Guraandhala 4, 2022
AZARBAAJAAN
Koreen Mirgoota Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Obboleettota Keenya Warra Sababa Azarbaajaan Keessatti Lallabaniif hidhamaniif Murteesse
Koreen Mirgoota Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (CCPR), Sadaasaa fi Muddee 2021tti murtoo mirga Dhugaa Baatonni Yihowaa waaʼee amantii isaanii namoota kaanitti himuuf qaban deggeru lama dabarse. Dhimmoonni lamaanuu, obboleettota keenya Azarbaajaan keessatti ergaa Kitaaba Qulqulluu namoota kaanitti waan himaniif humnoota mootummaatiin hidhaman lamaanii wajjin kan wal qabatanidha.
Sadaasa 5, 2021, Koreen Mirgoota Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, obboleettonni keenya Maataanaat Gurbaanoovaa fi Saadaat Muraadhasloovaa, lallabuuf mirga akka qaban murteesse. Obboleettonni keenya kun kan hidhaman, Sadaasa 2014tti himanni hin mirkanoofne tokko humnoota mootummaa erga qaqqabee booda ture. Obboleettonni keenya kun kopha kophaatti Maanaatii 1,500 (Doolaara Ameerikaa 880) adabamaniiru. Koreen Mirgoota Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, hidhaan kun seeraan ala akka taʼe kan murteesse yeroo taʼu, kana boodas Azarbaajaan qajeelfama kana hojii irra akka oolchitu ajajeera.
Obboleettonni keenyaa Maataanaatii fi Saadaat warri fira walii taʼan kun, akkas jedhaniiru: “Poolisoonnii fi abbootiin murtii akka sodaannu barbaadanii kan turan taʼus, wanti uumame amantii keenya nuuf cimseera. Yihowaan harkisaa gabaabaa akka hin taane ammas kan nuuf mirkaneesse yeroo taʼu, inni tajaajiltoota isaatiif yoomii fi akkamitti eegumsa akka godhu beeka.”
Himata wal fakkaataa Mudde 21, 2021 dhihaate irrattis, Koreen Mirgoota Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, poolisoonni Azarbaajaan keessatti argaman, obboleettonni keenya Jeeran Aziizoovaa fi Gulnaaz Israafloovaa, “sochii amantii seeraan ala taʼe geggeessan” jechuudhaan isaan hidhuun isaanii seera cabsuu akka taʼe ibseera. Koreen Mirgoota Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, murtoo dabarse irratti, obboleettonni keenya waaʼee amantii isaanii namoota kaanitti himuun isaanii seeraan ala akka hin taane ibseera.
Obboleettonni keenya Jeeranii fi Gulnaaz, Sadaasa 2016tti, michoota isaanii Gooranbooyitti argaman gaafachuu yeroo deemanitti, ergaa Kitaaba Qulqulluu namoota kaanitti himaniiru. Abbaan taayitaa naannoo sanaa, poolisootatti kan isaan himate yeroo taʼu, obboleettonni keenyas ni hidhaman. Qorannoon erga irratti godhamee booda, abbaan murtii tokko obboleettonni keenya basaastota akka taʼan dubbachuudhaan Maanaatii 2,000 (Doolaara Ameerikaa 1,176) akka adabaman murteesse. Manni murtii ol iyyannoos murtoo kana ni deggere. Kanaaf obboleettonni keenya dhimma isaanii kana Koree Mirgoota Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhiheeffatan.
Murtoowwan mirga nuti qabnu deggeran akkasii, misiraachoo Mootummichaa bilisummaadhaan lallabuuf nu gargaaru. Obboleettota keenya misiraachoo kana ija jabinaan lallabuudhaan fakkeenya nuuf taʼan kanatti baayʼee gammadneera.—Maatewos 10:18.