Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bara 1923​tti waajjira damee Riʼoo Dee Jaaneroo turee fi waajjira damee yeroo harʼaa Sizaariyoo Laanzee jiru

BITOOTESSA 7, 2023
BIRAAZIIL

Beetel Inni Biraaziilitti Argamu Hojii Dhugaa Baatota Yihowaa Waggaa 100f Deggareera

Beetel Inni Biraaziilitti Argamu Hojii Dhugaa Baatota Yihowaa Waggaa 100f Deggareera

Bara 2023​tti waajjirri damee Biraaziil erga hundeeffamee waggaa 100 guute. Waggoota 100 kana keessatti baayʼinni Dhugaa Baatota Yihowaa kan dabale yeroo taʼu kunis Yihowaan hojii kana akka eebbise kan argisiisudha.

Hojiin lallabaa Biraaziilitti geggeeffamu baroota 1890mman yeroo barruun Zaayansi Waach Taawar eendi Heeraaldi oov Kiraayistis Pirazansii biyyattii keessatti raabsuu jalqabetti eegale. Namoonni hedduun barreeffamoota kana jaallachuu jalqaban. Kanaafuu, Bitootessa 1923​tti Obboleessi Raazarfoordi, Obboleessa Joorji Yaangii waajjira damee akka hundeessuu fi hojii lallabaa akka gurmeessu Biraaziilitti erge.

Obboleessi Joorji biiroo xinnoo tokko kan kireeffate yeroo taʼu, kunis Biraaziil qofatti utuu hin taʼin guutummaa Ameerikaa Kibbaatti waajjira damee jalqaba baname taʼe. Akkasumas Obboleessi Joorji barreeffamoonni Ingiliffa irraa Afaan Poortugaalitti akka hiikamuu fi dhaabbata maxxansaa naannicha jiruun akka maxxanfamu qophii godhe.

Bara 1925​tti, Obboleessi Joorji Arjantiinaatti tajaajila misiyoonummaa isaa kan itti fufe yeroo taʼu, Obboleessi Joon Reenboo jedhamu ilaaltuu ol aanaa waajjira damee xinnoo Biraaziil taʼee ramadame. Bara 1926​tti waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Biruukiliin Niiwu Yoorki, Yuunaayitid Isteetisitti argamuu maashiniin maxxansaa xinnoon tokko Biraaziilitti ergame. Kun obboloonni biyyichaa barruulee fi buukleetota ofiin akka maxxansan gargaareera.

Bara 1945 kaasee misiyoononni Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giiliyaad hojii lallabaa Biraaziilitti godhamu akka gargaaran ramadaman. Yihowaan carraaqqii isaan godhan baayʼee kan eebbise yeroo taʼu, baroota 1948 hanga 1968​tti babalʼistoonni Mootummichaa 1,000 gara 50,000​tti guddatan. Waggoota sadan darban qofatti giddu galeessaan waggaa waggaan namoota 21,000 oltu cuuphame. Yeroo harʼaa Biraaziil keessa babalʼistoota misiraachicha lallaban 900,000 oltu jira. Guddina dinqisiisaa taʼe kanaan kan kaʼe yeroo baayʼee irra dedeebiʼuudhaan Beetel haaromsuun ykn babalʼisuun barbaachiseera. Bara 1980​tti, waajjirri damee magaalaa Sizaariyoo Laanzee ishii Saaʼoo Poloo irraa kiilomeetira 150 fagaattutti jijjiirame. Yeroo sanaa kaasee gamoowwan Sizaariyoo Laanzee irratti siʼa sadii hojiin balʼisuu godhameera. Yeroo harʼaa bakka kanatti obboloonnii fi obboleettonni 1,200 ol taʼan tajaajilaa jiru.

Hojii barattoota gochuu Biraaziilitti waggaa dhibba tokko darbanitti godhame Yihowaan hangam akka eebbise yeroo arginu gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama.—1 Qorontos 3:7.