Dhimma ijoo ta'etti seeni

Miseensi maatii Beeljiyam jiraatu tokko Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos 2021 viidiyoodhaan hordofaa jira

EBLA 16, 2021
BEELJIYAM

Ayyaana Yaadannoo 2021—Dhugaa Baatonni Yihowaa Beeljiyamitti Argaman Waggoota Hedduu Booda Ayyaana Yaadannoo Irratti Namoonni Hedduun Akka Argaman Gabaasan

Ayyaana Yaadannoo 2021—Dhugaa Baatonni Yihowaa Beeljiyamitti Argaman Waggoota Hedduu Booda Ayyaana Yaadannoo Irratti Namoonni Hedduun Akka Argaman Gabaasan

Beeljiyam keessatti Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus (Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaanni kun ayyaanota hundumaa caalaa qulqulluu akka taʼe amanu) bara 2021⁠tti kabajame irratti walumaa galatti namoonni 49,040 argamaniiru. Bara 1995 booda kun lakkoofsa namoota Ayyaana Yaadannoo irratti argaman isa guddaa ti. Lakkoofsi kun gara dachaa lakkoofsa Dhugaa Baatota Yihowaa biyyattii keessa jiranii taʼa.

Namoonni Beeljiyam keessa jiraatan hedduun amantaa kan hin qabne taʼaa waan dhufaniif, ayyaana kana irratti namoonni hammanaa argamuun isaanii baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Fakkeenyaaf, bara 1970⁠tti, namoonni Beeljiyam dhibbeentaa 90 ol Kiristiyaanota akka taʼanitti kan beekaman yeroo taʼu, namoonni amantii hin qabne immoo dhibbeentaa 6 irra xinnuma caalu turan. Haa taʼu malee, gabaasawwan yeroo ammaa jiran akka argisiisanitti, uummata biyyattii keessaa lakkoofsi Kiristiyaanotaa dhibbeentaa 60 gad taʼeera. Lakkoofsi namoota amantaa akka hin qabne dubbatanii immoo dhibbeentaa 40 ol taʼeera.

Yeroo dhihoodhaa asitti, miidiyaan Beeljiyam waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa gabaasa guutummaatti sirrii hin taane, yeroo tokko tokko immoo gabaasa soba taʼe dhiheessaa ture. Gabaasawwan sobaa akkasii kan jiran taʼus, namoonni Beeljiyam dabalataa waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa odeeffannoo sirrii taʼe argachuuf carraaqqii gochaa jiru. Namoonni fedhii qaban kun ofuma isaaniitiin jaalala Dhugaa Baatota Yihowaa gidduu jiru argaa jiru; wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baratan hojii irra oolchuu isaaniitiin jireenyi isaanii akkamitti akka fooyyaʼes arganiiru.—Yohaannis 13:35.

Obboleettiin takka kitaaba Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa jedhamutti fayyadamtee obboleettii dhiheenyatti cuuphamtee fi Ayyaana Yaadannoo 2021 irratti argamte qoʼachiisaa jirti

Guraandhala 2021⁠tti, waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa Beeljiyamitti argamu namoonnii 11,804 Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa akka jiran gabaaseera; kun lakkoofsa giddu galaa waggaa tajaajilaa bara darbee irra 1,000n caala. Waggoottan shanan darbanitti waggaa waggaadhaan, giddu galaan namoonni 450 taʼan cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru.

Guddinni Beeljiyamitti argame kun fakkeenyota Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman raajiin Kitaaba Qulqulluu armaan gadii yeroo raawwatamu argaa akka jiran argisiisan keessaa tokko dha: “Inni xinnaan kuma, inni hundumaa irra xinnaatus saba jabaa ni taʼa.”—Isaayyaas 60:22.