Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 4, 2020
BIRAAZIIL

Biraaziilitti Lolaa Cimaan Erga Gaʼee Booda Hojiin Qulqulleessuu Hojjetamaa Jira

Biraaziilitti Lolaa Cimaan Erga Gaʼee Booda Hojiin Qulqulleessuu Hojjetamaa Jira

Amajjii 2020 eegalee Espiiriitoo Saantoo fi Miinaas Geeraayis warra bulchiinsawwan Biraaziil taʼanitti bokkaa baayʼee cimaan roobuu isaatiin kan kaʼe lolaa guddaan uumameera. Lolaan daandii irra dhangalaʼaa jiru kun manneen diigeera, konkolaataawwan fudhatee deemeera akkasumas mukeetii bubuqiseera. Akka aangawoonni jedhanitti namoonni kumatti lakkaaʼaman mana isaanii dhiisanii deemuuf dirqamaniiru, 60 ol kan taʼan immoo duʼaniiru.

Espiiriitoo Saantoo

Magaalota Ikoonaa fi Alfireedoo Chaavees jedhamanitti lolaan kun manneen Dhugaa Baatota Yihowaa sagal obboloonnii fi obboleettonni 27 keessa jiraatan irra miidhaa geessiseera. Kan nama gammachiisu obboloota keenya keessaa kan miidhame ykn kan duʼe tokko illee hin jiru.

Dhugaa Baatonni gara 100 taʼanii fi naannoo sana jiraatan obboloota lolaa Kanaan miidhaman gargaaruuf fedhiidhaan of dhiheessaniiru. Obboloonni toʼannaa jaarsolii jala taʼuudhaan nyaataa fi uffata arjoomaniiru. Kana malees, manneen obboloota keenyaa fi olloota isaanii Dhugaa Baatota hin taane qulqulleessuu fi dhoqqee keessaa baasu irratti gargaarsa godhaniiru.

Miinaas Geeraayis

Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa kan miidhame ykn kan duʼe tokko illee hin jiru. Taʼus, Galmawwan Walgaʼii shan irra miidhaan gaʼeera; maatiiwwan Dhugaa Baatotaa gara 50 taʼan immoo mana isaanii dhiisanii deemuuf dirqamaniiru. Obboloonni tokko tokko lolaa ol dabalaa deemuun karaa itti baʼan waan dhabaniif, manneen isaanii darbii lammaffaa irraa bidiruudhaan baafamaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni bakka sanaa baafaman hundi hidhattoota amantii isaanii Dhugaa Baatota taʼan bira buufataniiru.

Espiiriitoo Saantoosis taʼe, Miinaas Geeraayisitti hojii gargaarsaa qindeessuuf, Koreewwan Gargaarsaa hundeeffamaniiru. Koreen Gargaarsaa, babalʼistoota miidhamaniif wanta karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa barbaachisu gochuuf ilaaltoota ol aanaa aanaa fi jaarsolii gumii wajjin qindoominaan hojjechaa jiru.

Obboloota lolaa kanaan miidhamaniif kadhachuu keenya itti fufna. Yihowaan karaa waldaa obbolummaa keenyaa jabina, jajjabinaa fi gargaarsa qabatamaa kennuu isaatti isa ni galateeffanna.—Faarfannaa 28:7.