Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obbolootaa fi obboleettota bara 2010⁠tti Azarbaajaan keessatti qabamanii turan keessaa muraasa isaanii. Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa mirgi isaanii akka sarbame murteesseera

GURAANDHALA 27, 2020
AZARBAAJAAN

Dhimmoota Seeraa Azarbaajaan Ilaalchisee Injifannoowwan Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti Argaman

Dhimmoota Seeraa Azarbaajaan Ilaalchisee Injifannoowwan Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti Argaman

Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa (ECHR) Azarbaajaan keessatti bilisummaa Amantii keenya ilaalchisee Dhugaa Baatota Yihowaatiif injifannoowwan lama kenneera. Murtiin kenname kun bilisummaa waaqeffannaa obboloonni keenya biyyattii keessatti qaban caalaatti jabeessa jennee abdanna.

Guraandhala 20, 2020⁠tti Manni Murtichaa dhimmoota seeraa Nasirov and Others jedhamu isa bara 2010 kaasee turfame, akkasumas Religious Community of Jehovah’s Witnesses v. Azerbaijan isa bara 2009 irraa kaasee turfame ilaalchisee murtii kenneera. Naasiroov keessatti Azarbaajaan waanuma isaan lallabaniif qofa bara 2010⁠tti irra deddeebitee Dhugaa Baatota Yihowaa qabaa, murtiitti dhiheessaa fi adabaa waan turteef Walii Galtee Mirgoota Namummaa Awurooppaa keeyyata 5 fi 9 (Bilisummaa Namaa fi Bilisummaa Amantii) akka cabsite manni murtichaa murteesseera. Manni Murtichaa tokkoon tokkoon Dhugaa Baatota Yihowaa miidhaa irraan geessiste sanaaf doolaara Ameerikaa 3,235.80 (EUR 3,000) akka kaffaltu, walumatti qabaatti immoo doolaara Ameerikaa 22,650.60 (EUR 21,000) akka kaffaltu murteesseera. Hawaasa Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee immoo Azarbaajaan obboloonni keenya barreeffamoota tokko tokko akka biyya keessa hin galchinee fi hin raabsine dhorkuun ishii keeyyata 10⁠ffaa (Mirga Yaada Ofii Ibsachuu) cabsuu ishii akka taʼe murteesseera.

Jeesan Waayiz inni abukaatoowwan dhimmoota seeraa kana irratti gargaarsa godhan keessaa tokko taʼe akkana jedheera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa Azarbaajaan keessatti argaman barreeffamoota amantii biyya keessa galchuu fi raabsuu wajjin haala wal qabateen waggoota hedduudhaaf rakkoon isaan mudachaa ture. Barreeffamoota kana biyya keessa galchuun akka nuuf heyyamamuuf iyyata hedduu mana murtiitti dhiheessinee falmaa turre. Mootummaan Dhugaa Baatota warra kaaniif dhugaa baʼan qabee hidhaa waan tureefis dhimmoonni seeraa kanaa wajjin wal qabatan hedduunis jiru turan. Murtiiwwan Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa lamaan kun Dhugaa Baatota Yihowaa Azarbaajaan keessa jiraniif murtiiwwan seena qabeessa dha. Hawaasa Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee Manni Murtichaa barreeffamoonni amantii Dhugaa Baatota Yihowaa amantiiwwan Azaarbaajaan keessatti argaman kaan irratti rakkina akka hin fidnee fi miidhaa gadhee akka hin uumne murteesseera. Naasiroov keessatti immoo Manni Murtichaa barreeffamoonni amantii iddoowwan namoonni hedduun argamanitti namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taaneef raabsamuu akka dandaʼu murteesseera. Manni Murtichaa Azarbaajaan keessatti mirgi amantii fi mirgi yaada ofii ibsachuu akka kabajamu waan murteesseef baayʼee gammanna.”

Obboleessi keenya Faamiil Naasiroov akkana jechuudhaan miira isaa ibseera: “Kanaan dura biyya keenya keessatti rakkinni hedduun nu irra gaʼaa tureera. Poolisoonni nu qabanii saʼaatii 4 hanga 5 nu qorachuun isaanii baramaa ture. Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaa fi carraaqqii obboloonni keenya godhaniin kan kaʼe kun kana booda nu irra hin gaʼu; amma caalaatti bilisummaadhaan lallabuu dandeenya.”

Murtiin Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa kun kennamuu isaa dura illee obboloonni keenya Azarbaajaan keessatti mirga amantii argatanii turan. Mootummaan obboloonni keenya barreeffamoota keenya akka biyya galchanii fi raabsan isaanii heyyamee ture. Amajjii 2017 irraa eegalee obboloota keenya keessaa walgaʼiiwwan irratti waan argameef qofa qabamee kan adabamu hin jiru. Yeroo ammaatti magaalaa Baakuutti Galmawwan walgaʼii keessatti, guutummaa biyyattii keessatti immoo manneen dhuunfaa keessatti walgaʼiiwwan geggeeffamaa jiru. Bara 2015 irraa eegalee koreen Azarbaajaan keessatti dhaabbilee amantii galmeessuu fi toʼatu Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus kabajuuf, walgaʼiiwwan naannoo fi aanaa godhachuuf galmawwan kireeffaman akka argatan godheera.

Murtiiwwan gaarii kanaafis taʼe obbolootaa fi obboleettota keenya Azarbaajaan keessa jiran gargaaruu isaa waan itti fufuuf Yihowaa guddaa galateeffanna.—Faarfannaa 98:1.