Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAAMSAA 28, 2021
AZARBAAJAAN

Koreen Mirga Namummaa UN Mirga Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqeffannaaf Walitti Qabamuuf Qaban Deggeree

Koreen Mirga Namummaa UN Mirga Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqeffannaaf Walitti Qabamuuf Qaban Deggeree

Ebla 26, 2021, Koreen Mirga Namummaa UN dhimma Aziz Aliiyeevii fi dhimoota Azarbaajaan kan biroo irratti murtoo gaarii kenneera. Koreen kun Dhugaa Baatota Yihowaa Azarbaajaanii deggeree Mirga Waaqeffannaa keenyaaf yommuu murteessu kun siʼa sadaffaadha.

Dhimmi kun sakataʼinsa poolisoonni naannoo Zaagaataalaatti hawaasa Aliʼaabaad keessatti taasisan kan ilaalatu ture. Fulbaana 21, 2013 poolisoonni utuu Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun walgaʼii gumiif mana obboleessa Aziz Aliiyeeviitti walitti qabamanii jiranii mana isaa cabsanii seenan. Poolisoonni kun mana isaa ni sakattaʼan akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenya ni sossodaachisan kana malees barreeffamoota isaanii, dookmantii seeraa, kan yaalii fi qarshii fudhatan. Sana boodas hunda isaanii buufata poolisootaatti geessan. Gara buufataa poolisootaa utuu deemaa jiranii obboleettiin Havaa Aliiyeevaa dhukkuba gaggabdoo kan dhukkubsattu yommuu taʼu of wallaalte. Poolisoonni of wallaaluu ishii yommuu argan hoospitaalatti ishii geessuuf dirqaman. Akkuma ishiin of barteenis gaaffiidhaaf gara buufata poolisiitti geeffamte.

Yeroo boodas Manni Murtii Koonyaa Zaagaataalaa obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun Maanaatis Azarbaajaanii 1,500 (yeroo sanatti Doolaara Ameerikaa 1,716) akka adabaman murteessee. Manni Murtii Ol Iyyannoo Shekiis murtoo seera irratti hin hundoofnee fi manni murtii koonyaa murteesse deggere. Obboloonnii fi obbolettoonni keenya ol iyyannoo dhimma isaanii hamma dandaʼan Azarbaajaanitti erga dhiheessanii booda Koree Mirga Namummaa UNtti ol iyyannoo dhiheessan.

Koreen kunis Azarbaajaan mirga waaqeffannaa obboloonni keenya qaban akka sarbee fi seeraan ala isaan qabee akka adabe murteesse. Koreen kun murtoo dabarse irratti abbootiin taayitaa fi poolisoonni Dhugaa Baatota Yihowaa karaa sirrii hin taanen akka qabe dubbateera. Abbootiin taayitaa fi poolisoonni akka isaan hidhan isaan sossodaachisaniiru, tokko tokko arrabsaniiru, amantaa isaanii qeeqaniiru, haataʼu malee waaqeffannaaf walitti qabamuun isaanii ykn barreffamoonni isaanii warra kaan kan miidhe ykn miidhuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe hin dubbanne. Kanaan kan kaʼes Azarbaajaan obboloota keenyaa akka kiisuu fi gara fuulduraatti wanta wal fakkaatu akka hin uumamneef tarkaanfii barbaachisaa taʼe hundumaa akka fudhatuu fi seera biyya isaanii irra deebiʼanii akka ilaalan gaafatamaniiru.

Obboloonni keenya Azarbaajaan jiran waggoota dhihoodhaa asitti bilisummaan akka waaqeffatanii fi akka walitti qabaman waan isaaniif heyyamameef baayʼee gammanna. Maneen murtii yeroo amma jiran keessatti dhugaan seera duratti fudhatama argachuu isa waan itti fufeef Waaqa keenya Yihowaa galateeffanna.—Filiphisiyus 1:7.