Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboloota Keenya Rooyaal Keerimoov fi Seeyimuur Maammadoov Azarbaajaan

AMAJJII 4, 2023
AZARBAAJAAN

Obboloonni Keenya Rooyaal Keerimoov fi Seeyimuur Maammadoov Mana Hidhaa Azarbaajaan ni Hiikaman

Obboloonni Keenya Rooyaal Keerimoov fi Seeyimuur Maammadoov Mana Hidhaa Azarbaajaan ni Hiikaman

Obboloonni keenya Rooyaal Keerimoov fi Seeyimuur Maammadoov mana hidhaa Azarbaajaan ni hiikaman. Obboloonni kun tajaajila loltummaa irratti hirmaachuuf qalbiin isaanii waan isaaniif hin heyyamneef hirmaachuu didan.

Akkuma dursee gabaafametti, manni murtii Azarbaajaan gaaffii Seeyimuur tajaajila siviilii kennuuf gaafate heyyamuufii ni dide. Kanaaf Fulbaana 22, 2022 jiʼa sagal itti murteeffamee mana hidhaa gale. Murtiin kun murtoo Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa Azarbaajaan irratti dabarse lama kan cabsudha. Abukaatoowwan Seeyimur murticha ilaalchisee ol iyyannoo kan dhiheessan yeroo taʼu, Muddee 12, 2022​tti Manni Murtii Ol Iyyannoo Gaanjaa adabbii hidhaa kana gara dhorkaatti jijjiire. Seeyimur yeroo ammaa kan hiikame taʼus murtiin sirrii hin taanefi isarratti fudhatame akka haqamuuf Mana Murtii Ol Aanaa Azarbaajaatti iyyateera.

Seeyimur yeroo mana hidhaa tureti Kitaaba Qulqulluu ykn xalayaa akka argatu heyyamamuufii baatus Yihowaan jabina isaaf kenneera. Akkana jechuudhaan dubbateera: “Guyyaa xumuraa mana murtiitti dhihaadhe dura turetti waraqaa cittuu tokko irratti yaada Iyyaasuu 1:5, 6 irra jiruu fi akkana jedhun barreesse: ‘Akkuman Musee wajjin ture, sii wajjinis nan taʼa. Ani si hin dhiisu, si hin gatus.’” Jechoonni kun Seeyimur qabamee erga hidhamee booda isa jajjabeessaniiru. Seeyimur, “Caqasni kun caqasa Kitaaba Qulqulluu guyyaa” naaf taʼeera jedheera.

Abbootiin taayitaa obboleessa keenya Rooyaaliin Leenjii Tajaajila Loltummaa Naannoo Gadabaayitti argamuuf Caamsaa 30, 2022 waaman. Rooyaal tajaajila loltummaa irratti hirmaachuuf qalbiin isaa waan isaaf hin heyyamneef hirmaachuu kan dide yeroo taʼu bakka kanaa tajaajila siviilii kennuuf gaafate. Gaaffiin isaa fudhatama dhabe. Adoolessa 25, 2022 abbootiin taayitaa loltootaa isa qabuudhaan seeraan ala dhaabbata loltootaa keessatti hanga Sadaasa 1, 2022​tti hidhaniiru. Rooyaal tarkaanfiin Leenjii Tajaajila Loltummaa Naannoo Gadabaay godhe dogoggora taʼuu isaa abbootii taayitaa dhimmi isaa ilaallatuun akka qoratamu iyyate.

Rooyaal akkana jedheera: “Dhaabbata loltootaa keessaa akkan hin hiikamne yeroo natti himanitti baayʼeen gadde. Taʼus qorumsa amantii koo akka taʼe yaadachuufan yaale.”

Rooyaal hidhamee yeroo turetti obboleettiin isaa akka isa gaafattu heyyamameefii ture. Ishiinis Kitaaba Qulqulluu geessuufii kan dandeesse yeroo taʼu, Rooyaal kun karaa hafuuraa akka jabaatu akka isa gargaare dubbateera. “Yeroon itti abdii kutadhe tureera. Taʼus yeroo kanatti Yihowaan na jajjabeesseera. Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun nagaa guddaa naaf argamsiiseera.”

Abbootiin taayitaa Azarbaajaan obboloota keenya tajaajila loltummaa irratti hirmaachuuf qalbiin isaanii isaaniif hin heyyamne hidhuu isaanii akka dhaaban, kanaa mannaa akkuma biyyoota kaanitti godhamu bakka loltummaa tajaajila siviilii kennuuf akka isaaniif heyyaman ni kadhanna.—1 Ximotewos 2:1, 2.