Dhimma ijoo ta'etti seeni

FULBAANA 29, 2020
AZARBAAJAAN

Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa Dhugaa Baatota Yihowaa Azarbaajaan Jiraniif Murtoo Lama Murteesse

Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa Dhugaa Baatota Yihowaa Azarbaajaan Jiraniif Murtoo Lama Murteesse

Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa (ECHR) Fulbaana 24, 2020 Dhugaa Baatota Yihowaa Azarbaajaan jiraniif murtoo guguddaa lama murteesseera. Murtoon inni jalqabaa, dhimma Mootummaa Azarbaajaanii fi obboleessa keenya Vaaliyeevii fi obboloota kaanii wajjin wal qabatu dha; murtoon inni lammaffaan immoo, Dhaabbata Amantii Dhugaa Baatota Yihowaa fi Mootummaa Azarbaajaan wajjin kan wal qabatu dha. Murtoowwan kunneen mirga obboloonni keenya amantii isaanii bilisummaadhaan geggeeffachuuf qaban eegsisuuf kan gargaarani dha.

Dhimma lamaan irratti iyyuu mootummaan Azarbaajaan mirga obboloota keenyaa sarbee akka ture amaneera. Kana malees, mootummaan obboloota keenyaaf walumaa galatti kiisii yuuroo 19,000 (doolaara Ameerikaa 22,146) kaffaluuf walii galeera. Murtiin ECHR dabarse manni murtichaa murtoo Azarbaajaan akka fudhate argisiisa.

Obboleessi keenya Vaaliyeev mana dhuunfaa keessatti yommuu walgaʼii geggeessu

Dhimmi Mootummaa Azarbaajaanii fi obboleessa keenya Vaaliyeevii fi obboloota kaanii inni bara 2011⁠tti ECHRtti dhihaate obboloota magaalaa Gaanjaa keessa jiraatan kan dabalatu ture. Waggoota hedduudhaaf abbootiin taayitaa Gaanjaa jaarmiyaan keenya seeraan akka hin galmeeffamne dhowwanii turan. Kanaan kan kaʼes, poolisoonni yeroo hunda walgaʼii keenya isa naga qabeessa taʼe ni jeequ, namoota walgaʼicha irratti argaman ni hidhu, akkasumas namoota walgaʼicha irratti argaman tokko tokko immoo maallaqa hedduu adabu turan. Obboleessi tokko yeroo baayʼee himatamee maallaqaan adabameera; walumaa galatti qarshii Azarbaajaan 9,450 (yeroo sanatti doolaara Ameerikaa 11,375) kaffaleera. Obboloonnii fi obboleettonni tokko tokko adaba maallaqaa isaan irratti murteeffame kaffaluu waan hin dandeenyeef hidhamaniiru.

Bara 2013⁠tti immoo mootummaan Azarbaajaan baayʼina barreeffama gara biyyattiitti galuu dandaʼu waan daangesseef obboloonni dhimma isa lammaffaa, jechuunis dhimma Dhaabbata Amantii Dhugaa Baatota Yihowaa fi Mootummaa Azarbaajaan gara ECHRtti dhiheessan.

Mootummaan hamma yoonaatti magaalaa Gaanjaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa seeraan akka galmeeffaman heyyama kennuu baatus, haalli isaa baayʼee fooyyaʼeera. Waggoota dhihoodhaa asitti obboloonni keenya garee xixinnoodhaan manneen dhuunfaa keessatti poolisoonni utuu isaan hin jeeqin walgaʼii isaanii geggeeffachaa jiru. Kana malees, barreeffamni gara biyyattiitti galuu isaa dura haala isaa kan qoru taʼus, mootummaan obboloonni keenya barreeffama gaʼaa biyyattiitti akka galchan isaaniif heyyameera.

Obboleessi keenya Kiriil Isteepaanoov inni Deeskii Odeeffannoo Hawaasaa Dhugaa Baatota Yihowaa Azarbaajaan wajjin hojjetu akkana jedheera: “Murtoo barbaachisaan ECHR dabarse kun Dhugaa Baatonni Yihowaa magaalaa Gaanjaa fi magaalota Azarbaajaan kan biroo keessa jiran dafanii seeraan akka galmaaʼan, akkasumas mootummaan yeroo booda barreeffamni gara biyyattiitti galuu isaa dura qoruu isaa akka dhaabu godha jennee abdanna.”

Deeggarsa Yihowaan nuuf godhe kanaaf baayʼee galateeffanna. Murtoo gaariin kenname kun ‘meeshaan waraanaa saba Waaqayyoo balleessuuf tolfamu kam iyyuu milkaaʼina akka hin arganne’ ragaa dabalataa taʼa.—Isaayyaas 54:17.