru.

Gamoon obboloota Garee Viidiyoo Naannoo keessaa hojjetaniif ijaarame, bakka nyaata itti qopheessan, bakka itti nyaatan, kutaalee waajjiraaf oolan, akkasumas kutaa rifeensaa fi miidhaginaa of keessaa qaba. Bineeldonni fiilmicha keessatti itti fayyadaman dallaa keessa jiraatan qabu

Obboloonni fedhaan hojjetanii fi 500 ol taʼan Awustiraaliyaa fi Niiwuzilaandi keessatti argaman, hojii ijaarsaa fiilmii seena qabeessa taʼe kanaa isa iddoo Meetir iskuweerii 7,000 taʼerratti argamurratti hirmaataniiru. Obboleessi keenya Raasil Giriigorseeviich inni qindeessaa Koree Ijaarsaa taʼe, ijaarsa kana ilaalchisee akkana jedheera: “Rakkoowwan hedduun kan nu mudatan taʼus, ragaawwan Yihowaan rakkoowwan kana akka moonuuf nu gargaaraa akka jiru argisiisan hedduu argineerra. Wanti kun hundi kan raawwatame, hafuura Yihowaatiin akka taʼe homaa hin shakkisiisu.”

Gargaaraa Koree Barumsaa kan taʼe obboleessi keenya Roonaaldi Karzaan, yeroo kutaan tokkoffaa fiilmii kanaa waraabamaa turetti baayʼee isaa irratti kan argame yeroo taʼu, akkana jedheera: “Tokkummaa fi jaalalli obboloota fedhaan hojjetanii fi miseensota maatii Beetel gidduu ture baayʼee kan namatti toludha. Pilaanii fi ijaarsa waggoota hedduu fudhate booda bakki fiilmichi itti hojjetamu guutummaatti faayidaarra yeroo oolu arguun nama gammachiisa. Gargaarsi obboloonnii fi obboleettonni naannoo waajjira damee kanaa jiran godhan baayʼee kan nama ajaaʼibudha. Fiilmiin kutaa 18 qabuu fi waaʼee jireenyaa fi barumsa Yesus ibsu kun, garaa namoota addunyaarratti argamanii akka tuqu homaa hin shakkisiisu.”

Miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe obboleessi keenya Keeneez Kuuk, marsaan jalqabaa kutaa tokkoffaa garri xumuraa yeroo waraabamaa turetti bakka sanatti argamee kan ture yeroo taʼu, akkana jedheera: “Yihowaan inni jaalala qabeessa taʼe hojii kana deggeraa akka jiru ifadha. Yihowaa fi obboloota fedhii isaanii aarsaa gochuudhaan, hojii ijaarsaa bakka fiilmiin kun itti hojjetamuu fi waraabbii fiilmiichaa irratti hirmaatan baayʼee galateeffanna. Fiilmiin adda taʼe kun namoonni hedduun Yesuusiin dhiheenyatti akka hordofanii fi Yihowaatti caalaatti akka dhihaatan akka gargaaru ni kadhanna.”

 

Karaa mooraa bakka fiilmichi itti waraabamutti ittiin seenan

Iddoon itti waraabamuu fi xumurame asii gadi yommuu ilaalamu

Gola hoolotaa (fuuldura isaa) qarqara mooraa bakka fiilmichi itti waraabamutti argamu

Bakka gabaa

Naannoo mana mootummaa