Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 4, 2022
BIRAAZIIL

Kaaba Biraaziilitti Bokkaa Cimaan Lolaa Geessise

Kaaba Biraaziilitti Bokkaa Cimaan Lolaa Geessise

Bokkaa cimaan Muddee 24 hanga 26, 2021 bulchiinsa Biraaziil kan taate Baahiyaatti roobe namoota 640,000 ol irra miidhaa geessiseera. Lolaan sababa bokkaa kanaatiin uumame riqicha diigeera, akkasumas magaalonni hedduun bishaaniin akka guutamanii fi akka gargar citan taasiseera.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe

  • Obboloota keenya keessaa tokko iyyuu hin miidhamne

  • Babalʼistoonni 273 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 109 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 3 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Bishaan, nyaataa fi uffata akka dhiheessuuf Koreen Gargaarsa Yeroo Balaa (DRC) tokko hundeeffameera

  • Babalʼistoonni qeʼee isaanii irraa buqqaʼan yeroof firoota isaanii ykn babalʼistoota kaan bira buufatanii jiru

  • Hojiin gargaarsaa hundi qajeelfama of eeggannoo COVID-19 wajjin karaa wal simuun hojjetamaa jira

Obboleessi Maarseeloo Ambiroosiyoo inni koree gargaarsaa keessatti hojjetu akkas jedheera: “Jaalala obbolummaa arguun keenya baayʼee nu jajjabeesseera, akkasumas caalaatti Yihowaa tajaajiluuf akka kutannu nu taasiseera.”

Yihowaan obboloota bokkaa kanaan miidhamaniif, “iddoo amansiisaa kooluu itti galan” akka isaaniif taʼu beekna.—Faarfannaa 9:9.