MUDDEE 24, 2020
AZARBAAJAAN
Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa Bilisummaa Waaqeffanna Akka Deggertu Azarbaajaanitti Murteesse
Onkoloolessaa fi Sadaasa 2020, Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa (ECHR) Dhugaa Baatota Azarbaajaan jiraniif murtii hedduu kenneera. Dhimmoonni kun Griidneevaa fi Azarbaajaan, Sheeveelii fi Sheengeelaayaa fi Azarbaajaan, Jaafaaroovii fi Azarbaajaan, akkasumas Taagiiyeevii fi Azarbaajaan wajjin wal qabatu. Murtoowwan ECHR kun mirgi obboloonni keenya lallabuuf, waaqeffannaaf walitti qabamuu fi barreeffamoota gara Azarbaajaanitti galchuuf qaban deggersa seeraa akka argatu godhu.
Himanni kun mana murtii kanatti kan dhihaatan bara 2011 fi 2012tti dha. Himanni Griidneevaa fi Azarbaajaan, Sheeveelii fi Sheengeelaayaa fi Azarbaajaan, poolisoonni walgaʼii gumii keenya weeraruu ykn hojii lallabaa keenya mormuu wajjin kan wal qabate dha. Jaafaaroovii fi Azarbaajaan, akkasumas Taagiiyeevii fi Azarbaajaan, mootummaan barreeffamoota keenya hedduu isaanii gara biyyaatti akka hin galle dhorkuu ykn daangessuu kan ilaallatu dha.
Kan nama gammachiisuu dhimmoota arfan keessaa sadii irratti (Griidneevaa fi Azarbaajaan, Jaafaaroovii fi Azarbaajaan, akkasumas Taagiiyeevii fi Azarbaajaan) Azarbaajaan mirga obboloota keenya akka sarbe amanuudhaan walumaa galatti doolaara Ameerikaa 12,880 kiisii kaffaluuf walii galeera.
Himanni Sheeveelii fi Sheengeelaayaa fi Azarbaajaan hiriyoota gaaʼelaa hojii daawwannaa irratti hirmaatan dogoggoraan qabuu fi biyyaa baasuu kan ilaallatu yoo taʼu, ECHR Azarbaajaan hiriyoota gaaʼelaa kanaaf doolaara Ameerikaa 3,680 akka kaffalu ajajeera.
ECHR murtoo kenne irratti akkas jedheera: “Hiriyoota gaaʼelaa kana waan kadhataniif ykn akka seera amantii isaaniitti waan waaqeffataniif adabuun waliigaltee Mirga Namummaa Awurooppaa wajjin wal hin simu. Hiriyoota gaaʼelaa kana adabuun seera biratti fudhatama qaba jechuun, mootummaan Azarbaajaan amantii biyya isaatti hin galmoofneef heyyama hin kennu jechuu dha. Kun immoo amantii nama tokkoo kan murteessu mootummaa dha yaada jedhu dabarsa.”
Waggoota dhihoodhaa asitti, abbootiin taayitaa Azarbaajaan jiran yeroo baayʼee Dhugaa Baatota Yihowaatiif kan murteessan siʼa taʼu, mirga isaanii isaaniif deggeraniiru. Murtoon ECHR dhiheenya godhe bilisummaa amantii obboloota keenya deggeruu isaatti ni galateeffanna. Hunda caalaa garuu Waaqa keenya Yihowaa isa “iddoo kooluu itti galluu fi jabina keenya” taʼe ni galateeffanna.—Faarfannaa 46:1.