WAXABAJJII 22, 2022
BIRAAZIIL
Biraazil Keessatti Seera Biratti Beekamtii Erga Argannee Waggoonni 75 Darbaniiru
“Amantiin, Hinaaffaan Keenya fi Amanannaan Yihowaa Irratti Qabnu Matumaa hin Laafne”
Waxabajjii 23, 1947, Dhugaa Baatonni Yihowaa Biraazil keessatti Waldaa Masaraa Eegumsaa fi Tiraaktii (Sociedade Torre de Vigia de Bíblias e Tratados) jedhamanii galmeeffamaniiru. Kun maqaa jalqabaa Biraazil keessatti seera biratti waggoota 75an darbaniif ittiin beekamani dha. Obboloonni seera biratti beekamtii kana argachuuf mormii waggoota hedduudhaaf isaan irra gaʼe dandamachuun isaan barbaachiseera.
Onkoloolessa 13, 1945, babalʼistoonni Biraazil keessa jiraatan Dhugaa Baatonni Yihowaa beekamtii akka argatan deggersa gaafachuuf iyyanni namoonni hedduun irratti mallatteessan tokko tamsaafamee ture. Guutummaa biyyattii keessatti, babalʼisootnni tilmaamaan 400 taʼan mallattoo 44,411 sassaabu dandaʼaniiru. Iyyata isaanii kanas mana mootummaa pirezidaantii biyyattitti kan ergan taʼus, deebii utuu hin argatin hafaniiru.
Bara 1946, Biraazil seera ittiin bulmaataa haaraa baaste. Seerri ittiin bulmaataa kun seerawwan Waldaan Masraa Eegumsaa fi Tiraaktii seeraan akka galmeeffamu heyyamu kan dabalatu ture. Waggaa sanatti, jiʼa jiʼaan dimshaashaan babalʼisootnni 442 taʼan biyyattii keessatti hojii lallabaa irratti hirmaachaa turan.
Qeesonni Dhugaa Baatonni Yihowaa seera biratti beekamtii argachuun isaanii isaan hin gammachiisne ture. Waggaa sadii booda, jechuunis Sadaasa 3, 1949, qeesonni sun pirazidaantii biyyattii irratti dhiibbaa gochuudhaan labsii hojii Waldaa Masaraa Eegumsaa akka dhaabsisu fi cufsiisu ibsu akka mallatteessu gochuu dandaʼan. Obboloonni dhimmicha mana murtiitti dhiheessan. Himanni kun hamma bara Ebla 8, 1957 pirezidaantii haaraan murtoo Waldaa Masaraa Eegumsaa fi Tiraaktii deggru murteessanitti kan itti fufe ture.
Obboloonni dhimmoota seera wajjin wal qabatan irratti qabsoo gochaa kan turan taʼus, Yihowaan hojii lallabaa isaan raawwachaa jiran eebbisuu isaa itti fufeera. Obboleessi keenya Daalmaa Meenjis Sowutuu, inni bara 1941tti cuuphamee fi miseensoota Waldaa Masaraa Eegumsaa fi Tiraaktii Biraazil turan keessaa isa jalqabaa ture akkana jedheera: “Amantiin, Hinaaffaan Keenya fi Amanannaan Yihowaa Irratti Qabnu Matumaa hin Laafne, kanaan kan kaʼes lakkoofsi babalʼistootaa dabaluu isaa itti fufeera. Bara 1947 lakkoofsi babalʼistootaa yeroo jalqabaatiif 1,000 ol yommuu taʼu baayʼee gammanne.”
Yeroo sanaa kaasee, lakkoofsi Dhugaa Baatota Yihowaa Biraazil keessa jiranii karaa nama dinqisiisun baayʼee dabalaa dhufeera. Bara 2021, babalʼistoonni Biraazil keessa jiran lakkoofsa haaraa 913,479 kan galmeessisan yommuu taʼu, namoonni 2,184,856 taʼan Ayyaana Yaadannoo Duʼa Kiristoos irratti argamaniiru. Walgaʼiin naannoo bara 2021 “Amantiidhaan Jabaadhaa!” jedhamu, afaanota biyyattii keessatti dubbataman 10 dabalatee afaanota 15niin hiikameera.
Yihowaan hojii Biraazil keessatti hojjetamu eebbisuu isaa arguu keenyatti jajjabaanneerra. Seera biyyattii wajjin haala wal qabateen haalawwan rakkisoon kan isaan mudatan ta‵us, obboloonni keenya jabaatanii dhaabbachuun isaanii, ragaa Yihowaan warra isa abdatan akka oolchu mirkaneessu dha.—Isaayyaas 25:9.